Waa’ee guddinaafi qulqullina aartii Oromoo

Waa’ee guddinaafi qulqullina aartii Oromoo

Aartiin ogummaadha, mim’eessituu taphaati, ichima jaalalaati, si’eessituu, qeeqxuu, jajjuu miidhaginaati. Faarsituu gootaa, qeeqxuu quuqqaafi aarii, qoorsituu madaa onnee habalakaan ergaa dabarsituudha.

Gaddaafi gammachuu ibsuu, xiiqii qabsiisuu keessattis ergaafi haala jiru karaa miidhagaafi hawataa ta’een dabarsuun meeshaa waraanaa du’atti lubbuu hortu, fayyaa ajjeestu, lugna onnachiistuudha.

Saboonniifi sablammiileen Itoophiyaa 80 ol aartii kanaan daran duroomoo ta’anis dhiibbaa sirni gabroomfataa farra federaalizmii irraan gahaa tureen hedduun addunyaarraa dhabamsiifamaniiru.

Itoophiyaa keessatti ijaarsa mootummaa tokkee bara moototaa, fiwudaalizmii hanga Dargiitti tureen guddinni aartii sabootaafi sablammiilee ukkaamamee aadaafi aartiin saba tokkoo olaantummaafi beekamtii akka argatu godhamaa tureera.

Turistoonni yeroo biyya alaarraa gara Itoophiyaa dhufan sirbi aadaa Itoophiyaa ‘Iskistaa’ qofa akka ta’e godhamee agarsiifamaa ture.

Uffanni aadaallee daran hedduu osoo jiruu calaqqee saba tokkoo qofa gadi baasanii agarsiisuun qorqalbii sabootaafi sablammiilee biyyattii 80 ol jaamsuun kan saba tokkoo agarsiistuu Itoophiyaa godhanii ilaaluunis ture, har’as yaaliin akkanaa jira.

Sirna ukkaamsaa aadaa akkasii Rabbi lamuu as hindeebisiinitii ilaalchi doofummaa sun diigamee har’a biiftuun aartii dhokate gadi baasee agarsiisu calaqqiseera. Sabaafi sablammiin Itoophiyaa aartii muuziqaadhaan badhaadheen aariisaa cabsachaa, gaddaafi gammachuu ittiin ibsachaa faaya aartii muuziqaasaa mul’isaa jira.

Waa’een aartii sabaatoofi sablammiilee Itoophiyaaf seenaansaa yoo ka’e galaanarraa bishaan fal’aanaan waraabuu waan ta’eef kan Oromoo qofa ilaalla. Aartiin Oromoo siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa sabichaa jijjiiruu keessatti shoora guddaa taphateera.

Keessumaa sirna farra sabichaa ta’eef diddaa agarsiisuufi furmaata kaa’uuf alkallattiin (habalakaan) ergaa dabarsaa dargaggoota kakaasaa jijjiirama hara’a mul’ate kanaaf karaa saaqaniiru.

Artistoonni Oromoo warraaqsa siyaasaa gaggeeffamu si’eessuun humnaafi utubaa ta’aa kan turan yoo ta’u, aarsaa qaalii lubbuu kan kaffalanis akka jiran seenaatu ragaa baha.

Haata’uutii guddinni aartii Oromoo maalirra jira isa jedhuuf Giddugala Aadaa Oromootti Daarektara Indastirii Aadaafi Aartii Oromoo Obbo Mootummaa Asaffaa kan dubbisne yoo ta’u, isaanis Aartiin Oromoo 1983 dura ukkaamsaa keessa turuu eeran.

Bara eerame dura Afaan Oromoon sirbuu mitiitii dubbachuunuu yakka ta’aa turuu eeranii, wayita sanatti ergaan aartii Oromootiin darbaa ture rasaasa dukkana keessaa dhohu ykn dhuka’uudha jedhu.

Qeeqaafi quuqqaa sabichaa mi’eessanii, si’eessanii, fakkeessanii hawaasa biraan gahuu keessatti dhoksaan hojjetamus salphaatti lammiilee bira qaqqabuun sabboonummaa labsuun danda’amuus ni dubbatu.

Ogummichi akka hinguddanneef ukkaamsaan sirna Abbaa Irreetiin irra gahaa turuu kan yaadachiisan daarektarichi, qabsoo cimaa namoota jaalala aartii qabaniin taasifamaa tureen hojiileen muuziqaafi barreeffamaa babal’achuu ibsan.

Keessumaa aartii barreffamaatiin kanneen akka Onesmos Nasiib, Aster Gannoo, Sheek Bakrii Saphaloofi Luba Dafaa Jamoofaa  kanee muraasadha.

Isaan kun qeeqaafi quuqqaa lammiileesaaniif qaban biyya hambaa taa’anii karaa ogbarruu barreeffamaa waraqaarra qubachiisaa hawaasichi akka dammaqu taasisaa turaniiru.

Artistoonni biyyaa sirna ukkaamsaa kana keessa taa’uun hojiilee miiziqaa ciccimoo hojjetan kanneen akka Alii Birraa, Ilfinash Qannoo, Abbitawu Kabbadeefaa adda durummaan eeramu.

Kana malees artistoonni guddina aartii Oromootiif carraaqqii olaanaa taasisaa turan hedduun aarsaa hanga wareegama lubbuu gaafatu kaffalaniiru.

Akka ibsa Obbo Mootummaatti, jaalalli aartii wareegama qaalii kan kaffalchiisuufi jaalalaan kan hojjetamu ta’uusaa aarsaa kanfalamaa agarsiistuudha.

