Ispoortiin kubbaa kachoo yaaddoo keessa jira

Finfinnee: Addunyaarratti  akaakuwwan ispoortii ammayyaa ta’an hedduutu gaggeeffamaa jira. Irra caalaansaanii umrii dheeraa kan lakkoofsisan yoo ta’u, yoomiifi eessatti akka uumaman ykn jalqabaman beekuun rakkisaadha.

Haata’u malee hedduunsaanii jaarraa 20fa keessa biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa giddugaleessaafi kaaba, akkasumas biyyoota baha fagoo Eeshiyaatti akka mul’atan ykn argaman dubbatama.

Fakkeenyaaf, ispoortiin kubbaa miilaa kan dhalate Awurooppaa biyya Ingilizitti. Guddatee kan dagaage garuu Ameerikaa Kibbaatti. Keessumattuu Biraaziil, Uraaguwaayiifi Arjeentiinaatti jechuudha.

Ka’umsi kubbaa kachoo ammoo Ameerikaa Kaabaa(‘USA’)fi Kaanaadaatti akka ta’e beekama. ALA ji’a Muddee bara 1891 lammii Ameerikaa kan ta’an barsiisaa fiiziksiifi inistiraaktara waldaa kiristaanaa dargaggoota dhiiraa addunyaa Pirofesar Jeemsi Naasiimiziin ta’uusaa  ragaaleen seenaa ispoortichaa ni ibsu.

Ispoortiin kun yeroo gabaabaa keessatti kolleejiiwwaniifi manneen barnootaa guutuu Ameerikaa Kaabaafi gidduu galeessaa keesatti babaldhachuudhaan bara 1895 haala dorgommiitiin gaggeeffamuu eegale. Adeemsa keessas beekamtii argachuu danda’eera.

Haata’u malee yeroo jalqabaaf Koree Olompikii Biyyooleessaa jalatti galmaa’uudhaan  sadarkaa olompikiitti kan gaggeeffame olompikii sadaffaa  kan bara 1904 Faransaayi, magaalaa Seenti Luwisitti adeemsifamerratti ta’uusaa ragaaleen ni agarsiisu.

Ispoortichi suuta suuta addunyaarratti babal’achuudhaan biyya keenya kan seene babal’ina manneen barnootaa ammayyaafi dhaabbilee Raayyaa Ittisaatiin walqabateeti jedhama.

Kubbaan kachoo manneen barnootaafi magaalota keessatti  babaldhachuun hordoftoota hedduu horachuusaatti  federeeshiniin kubbaa kachoo Itoophiyaattis  akka hundeeffamuuf sababa ta’uusaati,  kan ibsamu.

Haaluma kanaan federeeshiniin kubbaa kachoo guutuu biyyaatti gandaa kaasee hanga sadarkaa biyyaaleessaatti caasaasaa baldhifachuudhaan walakkaa jaarraa tokkoo oliif tajaajila kennaa tureera. Federeeshinichi federeeshinoota naannolee, kilabootaafi waldaalee ispoortii keessatti ogeessota ispoortii ramaduudhaan ispoortiin kun dargaggoota hedduu akka hammatu carraaqaa tureera.

Itoophiyaan sadarkaa biyyooleessaatti garee kubbaa kachoo beektotaa, kan dubartootaafi dargaggootaa horachuudhaan waggoota hedduuf shaampiyoonaawwan adda addaarratti hirmaachaa turtus yeroo dhihoodhaa as  hirmaannaarraa fagaachaa jirti.

Daarektarri Federeeshinii Kubbaa Kachoo Itoophiyaa Obbo Yimar Hayilee Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, rakkooleen jiran marti hanqina bajataa waliin walqabatu. Federeeshiniin kubbaa kachoo waggaa waggaadhaan shaampiyoonaa gaggeessuuf naannoleefi kilaboota adda addaaf waamicha gochaa turus baay’eensaanii yeroodhaan hingalmaa’an. Kanneen galmaa’anis bajata hinqabnu jechuudhaadhaan jidduutti dorgommii dhaabuuf dirqamu jedhu.

Kanaan dura Itoophiyaan kilaboota hedduu horachuudhaan shaampiyoonaawwan biyyoota bahaafi giddugaleessa Afrikaarratti hirmaachaa turtus ammaan tana kilaboonni baay’een waan diigamaniif, akkasumas kanneen hafanis humna maallaqaa waan hinqabneef shaampiyoonicharraa fagaanneerra jedhu.

Rakkina kana furuuf yeroo baay’ee dhaabbilee kilabootaa sossobaa turus milkaa’u hindandeenye. Mootummaanis hanga danda’ameetti carraaqus dhaabbileen humna faayinaansii waan hinqabneef hirmaachuuf rakkachaa turuusaanii eeran.

Kanaan dura maqaa olaanaa kan qaban kilaboonni bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Raayyaan Ittisaa, Ejensiin Manneen Kiraa Federaalaa, kilaboonni naannolee Oromiyaa, Amaaraa, bulchinsonni magaalotaa hanqina faayinaansii isaan qunnameen diigamaniiru. Kunimmoo  ispoortii kubbaa kachoo biyyattiirratti yaaddoo guddaa kan uume ta’uusaati.

Rakkoo kana furuuf federeeshiniin kubbaa kachoo pirojektiiwwan dargaggootaarratti xiyyeeffachuudhaan hanga danda’ameetti ogeessota hedduu horachuuf naannoleetti leenjiwwan addaddaa gaggeessuuf karoora baasusaaniis himaniiru.

Ispoortii kana manneen barnootaa keessatti caalaatti babaldhisuufis Ministeera Barnootaa mootummaa RFDI wajjin mari’achaa akka jiranis ibsasaaniirraa hubachuun danda’ameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

9 Comments to “Ispoortiin kubbaa kachoo yaaddoo keessa jira”

  1. Pingback: you could try here
  2. Pingback: ruay
  3. Pingback: fortnite hacks
  4. Pingback: Amanda Ghost

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *