Yeroo darbe waa’ee maalummaa, haala daddarbuufi ittisa dhukkuba koroonaa vaayirasii ilaallee turre. Amma immoo mee haala qabatamaa biyyi keenya dhukkubicha ittisuu irratti taasisaa jirtu haa ilaallu. Akkuma beekamu babal’inni dhukkuba kanaa biyyoota hedduu haa qaqqabu malee hanga ammaatti harka dhibba keessaa sagaltamii sagal (99%) biyya Chaayinaa keessatti akka ta’e beekamaadha.
Akkaataan daddarbuu dhukkuba kanaa ammoo akkuma beekamu qilleensaan namarraa gara namaatti kan daddarbuufi namni tokkichi dhukkuba kanaan qabame namoota hedduutti altakkaatti dabarsuu danda’a. Kanaaf namoonni (imaltoonni) biyya Chaayinaa irraa gara biyya keenyaas ta’e gara biyyoota garaa garaa imalan carraan dhukkuba kana gara biyya itti deemaniitti fuudhanii galuu isaanii olaanaadha. Kana of irraa dhorkuudhaaf biyyoonni gargaraa maloota gargaraa akka fayyadaman beekamaadha. Kanneen keessaa tokko namoota biyya Chaayinaa irraa dhufaniif qorannoo vaayirasii kanaa taasisuufi balalii biyya Chaayinaatti godhan addaan kutuu fa’i.
Biyyi keenya Itoophiyaan kallattii kanaan maal gochaa jirtii? Akkaataan biyyi keenya itti dhukkuba Vaayirasii Koronaa kana ittisuuf taasisu ga’aadhaa? Vaayirasiin Koronaa kun biyya keenya yoo seene biyyoota biroo keessumaa biyyoota guddatan irraa addatti akkamiin biyya keenya hubuu danda’aa? kan jedhu haa ilaallu.
Balaliin daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa gara biyya Chaayinaatti taasisu biyya keenya balaa dhukkuba kanaaf hin saaxiluu?
Gaaffii kana debisuuf haala garagaraa irratti hundoofnee deebii kennuu dandeenya. Inni jalqabaa biyyoonni gurguddoon akka biyya Ameerikaa kan yoo dhukkubni kun isaanitti dhufe illee teknoloojii, qabeenyaa qarshiif humna namaa ga’aa dhukkubicha ittisuuf oolu qaban illee balalii gara biyya chaayinaa taasisan sodaa dhukkuba Vaayirasii Koroonaa kanaaf qaban irraa kan ka’e addaan kutanii jiru. Haa ta’u malee biyyi keenya Itoophiyaan haga yoonaa balalii gara biyya Chaayinaatti taasistu hindhaabiin jirti.
Balalii biyya Chaayinaatti taasifamu addaan kutuun miidhaa qabeenyaa, kan walitti dhufeenyaafi waan gargaraa hubuu mala. Haa ta’u malee akka tasaa dhukkubni kun yoo biyya seene qabeenyaafi lubbuu namaa inni galaafachuu danda’u hedduu hedduu sodaachisaadha. Balalii gara biyya Chaayinaa addaan kutuun ammoo guutummaa guutuutti dhukkubichi biyya Chaayinaa irraa gara biyya keenyaatti akka hindhufne taasisuun ni danda’ama.
Qorannoon (screening) imaltoota biyya chaayinaa irraa dhufaniif buufata daandii xiyyaaraa Itoophiyaatti taasifamu ga’aadhaa?
Gaaffii jedhuuf ammoo deebiin salphaan ga’aa miti kan jedhudha. Sababni isaas akkuma kanaan dura ilaaletti dhukkubni vaayirasii koronaa kun erga qaama namaa seenee booda kan inni mallattoo argisiisu guyyoota 2 haga 7 gidduuttidha. Kana jechuun namni vaayirasiin kun qaamasaatti seene osoo mallattoo akka dhagna gubaa ykn dabaluu ho’a qaamaa (fever) hingodhatiin gara biyyaa dhufee seenuu danda’a. Daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa ammoo akka miidiyaalee garagaraaf ibsa kennanitti ho’a qaamaa (fever) imaltootaa ilaaluudhaan kan qorannoo (screening) vaayirasii koronaa kanaaf taasisu.
Kana jechuun salphaadhumatti vaayirasiin kun osoo mallattoo hin argisiisiin (incubation period keessa turuudhaan) gara biyyaa seenuu mala jechuudha. Inni kan biraan ammoo qorannoon dhiigaa gosoota Vaayirasii Koroonaa kana adda baasu yeroof akka biyya keessa hinturiiniifi qorannoof gara biyya Afrikaa Kibbaatti akka ergamu ibsamaa ture, kana jechuun ammoo nama shakkame tokko illee dafanii adda baasanii murtoo fudhachuuf hedduu rakkisaadha jechuudha.
vaayirasiin Koronaa kun biyya keenya yoo seene biyyoota biroo keessumaa biyyoota guddatan irraa addatti akkamiin biyya keenya hubuu danda’aa?
