Waldaan Misooma Oromiyaa (WMOn) manneen barnootaa bultii addaa iddoowwan lamaa qaba. Tokko kan Magaalaa Adaamaa, kan lammataa ammoo Magaalaa Bishooftuutti argama. Kan Adaamaa kutaa 11fafi 12fa yoo barsiisu, kan Bishooftuu ammoo 9fafi 10fa barsiisaa. Walumaagala manni barumsichaa iddoowwan lamaanittuu barattoota 600 qaba. Kanneen keessaa harka 40 kan ta’an dubartoota.
Barattoonni kutaa 12fa koorsii ykn poorshinii barumsa hundaa xumaranii osoo keessa deebiirra jiraniiti manni barumsichaa akkuma maneen barumsaa kaanii sababa vaayirasii koronaatiin kan cufame. Barattoonni mana barumsichaa qormaata kutaa 12fa kennamu qabxii olaanaa galmeessisuun akkuma biyyaattuu beekamtii guddaa qabu.
Gaazexaan Bariisaas barana hoo beekamummaansaanii kun sababa vaayirasii koronaan kanaan akkam ta’a, barattoonni gara maatiisaaniitti deebi’an qormaata kutaa 12faf qophii akkamii gochaa jiru, maatiin, barsiisonniifi hoggansi mana barumsichaa sadarkaafi maqaasaanii eeggachuuf maal gochaa jiru kan jedhurratti barataa, daayirekraafi maatii dubbiseera.
Dinqiisaa Jaalataa Mana Barumsaa Bultii Addaa WMOtti barataa kutaa 12fa yoo ta’u, ammaan tana maatiisaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti argaman biratti deebi’ee kitaabotaafi dokumantota biroo qormaataaf isa gargaaran dubbisaa jiraachuu dubbata.
Maatiinsaas isa gargaaraa jiraachuus eeree, keessumaa deggarsa, hordoffiifi gorsa mana barumsaasaafi barsiisotasaatti daran kan booneefi gammade ta’uu ibsa.
Faayidaa mana barumsaa addaa
“Faayidaan mana barumsaa addaa keessumaa yeroo kana naa gale. Yeroo kanatti nuti, barattoonni mana barumsichaa ji’a torba keessatti porshinii xumurree qormaataaf keessa deebiirra turre. Wayita qormaataaf ji’onnni sadii caalan hafanitti porshinii fixuun na ajaa’ibsiiseera. Barumsa xumurree dhiibbaa tokko malee sammuu tasgabbaa’een gara qophii qormaataatti deebi’uu kootti guddaan gammada, boqodhas, mana barumsaafi barsiisota koos guddaan galateeffadha” jedheera.
Waa’ee barattoota manneen barumsaa mootummaa
Mana barumsaa kanatti barachuu koo akka carraa guddaattin ilaala kan jedhu Barataa Dinqiisaan, barattoonni manneen barnootaa mootummaa garuu porshinii waan hinxumurreef qormaatarratti yaada’aa jiraachuu eera.
Ta’us barattoonni kunniin hinbaranne ykn porshinii hinxumurre jedhanii dhiphachuurra hanga danda’ameefiin barattoota yunivarsitiidhaa deebi’anfaa gaafachaafi waanuma ofharkaa qaban dubbisaa ofqopheessuu akka qaban gorseera.
Haalli amma keessa jirru namoota waa dubbisuu barbaadaniif mijataa waan ta’eef kanas akka carraatti fayyadamuun gaariidha kan jedhu barataan kun, innis kanuma gochaa jiraachuu dubbata.
Barattoota biroo deggaruu
Keessumaa barattoonni mana barumsaa mootummaafi baadiyyaatti argaman maatiisaanii yoo hojii gargaaranillee akeekasaanii gonkumaa dagachuu akka hinqabne gorsee, innis barattootaa kutaa 12fa naannawasaatti argaman wajjin walbira taa’anii qorachuu dadhabanillee maateeriyaalota adda addaa qooduufiin akka of qopheessaniif gargaaraa jiraachuu himeera.
Shaakala qormaataa
Barsiisonnisaanii karaa gareewwan telegiraamii (‘telegram groups’) sadii qabaniin qormaata shaakallii ergaafii hojjechiisaa jiraachuu eeree, isaanis waan hubatan karuma kana walii qoodanii walhubachiisaa jiraachuu dubbata.
