Yeroo ammaa addunyaa keenya irraa lubbuu dhala namaa kan duguugaa jiru dhukkubootaafi balaa adda addaa qofaa miti. Akka guutummaa addunyaatti namoonni ofii isaaniin addunyaa kana irraa lubbuu isaanii balleessuudhaan ofgeggeessanis lakkoofsaan hedduudha.
Namoota lubbuu isaanii ofballeessan keessaa hedduun akka hin galmeeffamne akkuma beekamutti ta’ee, kan beekame qofti akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti yoo xiqqaate waggaa tokko keessatti qofa gara namoota kuma dhibba saddeetii (800,000) ta’antu lubbuu ofii galaafata.
Namoonni yeroo hedduu lubbuu ofii balleessan ammoo namoota humna biyyaa ta’an umriin hindeemiin, kan hojjatanii biyya jijjiiruu danda’anidha. Lubbuu ofii balleessuun kun, sababoota lubbuun dargaggoota waggaa 15 haga 19 jiranii badu keessaa sadarkaa 3fa irratti kan argamudha. Dabalataan namoota sababa kanaan lubbuun darbu kana keessaa dhibbantaan 79 kan ta’an biyyoota galii giddugaleessaafi gadaanaa qaban keessatti. Kun ammoo dhukkuboota biroo akka infekshiinii kan biyyoota guddataa jiran keessatti baay’atan irratti dabalataan ba’aa guddaa, cittoo irratti fanxoo isa jedhan jechuudhaa.
Gama saalaan yoo ilaallu ammoo of ajjeesuuf ykn ofballeessuuf yaalii taasisuudhaan dubartoonni dhiirota caalaa of ajjeessuuf (suicide) yaalii taasisu. Haa ta’u malee yaalii haga dubartootaa baay’inaan gochuu baatanis, dhiironni ammoo dachaa afur dubartii caalaa of-ajjeesuun lubbuu ofii dhabu. Kun ammoo sababni isaa dubartoonni yoo ofballeessuu yaadan karaa salphaa ta’eefi yeroo hedduu lubbuu hinballeessineen yaaluu, dhiironni garuu yoo ofballeessuu yaalan haala daran hamaa ta’e akka meeshaa waraanaa akka shugguxiifi wadaroon of rarraasuu waan fayyadamaniifi.
Akkuma addunyaatti maloonni sadan namoonni ofballeessuudhaaf ittiin yaalan qorichoota farra lubbu qabeeyyii addaa addaa, meeshaalee waraanaa akka shugguxiifi waantoota akka wadaroon of rarraasuudha.
Lubbuu ofballeessuudhaaf maaltu ka’umsa ta’uu malaa?
Akkuma beekamu namni akkasumaan lafaa ka’ee lubbuu ofii balleessuuf fedhii godhatee of balleessu hin jiru. Namoonni gaafa ofballeessuu yaadan jalqaba jiraachuun akka isaan hin barbaachisne erga of amansiisanii booda.Jireenya jibbuudhaaf ammoo sababoota addaa addaa dhiyeeffata.
- Keessumaa biyyoota guddatan keessatti namoonni yeroo hedduu kan ofballeessan dhibee sammuu garmalee dhiphachuu (depression) irraan kan ka’e yoo ta’u, dhibeewwaan sammuu kanneen akka sammuun darbuu (psychosis) faanillee sababa ta’uu malu.
- Rakkoo yeroof mudatan: Kan akka waldhabdee maatii ykn firoottan waliinii, addaa ba’uu jaalalleewwanii, qarshii dhabuu, balaa addaa addaa, jaalleewwan ofii du’aafi waan adda addaan dhabuun qofaa ta’uufi kkf yoo namoota mudatan, murtoo ofballeessuu fudhachuu malu. Keessumaa dargaggoonni umriin isaanii waggaa 15fi 19 jidduu jiran haala salphaadhaan rakkoo yeroo muraasaaf jedhanii murtoo lubbuu ofii balleessuu kana fudhachuu danda’u.
- Araadni garagaraa akka araada alkoolii namoonni hedduu akka ofgalaafataniif sababa guddaa akka ta’us qorattoonni ni himu.
- Dhukkuboonni addaddaa kan namoonni ittiin dhukkubsatanii irraa fayyuu dadhabanii dhukkubbii hamaa namatti dhageessisanis sababoota kan ta’an keessaa tokko.
- Gaabbiiwwaan jireenya namaa keessatti osoo beekaniis ta’e osoo hinbeekiin balleessaawwan hedduu raawwatanii dhufanii nama tuttuqanis akka namni lubbuu ofii baleessu nama taasisuu malu. Fakkeenyuma salphaa fudhachuuf, namni nama ajjeese tokko erga nama ajjeesee booda, gaabbuu irraa kan ka’e yeroon itti lubbuu ofiisaas dabalee balleessu lakkoofsaan salphaa miti.
Biyyoota eessaafaatti namoonni baay’inaan ofballeessuu?
