Onneen keenya kutaa qaama keenyaa keessaa laphee keenya gara bitaatti kan argamuufi kutaawwan qaama keenya garagaraaf dhiiga raabsuu keessatti ga’ee olaanaa taphata.
Onneen qaama (orgaanii) dhiiga hidda dhiigaa keessaan qaamota keenya garaagaraatiif raabsuuf tajaajiltu dha. Dhiigni ammoo oksijiiniifi wantoota biroo kan dalagaa qaama keenyaatiif barbaachisoo ta’an of keessatti qabatee deema; wantoota qaama keenyaaf hinbarbaachifnes qaamotarraa fuudhee deebi’a.
Onneen dalagaa ishee kana hojjachuuf cinaa (side) lamattiifi kutaa (chamber) afuritti qoodamti. Cinaan mirgaa dhiiga deebi’uu fudhachuufi sombaaf dabarsuurratti dalaga. Cinaan bitaa ammoo dhiiga sombi oksijiinii itti goote fudhatee qaamota keenya hundaaf raabsa.
Kutaan afran jenne ammoo lama cinaa mirgaatiin lamaan ammoo cinaa bitaatiin argamu. Isaan cinaa gara tokkoon argaman waan xiqqoo akka arrabaa jirtu tan cufamtuufi banamtu tan ‘valve’ jedhamtuun adda bahu. Akkuma qaamota keenya kan biroo dalagaa ishee dalaguuf Onneenis dhiiga karaa hidda dhiiga onneetiin (coronary artery) jedhamuun dhiiga maashaa onneetiif raabsiti.
Dhiigawwan qulqullaa’aa hintaane ykn oksijiinii ga’aa hinqabne, kutaawwan qaama keenya garaagaraarraa fuudhuun gara somba keenyaatti ergee akkasumas dhiigni gara sombaa deemee erga qulqullaa’ee ykn oksijiinii ga’aa argatee boodas gara ofii dabalatee gara kutaawwan qaama keenyaa garaagaraatti raabsuu keessatti ga’ee olaanaa taphata.
Kutaawwan qaama keenya hundi isaanii kanneen akka sombaa, kalee, sammuu, tiruufi kkf sirriitti hojiisaanii raawwachuuf anniisaa isaan barbaachisa. Anniisaa kanas kan argatan dhiiga oksijiiniin badhaadhe, kan onneen keenya raabsitu yoo argate qofa. Kanaaf, onneen keenya yoo miidhame kutaawwan qaama keenyaa garaagaraa hojii idileesaanii hanga dhaabuutti waan gahuuf rakkoowwan fayyaa garaagaraatiif nu saaxiluu danda’a.
Wantootni onnee keenya miidhan maalfa’i?
- Dhiphina garmalee (stress) akkuma beekamu namni sababa garagaraarraa kan ka’e yeroo dhiphatu ykn muddamu hormooniiwwan qaamasaa keessa jiran waan jeeqamaniif rakkoowwan onnee adda addaatiif ni saxilama.
- Ilkaan keenya sirriitti qulqulleeffachuu dhiisuu. Jarmiiwwan garaagaraa afaaniifi ilkaan keenya jalatti argaman rakkoowwan infeekshinii keessoo onneef nama saaxiluu danda’a.
- Sochii qaamaa gochuu dhiisuu. Sochii qaamaa gochuu dhiisuun ulfaatina garmaleef waan nama saaxiluuf, akkasumas hammi faatii ykn cooma qaama keenya keessa jiranii akka dabalu gochuun coomi kun ujummoo dhiigaa cufuun onneen keenya akka miidhamtu godha.
- Ulfaatina qaamaa olaanaa ykn ulfaatina qaamaa baay’ee gadi aanaa
- Yeroo dheeraaf taa’aa ( fknf- tv ilaaluudhaan, fiilmiiwwan adda addaarra taa’aa ooluu).
- Yeroo halkan rafan kurruufuu cimaa (qoquu) (snoring) osoo qabanii yaalamuu ykn ilaalamuu dhiisuu.
- Hirriba ga’aa rafuu dhabuu.
- Araadawwan akka tamboo xuuxuufi alkoolii dhuguu
- Nyaatawwan cooma hedduu of keessaa qaban soorachuu
- Nyaata soogidda ykn ashaaboo hedduu qabu soorachuu
- Dhiibbaa dhiigaa ol ka’aaf yaala osoo hinargatin turuu fa’i.
Dadhabuu Onnee
Onneen keenya sababoota garaagaraa armaan oliitti eerre irraa ka ka’e akkasumas karaa infeekshiniiwwan garaagaraa dadhabuu danda’a
Kanaaf dadhabuun onnee rakkinnoota/dhukkuboota akkasumas uumamaan sirrii ta’uu dhabuu qaamota onnee kanniin armaan olitti eeraman (Maashaa onnee, valvii/’valve’ onnee, hidda dhiigaa onnee/’coronary artery’fi kkf ) keessaa tokko irraa ta’uu danda’a.
Mallattoowwan yeroo onneen dadhabdu mul’atan:
Mallattooleen kunniin turtii yeroo dheeraa keessatti jabaataa dhufuu ykn haala dhibee irratti hundaa’uun yeroo gabaabduu keessatti mul’achuu danda’u.
- Hafuurri namatti ciccituu/ hanqatuu
- Nama dadhabsiisuu
- Boraatii malee yoo ciisan hafuurri nama hanqatuu ykn nama hargansiisu
- Halkan erga rafanii booda qilleensi nama hanqate ykn ukkaamsee hirriba ka’uufi qilleensa argachuuf gara foddaa deemuu ykn foddaa banachuu
- Lukni/ miilli namaa dhiita’uu ykn fuffuuruu
- Dha’annaan onnee keenyaa ol ka’uufi tartibaan dha’achuu dadhabuu
- Yoo dalagnu/hojii irratti dafnee dadhabu.