Garee Telegiraamii sadarkaa manneen barumsaa ciccimoo iyyaafachuun keessumaa kanneen Finfinneetti argaman wajjinis hariiroo uummachuu kan ibsu barataa Dinqiisaan, maateriyaalota Biiroon Barnoota Oromiyaa karaa telegiraamii fa’iin gadidhiisullee xiyyeeffannaan hordofanii shaakalaa jiraachuu hima.
Kanas yoo ibsu, “Mana jiraannus shaakalliifi qophiin keenya hinhir’anne. Hariiroon nuti, barattoonni mana barumsaafi barsiisota keenya darbees walwalii keenyaaf qabnu daran cimaadha. Qaamaan walbiraa deemne hariiroo keenya cimee ittifufeera” jedha.
Hordoffii barsiisotaa
“Barsiisonni keenya guutummaatti nu hordofaa jiru. Ani carraa kana fayyadamee mana barumsaa koos ta’e barsiisota koo, nuffii tokko malee nu waliin dhama’aa jiran baay’iseen galateeffadha. Barsiisonni keenya karaa garee telegiraamii isa qaamaan nu barsiisan caalaa dhimmamanii gaaffiilee adda addaa qopheessaniifi waan dubbifamu nuu erguun nu wajjin dhama’aa waan jiraniif galata guddaan isaaniif qaba” jechuun ibseera.
Mana barumsaa
Sagantaa baafatee qo’achaa jiraachuu kan eeru barataa Dinqiisaan, manni barumsasaa tokko tokkoo barattootaatiif bilbilee maalirra akka jiran guyyaa guyyaadhaan hordofaa, to’ataafi gorsaa jiraachuu dubbata.
Hanqinoota mul’achaa jiran
“Yeroo kana waantota baay’ee dhaga’aa jirra. ‘Barana qormaanni hinjiru. Qormaanni barana kennamu kan kutaa 12fa keessaa harka 75 qofa’ kan ittidabalamufaa jedhamee odeefamaa jira”.
“Odeeffannoowwan akkanaa fa’iin walqabatee wantoonni sammuu keenya jeeqaniifi burjaajiin uuman danuutu dhaga’amaa jiru. Dhimma kanarratti Ministeerri Barnootaas ta’e Biiroon Barnootaa Oromiyaa odeeffannoo gahaa kennaa hinjiran. Isaan jabaadhaa dubbisaatii qormaataaf qophaa’aa qofa jechaa jiru. Otoo isaan kana jedhanii odeeffannoowwan biroon maddiidhaan bahanii barattootta burjaajiifi dagannaadhaaf saaxilaa jiru” jedheera.
Waantota odeeffamaa jianirratti qaama dhimmi ilaallatuun ibsi otoo kennamee gaarii ta’uu eeree, keessumaa qormaatichi barumsa kutaa 12fa keessaa harka 75 jedhamee odeeffamu yoo dhugaa ta’e hanga boqonnaa meeqaatti akka ta’e barattootaaf dafee ibsamuu qaba jedha.
Ministeerri Barnootaa guyyaafi haalatti qormaatichi kennamuufi abdachiisu barattootaaf akka ibsuu baratichi gaafatee, kanaa achi callisni karaa Ministeera barnootaatiin mul’atu barattoota burjaajiiwwan adda addaatiif saaxila jiraachuu addeessa.
Karaa miidiyaalee idilee waanti barattoota jajjabeessus ta’e abdachiisu ministeerichaan otoo kennamee jedhee koreen dhimma kanaaf hundaa’e yoo jiraate waan irra gahe waljalaa barattootaaf ibsuu akka qabu irra deebi’ee gaafata.
Keessumaa haalli amma jiru barattoota baadiyyaatti dhiibbaa guddaa waan qabuuf xiyyeeffannaan itti yaadamuu akka qabus eeree, dirqama ta’uu baannaan qormaatichi otoo darbu baatee filannnoosaa ta’uu dubbata.
Akeekasaa fuulduraa
“Gara fuuladuraatti Injiinariingii Roobootii barachuun barbaada. Injiinariingiin roobootii saayinsii waa’ee hawaa qoratuudha. Saayinsichi maalummaa hawaa akka eeroo ispeesiitti kan qoratu waan ta’eef fedhiinkoo kana barachuudha.
