Addooyyeen hiriyummaa shamarran qarreeti. Qarree, dubara reefu geessu, tan rifeensa guduruu haadhatte; tan hinheerumin ykn walqunnamtii hineegaliini. Hiriyummaan addooyyee kun ummata Oromoo biratti aadaa kabaja guddaa qabu yoo ta’u, iddoowwan adda addaatti moggaasawwan gara garaa kanneen akka addaarroo, goshoo, daraboo, miiltoofi marii jedhamus qaba.
Addooyyeen aadaa shamarran Oromoo jaalala dhugaa, kabajaafi maalummaa hiriyummaa ittiin agarsiisaniidha. Hiriyummaan kunis dubarri umriin ykn naannawa jireenyaatiin walitti dhihaatan lama hanga lubbuun jiranitti waljaalachuufi waliin dhaabbachuuf waadaadhaan ittiseenamuudha.
Addooyyeen waadaadhaan wixinama. Waadaaan kunis kakuu kan qabaatu yoo ta’u, haalli kakuun kun itti raawwatamu sirna mataasaa qaba. Migira luqqisanii gidduusaaniitti qabuun “ Yoon si gane akkasitti na haa kutu”, jechuun migiricha kutanii walii kakatu; waadaas waliigalu.
Dubara isii duraa: Addooyyee, addooyyee
Dubara isii lammataa: Oo koo( yee)
Dubara isii duraa: Yoon lammata maqaa kee dhahe, maqaa koo duuti haa dhooftu.
Dubara isii lammataa: Koollee duuti haa dhooftu.
“ Gabaa Roobii dhaqii lilmoo adii bitii
“ Lammata yoo maqaan na waamte,
Kiyyoo Rabbii lixii!”
Irbuudha, kakuu kana booda addooyyeen maqaadhaan walhinwaaaman; addooyyee jedhanii walwaamu malee. Iddoowwan tokko tokkottimmoo maqaa biraa walii moggaasu; Kumudee, Hanguggee, Bililleefi Marii jedhanii walwaamu.
Addooyyeen erga waadaa walii seenanii maqaa walii mitii kan nama maqaa addooyyeesaanii qabuu hinwaaman. Yeroo waa’ee nama maqaa addooyyeesaanii qabuu haasa’anillee ‘Moggoo addooyyee tiyyaa’ jechaa haasa’u.
Addooyyeen hiriyummaa dhugaati. Waliin bishaan waraabu, qoraan guuru (cabsu), gabaas bahu. Iddoowwan dhaqan hundatti walbiraa hindhabaman; hiriyaa kakuutikaa!
– Kan rakkoo walii qooddatan
– Kan icciittii walii eegan
– Kan sinsinniifi nuffii hinqabne.
– Haalaafi yeroon kan hinjijjiirre
Guyyaa gammachuufi gaddaas waliin dhaabbatu. Addooyyeen yeoo boqonnaasaanii waliin dabarsu. Dhimmoota qaban hundarratti waliin mari’atu.
Gaa’elaaf gahanii yoo kaadhimaman, waa’ee gurbaa fuudhaaf gaafatee iyyaafatanii irratti mari’atu. Mariinsaanii waa’ee hojiisaa, amala gaarii qabaachuusaa, haala dinagdeefi waa’ee maatiisaa ta’uu danda’a.
Haaluma kanaan kaadhimummaa guutuufi guutuu dhabuusaa mirkaneessu. Kana malees gammachuufi gadda maatii waliisaaniirratti waliin hirmaatu. Hunda caalaammoo cidha waliirraa hinhafan.
Addooyyeen heerumaaf qophooftu maal gochuu akka qabdu gorsu. Akka isiin haala gaariin bultiisii horattu yaadaan gargaaru. Kana malees waan misirroon fudhattee heerumtu dhaleefi kennaa meeshaalee manaafi uffatas bitaanii waliif kennu.
Fakkeenyaaf, gundoo, qunnaa, kooboo, qabee annaniifi, sabaree hodhanii walii kennu. Gaafa cidhi dubara heerumtuu san dhihaatummoo waarisiisa waliif sirbu. Heexoo dubarri heerumtu dhuguuf kaates waliin dhugu.
Gaafa cidhichaas, dubara heerumtuuf baye-bayee,tar-tarii, obbee, mararoo, heelleefi kanneen biroo walii sirbanii boohanii firas boochisu. Mararoo addooyeewwan gaafa heeruma addooyyeesaanii sirban keessaa,
“Simbirree Alamuu Deeddee
Dalasaa Hoomii
Hiriyee heerumni geessee
Walargaan yoomii?
Walargaa isa guyyaa Waaqii
Hiriyee koo nagaa ta’ii
Yaa quncee baala daannisaa
Misirroo nyaara gaaddisaa
Bor iftaan gaabbinaa
Koottaa hingaggeessinaa”
Mararoon kun Oromiyaa lixaa (Wallaggaatti) beekama. Tartarii isaan gaafa hiriyaansaanii heerumtu jedhan keessaammoo,
“Anilee qunnaan sii hodhaa
Qunnaa naa hodhii
Anis san ilaaleen obsaa
San ilaalii obsii
Ganama subii gadi bahee
Na dhoofte gufuun
Mana Kuulliyyoon hin jirre
Anuu hindhufuu, na nyaatti mukuun
Mana kee citaa kabanii
Olgoree manaa si dhabee
Ana haa dhabanii
Baale hoo, karaan Baale hoo
Goshiyyaa baane hoo, addaan baane hoo”
Jechaa sirbaa , boohanii, warra cidha dhaqes boochisu. Tar-tariin Arsiifi Baaletti beekama. Addooyyeen kunneen kennaa walii kennaniif kajaba qabu. Ija addooyyeesaaniitiin waan ilaalaniif itti hinfayyadaman. Iddoo xuxxuqqiin hinjirreefi qulqulluu ta’e olkaa’u. Yaadannoo bara baraatisi. Kennaa sanitti yaaddoo addooyyeesaanii obsu. Cidha boodas iddoon itti addooyyeensaanii heerumte dhihoo yoo ta’e dhaqanii gaafatu.
Adooyyeen erga heerumanii boodas naannoo tokko jiraatu yoo ta’es hiriyummaan isaanii itti fufa. Hiriyummaa addooyyee kana keessatti gaafa waahilummaan isaanii cimaa deemu saakumee jedhama. Saakumeen sadarkaan hiriyummaa addooyyee cimuu agarsiisa.
Addooyyeewwan hiriyummaansaanii cimee saakumee walii ta’anis, Saakumee ykn Saakuu jedhanii walwaamu. Addooyyeen jireenya waliiniitiif bu’uuradha. Oromoon sirna Gadaatiin jireenya hawaasummaa gaammeerraa kaasee hamma gadaamojjiitti umriidhaan qoodee, namoonni umriidhaan walitti dhihaatan akka hiriyummaa waliin qabaataniif haala mijeessee jira.
Hiriyummaasaanii kana keessattis bu’aa bayii jireenyaa qooddachaa, rakkoo waliin dabarsaa, gammachuus waliin hirachaa jireenyasaanii geggeessu.
Namni, nama amanu, icciitii garaa ittihimatu yoo qabaate jireenyi ittihinulfaatu; hamtuus waliin dabarsa. Har’a garuu sun hundi hafeera. Addooyyeenis, saakumeen hinjiru. Addooyyee waliin garuu jireenyi salphaadha.
Addooyyee
Addaar addaarroo
Geelee geeloo
Maroo mararoo
Goshoo garoo
Leelloo misha too
Obbolii obboleettoo
Qaree shamaree
Daraboo hiree
Si yaa tirittii
Hambaa ateetittii
Tirsa diinqa sadaa
Kukula raaka madaa
Marii mararoo
Dhiba koo furoo
Koo, yaa hiriyee
Kudhaama baraa
Addoo, addooyyee
Maartaa Kabbiteetiin
5 Comments to “Addooyyee”