Lubbuu ofballeessuun biyyoota mara keessa jiraatus, biyyoonni lammiileen isaanii lubbuu of balleessuudhaan sadarkaa duraa irra jiran ammoo: Guyana (biyya ardii Ameerikaa Kibbaatti argamtu), Ruusiyaa, Lutiiniyaa, Surinsamee, Iyivorii Koosti, Kazakhistaan, Ikwaaatoraal Giinii, Beelaarus, Kooriyaa Kibbaa, Ugaandaafi Kaameruun fa’i.
Biyyi keenya Itoophiyaan baay’ina namoota of-balleessaniin, akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa eerutti sadarkaa 59fa irratti kan argamtu. Haa ta’u garuu sadarkaa biyyoota guddataa jiran akka biyya keenyaa keessatti namni ofiin ofballeesse hagam galmaa’ee dhugaansaa beekama kan jedhus gaaffii cimaadha.
Namoota ofgalaafatan akkamiin lubbuusaanii baraaruun danda’ama?
- Namoota ofballeessuuf yaalii godhanii irraa hafan yaalsisuu: Namoonni of ajjeesan yeroo hedduu osoo mallattoo tokko hin argisiisin osoo hintaane kan of balleessan erga waantoota akka isaan ofballeessuuf yaadan agarsiisu godhanii booda. Namootni baayyeen of ajjeesuu isaanii dura yaalii hinmilkoofne, of ajjeesuu yoo xiqqaate si’a tokko ol ni taasisu. Namoonni altakka ofballeessuuf yaalan kun namoota kamuu caalaatti carraan al lammataa yaalanii of balleessuu isaanii olka’aadha. Kanaaf namni kamuu yoo nama ofballeessuuf kanaan dura yaalii taasisee irraa oole dhaga’e ykn arge, hatattamaan gara ogeessa fayyaa dhimmi kun ilaallatu (psychiatrist) geessuudhaan akkasumas karaa dhuunfaa ykn maatii deggarsa xiinsammuu ykn miiraa gochuun carraa lubbuun of galaafachuu isaa/ishee baay’ee hir’suun ni danda’ama.
- Namoota waan isaan
agarsiisan tokko tokko irratti hundaa’uun akka of balleessuu dabda’an shakkuu,
achiis gargaarsa taasisuufi gara mana yaalaa geessuu:
Amaloota namoonni lubbuu ofii balleessuu danda’an
agarsiisan keessaa:
- Miira namoota irratti ba’aa ykn rakkina ta’uu itti dhaga’amuu.
- Namoota irraa adda ofbaasanii qofaa deddeebi’uu ykn jiraachuu.
- Sodaa garmalee qabaachuu.
- Qorichoota araada nama qabsiisan hedduu fayyadamuu.
- Haala salphaa ta’een aaruu.
- Miira jireenya irraa abdii kutachuu agarsiisuu.
- Hirriba dhabuu ykn hirriba sa’aa hedduu xiqqoo taate qofaaf rafuu.
- Waa’ee lubbuu ofii balleessuu odeessuu ykn interneeta irratti maxxansuu.
- Akkaataa ykn maloota ittiin ofballeessan gaafachuu, ykn interneeta irraa soquu.
- Akkaataa itti lubbuu ofii balleessan karoora addaa addaa baafachuu fi kkf dha.
Namootni baay’een of ajjeesuu isaanii dura mallattoowwan armaan olii kana, keessumaa ammoo akka abdii kutaniifi jiraachuu hinbarbaanne nama biraatti ni himu, keessumaa namoota hedduu itti dhiyaatanitti jechuudha. Kunis carraa nama kana deggaruufi of-galaafachuu irraa oolchuun namaa kenna. Kanaaf namoonni jara kanatti dhiyaatanii jiran haala kana fayyadamanii namoota kana lubbuu oolchuuf yaaluun hedduu barbaachisaadha.
- Maloota ittiin of balleessan akka salphaatti hin argamne taasisuu:Inni kun ammoo namoonni haaluma salphaadhaan akka of balleessuuf karaa hin argannetti karaaleefi maloota ittiin namoonni lubbuu isaanii balleessuu danda’an jalaa dhabamsiisuudha. Keessuumaa biyya keenya keessatti kan arginu dargaggoonni waan osoo obsanii darbu akka rakkoofi waldhabdee maatiifi hiriyyaa, rakkoo qarshii dhabuufi kkf. yoo isaan mudatu, suuqii deemanii ykn manaa fudhachuun qorichoota farra ilbiisotaan lubbuu of balleessu. Waan akkasii kana biyya keenya keessatti maatii, namoonni qorichoota lubbuu namaa galaafatan gurguraniifi mootummaan walta’anii akka qorichoonni kun haala salphaan namoota ofballeessuu barbaadaniif hinargamne taasisuu qabu.
Walumaagalatti, haga dandeenye namoota ofballeessuuf yaalii taasisanii hinmilkaa’iin hafeefi mallattoo namoota ofballeessuuf yaadanii armaan olii kana agarsiisan yoo arginu akka waan salphaatti ilaaluurraa of qusannee, akka lubbuun jaraa balaarra jiru beeknee gorsuu, itti dhiyaannee gargaarsa gochuufi mana yaalaa ogeessa sammuu (psychiatrist) bira geessanii yaalsisuun amala nuuf ta’uu qaba.
Fayyaan Faaya!
Horaa Bulaa!
Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa
7 Comments to “Of ajjeesuu ykn ofballeessuu”