Yeroo ammaatti guddinni aartii Oromoo lakkoofsaan dabaluun haala gaariirra jiraachuus ibsanii,  irra jireessaan barnoota ammayyaatiin deeggaramuu dhabuunsaa hanqina qulqullinaa agarsiiseera.

Aartiin dhalootatti darbaa jiru kun aadaa jiru osoo hingadhiisiin, ammayyummaarraas osoo hinfagaatiin qulqullinaan jabaatee akka dhaabatuuf tokkummaan artistoota gidduu jiru fooyya’uu qaba.

Artistoonni waldaadhaan ijaaramanii akka socho’aniif yaalamus kanneen ijaaramanii wajjummaan hojjechaa jiran muraasa ta’uu kaasu.

Akka Obbo Moottummaan jedhanitti Oromiyaan bal’oo ta’uusheetiin walqabatee aartiin sabichaa akka galaanaa gadi fagoo waan ta’eef qofaa keessa lufuun waan dandahamu miti.

Kanaaf gumaacha waldaadhaan ijaaramuun qabdurratti walii galanii kan hojjetaa jiran fiilmiifi tiyaatira, fakkii, waldaa piromoshiniifi komediyaanota qofatu karaa qabatee jira.

Weellistoonniifi shubbistoonni waldaadhaan walitti hidhamanii wajjummaan tarkaanfachuurratti ammallee hudhaa guddaa akka jiru daariktarichi eeranii, kunimmoo guddinni aartii akka hinfooyyofneefi rakkoon qulqullinaa akka heddummaatu taasisaa jiraachuu ibsan.

Hedduunsaanii qindoomina kana keessaa bahanii faffaca’anii hojjetaa akka jiran Obbo Mootummaan himanii, adeemsi akkanaa ammoo muuxannoo akka walhinjijjiirreefi gahumsa hinhoranneef sababa ta’aa jira jedhan.

Artiin Oromoo warraaqsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa lammiilee tuttuquun ergaa barbaachisu dabarsaa  turuufi har’as akka itti jiru Obbo Mootummaan ibsanii, artistoonni waldaan ijaaramanii gahumsaafi fayyadamummaasaanii akka mirkaneeffataniif sochiin taasifamaa jiru olaanaadha jedhan.

Waldaa tokko keessatti hanga miseensota 1000 ol horachuun akka danda’amullee ibsanii, damee aartii Oromoo kallattii hundaan cimsuuf hojiitti seenamuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti artistoonni damee weelluufi shubbisaa keessa jiran hedduun ogummaadhaan waldeeggaranii, waliif bareechuu, beekumsaan walutubuufi miira tokkummaan socho’uurratti hanqinaan kan guutamaniidha. Kun ta’us gama mootummaatiin miira walirraa faffaca’uu kana maqsuun artistoota gahumsa qaban horachuuf tattaaffiin taasifamaa jiru olaanaadha.

Aartii lakkoofsaan baay’atee hanqina qulqullinaa qabu karaa qabsiisuufis akka naannootti manni barumsaa gahumsi aartii itti horatamu ijaaramaa jiraachuu daarektarichi himaniiru.  

Akka ibsasaaniitti hojiin aartii kanaan dura beekumsaafi barnootarratti hundaa’ee kennamaa hinturre.  Hanqina kana furuufis sochiin gama Biiroo Aadaafi Tuurizmii Oromiyaatiin taasifamaa jiru jajjabeessaadha.

Egaa guddinni aartii Oromoo hudhaa qulqullinaa keessaa akka bahuuf kennaa aartii ganamuma uumamaan namaa kenname barnootaan gabbisaa deemuun murteessaafi isa ijoodha.

Gama kanaan biirichi sagantaalee leenjiiwwan gaggabaaboo qopheessuun ijaarsa dandeettii gara garaa kennaa turuu yaadachiisanii, ammaan booda garuu mana barumsaa ijaaramaa jirutti fayyadamuun bilchinni aartii daran akka dabaluuf hojjetama ni jedhan.

Manni barumsaa aartii Finfinneetti ijaaramaa kun saffisaan xumuramee hojiitti akka seenuuf hordoffiin taasifmaa jiraachuus ibsaniiru.

Aartiiwwan gara garaa hojjetamaa jiraniin  takkaan aadaa sana ammayyaatiin dabaalanii miidhagasaa deemuu takkaanimmoo akkuma jirutti dabarsuu keessatti yaanniwwan lamaanuu calaqqisaa jiraachuu Obbo Mootummaan eeranii, hunduu of eeggannoon deeggaramee yoo deeme bu’aa buusa jedhu.

Artistoonni hangafoonni barnoota ammayyaa malee dandeettii uumamaan argatanitti fayyadamuun sirnoota dukkanaa’oo sana keessa aartii sabichaa guddisaafi dagaagsaa turuu ibsaniiru.

Artistoonni har’aas mirga aadaa ofii guddisuu argatanitti fayyadamuun dandeettii uumamaan horatan barnootaan deeggaraa deemuun of ijaaruu qabu kan jedhan Obbo Mootummaan, kanaafis miirri tokkummaa jiraachuun dirqama ta’uu himan.

Hayyoonni damichaas sochii artistoonni taasisaa jiran ilaaluun hanqina mul’atu qeeqaa, cimina jiruuf tumsa gochaa deemuun dirqama lammummaa ta’uu eeraniiru.

Walumaagalatti aartiin rasaasa siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa waan ta’eef dandeettii uumamaan namaa kennameen cinatti barnoota ammayyaatiin deeggaramaa deemuun barbaachisaadha.

Waasihun Takileetiin

 

Recommended For You

4 Comments to “Waa’ee guddinaafi qulqullina aartii Oromoo”

  1. Pingback: lucabet88
  2. Pingback: live cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *