Bayyanaa Ibraahimiin
Finfinnee: Waggaa sadaffaa Doktar Abiyyi Ahmad aangoo ministirummaa muummee ittiqabatan sababeeffachuun sirni dargaggoonni Itoophiyaa naannolee hundarraa babahan Doktar Abiyyiif badhaasa ittikennaniifi isaanis dargaggootaafi namoota kaan badhaasan Bitootessa 25 bara 2013 Finfinnee, Hoteela Sharaatinitti kan adeemsifamu ta’uun ibsame.
Sirna kanarratti sagantaan namoota dhimma nageenyaafi tokkummaarratti hojii guddaa hojjetan badhaasuufi galeeffachuu, dargaggoonni Itoophiyaa ministira muummeedhaan, “Baga waggaa 3fa aangoo itti qabatte geesse, nageenyaafi tokkummaa biyyaa ijaaruuf dadhabdeettaa kanaafis si galateeffanna, si maddiis jirra” jechuun ministira muummeef badhaasa kan kennan ta’uu koreen dhimmicha geggeessu ibsa kaleessa miidiyaaleef kenneen beeksiseera.
Ministirri muummeenis dargaggootaafi namoota nageenyaafi tokkummaa biyyaa eegsisuu keessatti hojii guddaa hojjetaniif beekamtiifi badhaasa kan kennan ta’uun ibsameera.
Moggaasa, “Nageenyaaf nan fiiga, dirqama lammummaa kan bahadha” jedhuun fiigichi kiiloo meetira shanii ka’umsiifi deebiinsaa Addababayii Masqalaa ta’e Bitootessa 25 bara 2013 waaree dura kan geggeeffamu yoo ta’u, waaree booda ammoo sirni badhaasaa akka adeemsifamu himameera.
Namni maatiifi biyyasaa jaalatu kamuu harka walqabatee nageenyaafi tokkummaa Itoophiyaa walgargaarree haa eegnu kan jedhe korichi, qophichi qaamolee sadi jechuunis Ministeera Nageenyaa, Dargaggoota Itoophiyaafi Isti Afrikaa Intarteyimnati ende eventi orgaanaazar walta’uun kan qopheessan ta’uun ibsameera.
Ministirri Muummeen Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad biyya bulchuuf Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatiin muudamanii hojii kan eegalan Bitootessa 24 bara 2010 ta’uun ni yaadatama.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
5 Comments to “Sirni Dokrar Abiyyi Ahmadiif badhaasa kennuu Bitootessa 25 geggeeffama”