Miseensota ABO Shanee irratti tarkaanfiin fudhatamuun ibsame

Riippoortara gaazexichaatiin

Finfinnee: Garee Juuntaa TPLF waliin qindaa’uun Naannoo Oromiyaa godinaalee garagaraa keessatti walitti bu’insa, ajjeechaafi saamichaa raawwataa turan humnoota badii ABO Shanee 782 irratti tarkaanfiin garagaraa fudhatamuu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksise.

Dhimma kanarratti Hogganaan Biirichaa Obbo Geetaachoo Baalchaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, mootummaan naannichaa nagaafi tasgabbii mirkaneessuu hindandeenye jechuun qaamolee qeeqaniif deebii tahuu danda’an jedhanii, hoggantoota aanaa hanga gandaa seera kabachiisuu dadhabaniifi hoggantoota mootummaa garee ABO Shanee waliin ta’uun lammiilee nagaarratti badii raawwataa turanirratti tarkaanfiin fudhatamuu himaniiru.

Hojii seera kabachiisuu hojjatameenis meeshaalee waraanaa salphaa hanga gurguddaatti jiran qabamuu ibsanii, Oromiyaa keessatti, qaamolee humnoota badii walitti bu’iinsa sabaarratti xiyyeeffate uumuuf socha’anirratti mootummaan obsa hinqabu jedhan.

Gama biraatiin miseensi ABO Shanee juunticha waliin hiriiree ture qabame.

Fayyisaa Takkaa jedhama. Umriin waggaa 33 yoo ta’u, Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Gindabaratitti dhalatee guddate.

Barnootasaa kutaa 8farraa addaan kutuun namoota ‘biyya keenya bilisoomsina’ jedhan waliin loltuu ABOf calalamee naannawa Gincii bakka Cillimoo jedhamutti bara 2012rraa eegalee miseensotasaa 26 waliin leenjii fudhachaa turuu dubbata.

Leenjii boodas hundinuu bakka dhufanitti akka deebi’aniifi bilbilaan wayita barbaadaman akka argaman ajajamanii deebi’an. Sana boodas raayyaa ittisa biyyaarratti otoo haleelliin hin raawwatiin dura nama hinbeekamneen bilbilli bilbilameefi gara Tigiraayitti imalan.

Gara Tigraayitti lafoofi konkolaataan deemuun hidhattoota Tigraayitti makaman.

Maqaansaa Faayyisaa Takkaa tures jijjiramee maqaa qabsoo Biruk Takkaa ta’e. Nyaatniifi hidhatni guutameefii ji’atti qarshii kuma jahaa hanga torbatti argattu jedhamanii gara haleellaatti akka galan ajajaman.

Guyyoota muraasa boodas raayyaa ittisaa ajaja Kaabaa jiranirratti haleellaa akka raawwataniif ajajni kennameefii akka tureefi inni garuu kan hinhirmanne ta’uu dubbata.

Wayita raayyaan ittisaa olaantummaa seeraa kabachiisuu eegalu karaa nagaa harka kennachuu eeree, waan hinbeekneen gowwomee gocha badiiratti hirmaachuusaatti gaabbuu ibseera.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013

Recommended For You

4 Comments to “Miseensota ABO Shanee irratti tarkaanfiin fudhatamuun ibsame”

  1. Pingback: find more info
  2. Pingback: sex trẻ em

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *