Natsaannat Taaddasaatiin
Hojii gaariin bu’aa yaada gaariiti. Yaada gaarii qabaannee hojiidhaan agarsiisuu baannaan yaada gaarii qabaachuun keenya qofti gatii hinqabu. Nama yaada gaarii qabutu waan gaarii raawwata. Waan gaarii hojjennee milkaa’uuf jalqaba yaada gaarii qabaachuu ykn maddisiisuu qabna.
Namoonni yaada gaarii qaban yeroo hunda fedhii hojii qabu, rakkoolee ni furu, yaada ijaaru burqisiisu, egereef yaada fooyya’aa qabu. Namoonni yaada gaarii qaban haala rakkisaa kamuu keessatti of to’achuun yaada furmaataa maddisiisu. Namootni yaada gaarii qaban milkaa’oodha.
Namoonni yaada gaarii qaban akkaataa ittiyaadaniin walfakkaatu. Namoonni milkaa’aniifi hinmilkoofne kan adda taasisu akkaataa itti yaadaniidha. Namoota yaada gaarii qaban irraa barachuudhaan akkaataa itti yaadnu geddaruun jireenya keenya jijjiiruu dandeenya.
Namoonni yaada gaarii qaban wantoota gaarii hojjetu, galii maddisiisu, carraa gaarii uumu, rakkoolees ni furu. Namoonni yaada gaarii qaban barumsaanis ta’e hojiidhaan gara sadarkaa fooyya’aafi haaraatti ce’uun jireenya dhuunfaafi namoota biroo jijjiiraa deemu.
Yaada ofii jijjiirrachuun battalumatti waan raawwatamu miti. Nama yaada gaarii qabuufi maddisiisu ta’uuf namoota yaada gaarii qabanirraa barachuu qabna. Yeroo baay’ee wantoota gaggaarii namoota biroos fayyadan kan hojjetaniifi yaadicha kan maddisiisan namoota yaada gaarii qabaniifi raawwataniidha. Yaaduun hojii cimaadha. Kanaafi, baay’inni namoota yaada gaariifi ijaaraa qabanii addunyaa kanarratti muraasa kan ta’eef.
Yaadni investimantii gatii olaanaa qabuudha. “Albuuda warqii lafa keessaa ba’urra yaada sammuu namaa keessaa ba’utu ykn jirutu caalaa gatii qaba” jedha barreessaa Naapooliyoon Hiil.
Kanaafuu yaada kee jijjiiruufi waan gaarii yaaduu oggaa jalqabdu ofii keerratti investi gochaa jirta jechuudha. Albuudotni gatii jabeessi lafa keessaa dhumuu danda’u, yaadni sammuu nama gadifageessee yaaduu keessa jiru garuu kan hindhumneefi gatiidhaan hintilmaamamneedha.
Akkamitti nama yaada gaarii qabu ta’uu dandeenya? Nama yaada gaarii qabu ta’uuf akkaataa itti yaadnu jijjiiruufi fooyyessaa deemuu qabna. Namootni waan gaarii yaadan yeroo hundumaa kitaaboleefi barruulee dubbisu, ni dhaggeeffatu, namoota yaada gaarii qaban waliin yeroo isaanii dabarsu.
Kanaafuu yaada gaarii qabaachuuf ykn horachuuf yeroo keenya namoota yaada gaarii qaban waliin dabarsuu, dubbisuufi dhaggeeffachuu qabna. Akkuma sibiilli sibiila qaru namootni yaada gaarii qaban namoota yaada gaarii qaban biroo qaru ykn horu. Kanaafuu yoo nama yaada gaarii qabu ta’uu barbaadne hiriyoota yaada gaarii qaban filannee waliin ooluufi irraa barachaa deemuu qabna.
Namoota yaada gaarii qaban ta’uuf gadi fageessanii yaaduufi yaadota ijaaraa maddisiisuu nu gaafata. Gadifageessanii yaaduuf yeroofi iddoo olaanaa kennuu qabna. Sammuufi miirri keenya yaada gaarii akka yaaduufi raawwatuuf eeyyamuu qabna. Yaadni gaariin wantoota gaarii akka yaadnuufi hojjennu nu taasisa.
Milkaa’inni keenya ammoo yaadota gaarii biroofi hojiilee milkaa’oo biroo akka hojjennuuf nu kakaasu. Yaadni gaariin qofti milkaa’a waan hintaaneef iittifufiinsaan waan gaarii yaaduufi raawwachuu qabna. Yaadni gaariin dhiibbaa uumuu kan danda’u sammuu keessaa ba’ee hojiirra yoo ooleedha. Dandeettii yaaduu keenyaa ammoo barumsaan guddisuu dandeenya.
Walumaagalatti hojii gaariin bu’aa yaada gaariiti. Kanaafuu namoota yaada gaarii qabanirraa barannee wantoota gaggaarii nuyiifi biyya keenya fayyadan hojjechuutu nurraa eegama. Waan gaarii yaaduufi hojjechuun akka galaattis nu gargaara. Namni waan gaarii yaaduufi hojjetu ammoo nama birattis ta’e Waaqa biratti jaalatamaafi kabajamaadha.
Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013
5 Comments to “Hojii gaariin bu’aa yaada gaariiti”