Deggeesumman aarsaa ta’uudha
Geggeessummaan aarsaa ta’uun dhaloota ijaaruu malee aarsaa gochuu bakka qabachuu miti. Akka biyyoota Afrikaatti garuu namootni aboof jecha dhaloota kumaatamaan lakkaa’aman aarsaa akka godhan qorannoowwan gara garaa nimirkaneessu. Ardii Afrikaatti waggoota 10 as walitti bu’iinsi kanaan dura hinturre akka uumamaa dhufeefi waggaa shanii asitti akka fiixeerra ga’e qorannoowwan agarsiisan danuudha.
Fakkeenyaaf bara 2016 qofa biyyoota Afrikaa 21 keessatti jeequmsawwan ciccimoon ta’eera. Inni kun xiqqoo ishee bara 2017 gadi bu’uun biyyoota 17 ol keessatti sababa du’a namoota nagaa hedduu ta’eera.
Akkuma jeequmsi baay’ataa deemu namootni jeequmsa keessatti miidhamaniis baay’ataa akka deeman qorannoowwan gara garaa nimirkaneessu. Hirmaannaan akka Bookoo Haraam, ‘IS’, fi dhaabbilee siyaasa fuuleffatan kana keessatti ga’ee guddaa qabu.
Fakkeenyaaf bara 2015 Bookoo Haraam ji’a lama qofa keessatti biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadi jiran keessaa namoota 8,300 ol ajjeeseera. Jeequmsaafi hiriirawwan adda addaa keessatti namootni yerootii gara yerootti dhuman hedduudha. Dhumiisa dhaloota kanaaf sababa kan ta’an waantonni hedduun yoo jiraatanillee rakkoo guddaan namoota dhaloota aarsaa gochuun aboo barbaadaniin ta’uun beekamaadha.
Afrikaan kanaan booda ittiyaaduu qabdi. Dhalootni biyya Afrikaa kanaan booda waan qodhan hunda karaa beekumsarratti hundaa’e qofaan ta’uu qaba. Dhalattoota ardii Afrikaa akka nama abaarsa qabuu akka ol hindeemne kan taasise, dhaloota afuura hingalfanneefi bulee ka’ee du’aaf kan afeeru adda baafachuun hanga dandaa’ametti ofirraa qolachuun ogummaafi beekumsarratti daandii hundaa’een yaaduufi hojjechuun murteessaadha.
Dhalootni keenya sagalee nagariitaa dhagilaal irraa yookaan waamicha namaa dhaga’ee kan fiigu utuu hinta’in dhaabatee kan adda baafatu ta’uu qaba. Isa kanaaf ammoo namootni hundumtuu harka walqabachuun dhaloota ijaaruuf qophaa’uun barbaachisaadha. Tokko tokkoon keenya hojii hojjennu qabna. Isa kana gabaabaatti haa ilaallu.
Geggeessitootni gatii baasuu malan qabu
Geggeessitootni jijjiirama fidan hedduun isaanii nama biraa kan aarsaa taasifatan utuu hinta’in ofiif aarsaa ta’uuf kan qophaa’aniidha. Namoota aarsaa gochuun bakka hinqabatan; beekamtii hingonfatan! Faayidaa dhuunfaas ta’e kan isaan gargaaru kamiiniyyuu saba hincaalchifatan. Hundumaa irra namatu caalaaf. Hundumti aarsaa ta’ee dhalli namaa akka baraaramuuf namoota carraaqaniidha.
Seenaa namoota hedduu yeroo ilaallu akka geggeessitootaatti gatii guddaa kanfalanii darbaniiru. Geggeessummaan egaa gatii nama kanfalchiisu qaba. Fiixeen isaa lubbuu gaafachuu danda’a. Geggeessitootni sirriin gatii kanfalchiisuuf kan dhalatan utuu hinta’in gatii kan kanfalan turan. Nagaa haa labsaniyyuu malee deebii isaa rasaasa kan argatan danuudha.
Fakkeenyaaf seenaa John F. Kennedy yeroo ilaallu geggeessitoota nagaa labsan keessaa tokko ture. Haa ta’u malee deebiin isaaf kenname rasaasa ture. Nama rakkoo biyya keessaafi alaan wal’aansoo qabee biyya Ameerikaa gara fuula duraatti deemsisuuf nama yaale ture. Keessumaa bara 1960n biyyoota akka Ameerikaaf yeroo bayeessa hinturre.