- Qufa’uu keessattuu galgala galgala. Yeroo tokko tokko aakkiin qufaa wajjin bahu dhiiga makachuu.
- Garaan dhiita’uu/dhiita garaa.
- Dhangala’on qaamoota keenya keessaattiif irratti waan kuufamaniif ulfaatinni qaamaa dabaluu
- Fedhiin nyaataa gadi bu’uu
- Dha’annaan onnee/yoo onneen dhahattu namatti beeksisuu.
- Dhukkubbiin naannoo onneefi qoma gara bitaafi ceekuu bitatti namatti dhaga’amuu.
Mallatoolen armaan oliitti eerre hundi yeroo tokkotti namarratti mul’achuu dhabuu danda’u. Namni mallattooleen kunniin irratti mul’ate hundi dadhabinna onnee qaba jechuullee miti.
Dadhabuu onneetiif sababa kan ta’an maalfaadha ?
- Dhiibbaa dhiigaa (Hypertension): yoo dhiibbaa dhiigaa qabaanne onneen teenya dhiibbaa hiddoota dhiigaa keessa jiran irra aantee dhiiga qaamota keenyaaf raabsuuf dalaga guddaa hojjachuutu irraa eegama.
Turtii yeroo booda maashaan onnee yabbachuufi dhawaata dhawaataan kutaan onnee cinaa bitaa jiru akka bal’atu gochuudhaan onneen teenya dalagaa ishee akka dadhabdu godha. Dhiibbaa dhiigaa keenya to’achuun ykn yaala isaa hordofuun carraa kana haalaan xiqqeessa.
- Dhukkuba dhiphachuu hidda dhiiga onnee (coronary artery disease). Inni kun yeroo dheeraa keessatti coomni/kolestirooliin/ hidda dhiigaa keessatti kuufamaa deemu dhiphachaa deemuu hidda dhiigaa onnee yeroo fidu irraa kan dhufuudha.
Kuufama koolestirolii sanirraayis fottoquun hiddi dhiigaa kun tasa cufamuu danda’a yeroo kana dhukkubbiin hamaan lubbuu namaa tasa du’aaf saaxiluu danda’u nama mudachuu danda’a. Dhiigni itites hidda kanniin cufuudhaan dhukkubii hamaa san (Dhukkuba onnee akka tasaa- heart attack) namatti fiduu danda’a.
- Rakkinna Valvii onnee: Valviin onnee cufamaafi banamaa kallattii sirrii/barbaachisaa ta’een dhiigni onnee keenya keessa akka deemuufi qaamota biraatiif akka tamsa’u tajaajilti. Rakkinni ykn dhukkubni valvii kana miidhan onnee dalagaa ishee haalaan akka hin dalagne godhu. Kunis dhawaataan dadhabinna onnee fida.
- Rakkinna/dhukkuboota maashaa onnee (cardiomyopathy): maashaan onnee infeekshiinii garaagaraatiin, alkoolii baay’isanii dhuguunifi dawaa garaagaraa fudhachuudhaan miidhamuu danda’a. Uumamni maashaan kun namoota tokko tokko irratti qabu rakkinnoota kanaaf yoo saxilaman salphaan akka miidhaman gochuu danda’a.
- Uumamaan sirrii ta’uu dhabuu qaamoota onnee (Congenital Heart Disease); uumamni qaamota onnee (valvi, hiddi dhiigaafi kkf) uumamni isaani sirrii ta’uu dhabuun onneen dalagaa ishee haalaan akka hin dalagneefi dadhabdu gochuu mala.
- Dhukkuboota biroo kan akka Dhukkuba Sukkaraa, dhukkuba baay’achuu hormoonii xan’acha tayirooyidiitiin omishaman, dhiigni itite hidda dhiigaa onnee irraa gara sombaa deemu cufuufi hanqinna dhiigaa baay’ee gadi bu’aa ta’e isaan dadhabuu onnee fidan keessaa ijoo kan ta’aniidha.
Maal gochuu qabna?
Mallattoolee armaan olitti eeraman keessaa hedduu isaanii yoo of irratti agarre mana yaalaa demnee qorannoolee barbaachisoo kan Doktorri keenya nuuf ajaju dalagsiisuu.
Akkuma waliigalaatti fayyummaa onnee keenyaaf:
- Tamboo ykn sigaaraa aarsuu dhabuu.
- Sochii qaamaa (deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, fiigiichaafi kkf) guyyaa guyyaan daqiiqaa soddomaafi achi oliif yoo xiqqaate torbaanitti guyyoota shaniif hojjachuu. Yoo dhukkubbiin hamaa ta’e naannoo qomaafi ceekuu bitaatti nutti dhagahamaa jiraate kana addaan kutuu qabna.
- Ulfaatinna qaamaa hojjaa/dheerinna keenyaan wal hin madaalle yoo qabaanne ta’e ulfaatinna san hirdhisuu.
- Nyaata sirriifi madaalawaa ta’e filachuu; jechuun fuduraafi kuduraa nyaachuu. Soqida xiqqeessanii fayyadamuu. Nyaata akka foon diimaa, cooma, killeefi dhadhaa daran xiqqeessuu.
- Dhukkuba dhiibbaa dhiigaatiif dhukkuba sukkaaraa yoo qabaanne haalaan to’achu. Yaala isaanii haalaan hordofuu.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013
Buy semaglutide http://rybelsus.tech/# buy semaglutide online
rybelsus generic