Maatii barattootaa keessaa
Obbo Darajjee Baqqalaa abbaa barattuu Beetaliheem Darajjee jedhamtuuti. Beetaliheem barana qormaata kutaa 12fa fudhatti. Jiraataa Magaalaa Sabbataa kan ta’an Obbo Darajjeen, mucaasaanii tana sadarkaa dakaatii kaasanii hordofaa akka jiran eeru.
Waa’ee mana barumsichaa
Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO dhuguma mana barumsaa addaati kan jedhan Obbo Darajjeen, manni barumsichaa yeroo barumsaatti sirnaan akka fayyadamu eeran. “Mana barumsichaa biratti yeroon qisaaseffamu hinjiru. Sababuna kanaan yeroo manneen barnootaa sababa vaayirasii koronaatiin cufamanitti korsii hunda barattootasaa kutaa 12fa barsiisee xumursiisuun gara qophii qormaataatti kan ce’edha” jedhu.
“Barattoonni mana barumsichaa otoo manneen barumsaa sababa vaayirasichaatiin hincufamiin torban lama dursaniit xumuran. Kun bu’aa karooraan durfamuufi yerootti haala fayyadamuuti. Manni barumsichaa barattoonni akka shaakalaniif dokimantoota adda addaa kenneefii torban lamaaf dubbisarra turan. Eddii barattoonni gara maatiitti deebi’aniis hordoffiin mana barumsichaa kan yeroo qaamaan barsiisanii caala. Ogguma barattootasaanii maalirra akka jiran hordofuuf nutti bilbilanillee “Ijoolleen keenya jedhu malee ijoollee keessan” hinjedhan jechuun haala jiru ibsan.
Isaanis
“Nutis akka maatiitti mucaa keenyaaf manuma qabnu keessaa kutaa tokko gadidhiisnee barnootashii akka hordoftu gochaa jirra. Daarektaroonniifi barsiisonnishiis ni gorsu, waan dubbistus ni erguuf” jechuun dubbatu.
Hawwii
“Ani otoo biyyattiin akka mana barumsaa kanaa lamaa sadii qabaattee jedheen hawwa. Manni barumsichaa gama hundaan mana barumsaa muuxannoo guddaa ta’uu danda’u qaba. Haallitti isaan ijoollee abdii boruu ta’an kanneen hordofaa jiran addaafi kan nama inaafsisuudha. Maatiin waa’ee dhalasaa hordofuun dirqama. Anis akka maatiitti mana barumsichaatti argamee waan jiru dhiyeenyaanin hordofa. Ta’us hordoffiin mana barumsichaa kan maatii caala” jedhan.
Manneen barnootaafi barsiisonni hundi otoo haala kanaan hordofanii waa’een ququllina barnootaa hinka’u ture kan jedhan Obbo Darajjeen, dhaloonnis iddoo hinmalleefitti hinhafu ture jechuun dubbatu. “Anis hoggansuma sektara barnootaa keessan jiraa kutannoon barsiisotaafi hoggansa mana barumsichaa daran na ajaa’iba” jedhan.
Naamusa barattootaa
“Ani dhimma kanarratti oggaan gara mana barumsichaa dhaqu ittin hima. Barattoonni kunniin gama naamusaatiinis abdii biyya kanaati jedheen amana. Gochoota badoorraa fagoodha. Amalli isaan mana keessatti obbolootasaanii kaan itti gargaaraa jiranirraa hubachuun ni danda’ama. Haalli isaan waan jedhame hojiirra oolchaniin adda.
Kanaaf kunuunsa isaan biqiltuu bara darbe dhaabaniif taasisaa turaniif fakkeenya gaariidha. Barumsi nama jijjiiruu akka danda’u amala ijoolleen kunniin iddoowwan hundatti agarsiisanirraa hubachuun ni danda’ama. Ijoolleen kunniin mana barumsichaatii qalama qofa otoo hintaane naamusas ni baratu jechuudha.a”
Kanaafis hawaasa mana barumsichaa mara maqaa koofi maatii barattootaatiin guddaa galateeffachuun barbaada. Bara dhuftutti vaayirasiin kun badee maatii dhamaatii mana barumsichaafi barattootaa argu nu haa taasisun jedha.
Gaafdeebii Daayirekra Mana Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO, Doktar Hirphasaa Caalaa wajjin dhimma kanarratti taasisne ammoo torban qabannee dhiyaanna.
Charinnat Hundeessaatiin
3 Comments to “Yeroo koronaa kanatti qophii barattoota Mana Barumsa Bultii Addaa WMO”