Biyyoota adda addaa wajjin walitti ba’anii kan wallolan yoo ta’uudhaabate illee loliisni qabbanaa’aan (‘Cold war’) tureera. Manni maree biyya keessaa waliigaltee kan hinqabne ture. Akka diinaatti walilaalu turan. Aktiivistootni (dammaqsiitootni) biyya keessaa bara yaada hedduu itti kaasan turan.
Dinagdeen Ameerikaa yeroosiis mataa dhukkubbii cimaa ture. Gama dhuunfaasaatiin ammoo akka miseensa amantii Kaatolikii tokkootti namootni isa dhaga’uu hinbarbaadan turan. Haa ta’u malee jabaatee hojjechuun gurra namoota hedduu argateera.
Wanta itti amane tokkoof jabaatee nama dhaabachuu danda’u ture. Nama kaayyoofi mul’ata qabu ture. “Biyyi koo maal naa gooti hinjedhinaa; ani biyya koof maalan godha” jedhaa jedhee nama labsu ture. “Diina hin qabnu! Diinni keenya nama miti! Diinni keenya hamaan hiyyuma; dhukkuba; hacuccaafi lola..”jedhe.
Namootni wal-dandaa’anii; harka walqabatanii diina isaanii isa cimaa kana akka injifataniif tattaaffii taasiseera. Biyya Ameerikaa keessatti walii galteen akka jiraatuuf; qomoowwan adda addaa akka walhinmiineefi mirgi namaa akka kabajamuuf yaaleera.
Keessumaa mirgi gurraachota Ameerikaa akka kabajamuufi namootnis gurraachota akka lammii Ameerikaatti akka ilaalan; akka ofirraa hinqollifanneef tattaafateera. Haa ta’u malee utuu baay’een hinturin addunyaa kana waan barsiisu baay’ee utuu qabuu akka tasaa rasaasa itti gadidhiifameen lubbuunsaa darbeera. Biiftuun mirga gurraachotaaf quuqe waan duumessaan dhorkame yeroof haafakkaatus rasaasni Oswald itti gadi dhiise Kenedii haa galaafatuyyuu malee sochii eegalame hingalaafanne.
Rakkoon ture guyyaa borii hin aguugne. Rakkoon ture mul’ata dhugaa karaatti hinhambisne. Sababa waan gaarii karoorseef hamaa jalaa hin oolle. Namootni hamaa yaadan yoom iyyuu badanii hindhuman. Baroota keessa hafteen isaanii hindhibu. Darbees geggeessummaan lubbuu nama gaafachuu danda’a.
Akka biyya keenyaattis geggeessitootni isa kana hubachuu qabu.
Geggeessaan tokko sababa hamaa hojjete qofaaf hinjibbamu. Namootni jal’oon akka daawitii keessatti of-ilaaluun eenyummaafi hammina isaanii waan arganiif hinjaallatan. Fakkeenyaaf biyya Ameerikaa keessatti yeroo uummatni walitti deebi’ee wallolaa ture yeroo rakkoo keessatti loltoota tokkummaa Ameerikaa nama oolchuu danda’eefi garbummaa biyyicha keessatti hundee godhate kan hambise Abrahaam Linkocoln rasaasa itti gadidhiifameen lubbuun isaa darbeera.
Sababa du’aan isa ga’e gadi fageessinee yoo ilaallu garbummaan hafuufi wal qixxummaa labsuu, diimookiraasiin akka lafa qabatuuf yaaluufi kutannoo qabaachuu isaati. Kana irraa kan hafe wanti adda biraan hinturre. Namootni akka Maartin Luther King garbummaan haa dhaabatu; namni bifa isaa qofaan hindararamin; obbolummaan haa jiraatu jedhee nama labsaa tureedha.
ALA bara 1964 badhaasa Noobilii argateera. Haa ta’u malee nama saamtuufi yakkamtuu Ray jedhamtuun lubbuunsaa darbeera. Biyyi Hindii garbummaa warra Ingilizii jalaa akka bahaniif uummata dadammaqsuun bittaa garboomfattootaa of-irraa fonqolchanii akka gataniif namni yaalii godhaa ture Mahatama Gandii ni yaadanna.
Ummatni Hindii walhiruu keessa ba’anii akka tokkummaa qabaataniif tattaaffii taasiseera. Biyyasaa Hindi qofa utuu hinta’in Kibba Afriikaa keessattis miidhaa qomoon nama irra ga’uuf nama wal’aansoo guddaa qabaa ture akka ta’e seenaa isaa irraa agarra. Humni garboomfataa Ingilizii akka hundee gadi hinfageeffanne taasiseera. Isa kana ammoo bifa beekumsa irratti hundaa’een garboomfattootni akka dhaloota Hindii hinmiine taasisuun ture. Haa ta’u iyyuu malee deebii hojii gaariif argate inni guddaan rasaasa ture. Uummata isaa keessaa nama ta’e; Hiinduu nama ta’een galafatame.
Isaan kana qofa utuu hinta’in biyyi Afriikaa waggoota muraasa keessatti addumaan bara 1961-1973 qofatti biyyoottan Afriikaa garbummaa jalaa ba’uun akka dhala namaatti jiraataniif wal-aansoo qabaa kan turan kan akka Paatriis Lumumbaa dabalatee namootni ja’a ajjeefamaniiru. Isaan kun namoota dhalootaaf bu’aa guddaa buusan turan.
Nama guyyaa har’aa aarsaa gochuu danda’utu guyyaa gaarii bor arga. Mul’ata qaban bira ga’uuf wal’aansoofi aarsaa kanfaluun murteessaadha. Aarsaa kun immoo hiikkaa hedduu kan of keessaa qabu yoo ta’e illee akka geggeessaatti fiixaan ba’umsa hojii tokkoof of-keennuun hojjechuun duuka buutota ciccimoo horachuufi hojii ija qabeessa hojjechuu nama dandeessisa.
Geggeessitootni har’a biyyaaf barbaachisan falmiifi mikkiirroo hambisuu namoota dandaa’an; namoota furmaataa; namoota hiikkaa beekan; anatu caalaan kan mataa of-dhukkubsan ofittoo utuu hinta’in warra kaaniif kan jiraatan ta’uu qabu. Jabinni isaanii waan cimaa hojjechuun kan lakkaa’amu utuu hinta’in namoota waan cimaa hojjechiisuun kan beekaman; namoota abjuu dhugoomsan; namootni akka ofitti amanamummaa qaban cimsatan kan taasisan; kan oofan utuu hinta’in kan geggeessan; yeroo gaariifi gammachuu kan duuba dhaabatan yeroo rakkinaa kan dura bu’an; yeroo hundumaa ilaalcha injifannoo kan qaban; jabaatanii hojjechuun kan beekaman; gungummii irraa walaba kan taa’an; baay’ee dhaggeeffachuutti kan amanan; guyyaatii gara guyyaatti barachaa kan deeman; ogeessota guddina hindhaabne; namoota hindandeessu ittiin jedhaniin abdii kan hinkutat kan hinteenye; rakkoo isaan mudatu keessatti kan mo’amanii harka hin laatne; yeroo isaanii, jireenya isaanii aarsaa gochuun kan hindanqine ta’uu qabu.
Sababiinsaa geggeessummaan yeroo gaafata; duuka buutotatti daandii agarsiisuu gaafata. Geggeessitootni namoota geggeessaniif barsiisota; fakkeenya gaariidha; gorsitoota; akkasumas guddistoota.
Geggeessittotni jijjiirama fiduuf hojjetan amala kan koo qofti yoo ta’e malee kirkiratu lafa unkura; biyyatu manca’a kan jedhan miti. Rakkoo uumamu nama kan biraatti kan qabatan; sababa jibbaa kan taasisan utuu hin ta’in dhiphinaafi sodaa akkasumas yaaddoo qaban nama kan biraaf kan hiran; namoota jireenya iftoominaa qabaniidha.
Geggeessitootni sirriin fedhasaanii namoota aarsaa godhaniidha. Fedha saba geggeessanii namoota dursaniidha. Namootni isaan geggeessan guddatanii bakka jijjiirrachuu danda’u. Geggeessitootni ofittoon garuu namoota geggeessan yaabbannoo godhatanii daandii ittiin fedha isaanii bakkaan ga’ataniidha. Bara keenya keessatti dhalootni keenya isa kana adda baafachuun barbaachisaadha. Maxxansa keenya itti aanutti ga’een dargaggootaa maalii? Ga’een diyaasporaa’oo? Kanaafi dhimmoota kkf ittifufiinsaan ilaalla.
“Diinni keenya nama miti! Diinni keenya hamaan hiyyuma; dhukkuba; hacuccaafi lola…”
Zarihun Gabreetiin
qita doll ドールフォーエバーセックス人形は破損する可能性がありますが、心配しないでください。ほとんどの損傷は簡単に修正できます。ほとんどのベンダーは修理サービスを提供しているので、修理のために人形を返却することができます。