Gaaffii jedhuuf deebii isaa haga tokko tilmaamuun baay’ee salphaadha. Biyyi keenya dhukkuba akka abidda saafaa altakkaatti namoota kumaatama qabatu akka Vaayirasii Koronaa kana ofirraa ittiisuuf teknolojii yaalaaf qorannoof barbaachisan; qabeenyaafi teknolojii akkasumas humna namaa akka biyya Chaayinaatti hospitaala guyyoota 7 keessatti dhukkuba kanaaf ijaaru, humna ogeessa fayyaa dhukkuba kana dura dhaabachuuf oolu, meeshaalee ammayyaa dhukkubni kun akka namaa namatti hindabarre ittiin dhorkan akka haguuggii afaaniif funyaanii (face mask) adda N-95 jedhamuufi haalota biroo hedduu barbaachisan qabdi jedhee hinamanu.
Kana qofaa miti, hubannoon uummanni biyya keenyaa dhukkuba kanarratti qabu fi haalli uummanni biyya keenyaa keessa jiraatu saffisaan daddabrbuu dhukkuba kanaaf hedduu mijataadha. Fakkeenyaaf, umanni keenya keessumaa maagaalota keessatti walitti heddummatanii kan jiraataniidha, nama hedduu ta’anii mana tokko keessa jirachuutu jira akkasumas, haalli qulqullina naannawaafi dhuunfaa jiruu gadi bu’aadha; kun hundi daddarbuu dhukkuba Vaayirasii Koroonaa kanaaf hedduu haala mijeessa.
Kana malees haalonni tokko tokko kan ummata walitti heddumeessan akka bakka waaqeffannaa, gabaa, walga’iiwwan gargaraa, mana barumsaa, maneen adabaa, yunivarsitiiwwan, dhaabbattoota garagaraafi kkf altakkaatti namoota kumaatama akka qabatuuf haala mijeessa. Akka biyyoota biroo taateewwan kana (gabaa, dhaabbilee gargaraafi kkf) addaan kutuun ammoo haala hawaas dinagdee biyya keenyaa yoo ilaallu waan salphaa hinfakkaatu.
Dhukkuba Vaayirasii Koroonaa kana kan duraan, jechuun ALA bara 2003 mul’ate irraa maaltu adda godhaa?
Yeroo darbe biyya Chaayinaa keessatti bara 2003 dhukkubni koroonaa vayirasii kun ka’ee namoota baay’inaan gara 8,096 (kuma saddeetiif sagaltamii ja’a) qabachuudhaan gara namoota 774 (dhibba torbaaf torbaatamii afur) lubbuu dabarsuu akka danda’ee ture ilaallee turre. Kan tibba kana ka’e ammoo baay’ina namoota qabateenis ta’e baay’ina namoota lubbuu dabarseenis ta’e kan duraanii irra caalee jira.
Haa ta’u malee dhukkubni kun bara 2003 sana keessa, namoota qabate keessaa dhibbantaa 10 kan lubbuu galaafatee ture yoo ta’u, kan ammaa (tibbana) ka’ee jiru kun ammoo namoota qabate keessaa dhiibbantaa 2.2 qofa lubbuu kan dabarse ta’uu beekamee jira. Kun ammoo lubbuu galaafachuun vaayirasichaa kan bara 2003 irra hedduu akka hir’ise nuuf hima.
Dhukkubni Vaayirasii Koronaa kun yeroo ammaa kanatti sadarkaa akkamii irra jiraa?
Oduun gammachiisaan jiru tokko faca’iinsi dhukkuba vaayirasii koroonaa kun biyya Chaayinaa keessatti akka hir’isaa jiru miidiyaaleen akka CNN fi dhaabbanni fayyaa biyya Chaayinaa ibsanii jiru. Akka isaan jedhaniitti, haga ammaatti qofa dhibbantaa 48.2 faca’iinsi dhukkuba kanaa hir’isee jira. Kun oduu gammachiisaafi abdii hedduu kennu ha. Haa ta’u malee haga ammaa namni dhukkuba kanaan qabamee jiru biyya Chaayinaa keessa qofa haga kuma 52 kan ga’eeruufi kanneen sababa dhukkuba kanaa lubbuun isaanii darbe ammoo kuma tokkoofi 300 akka ta’an ibsamee jira.
Biyya keenya keessattti haga ammaa dhukkubni vaayirasii koronaa kan hinargamiin ta’uun ammoo gammachuu dabalataati. Kana jechuun garuu ofeeggannoofi ittisni godhamu cimee itti fufuu hinqabu jechuu miti. Kanaaf yoo danda’ame eegumsi dhukkuba Vaayirasii Koronaa kan duraa irra cimee akka itti nuu fufu jechaa rabbi guddaan dhukkuba kana nurraa yaa eegu jenna. Qorannoon qorichaafi talaallii vaayirasii kana ittisuuf ooluu argachuuf godhamu hedduun itti fufee kan jiruufi abdii guddaa kan qabu yoo ta’u, haga ammaatti qorichas ta’e talaalliin dhukkubicha fayyisuufis ta’e ittisuuf gargaaru hin argamiin jira.
Fayyaan Faaya
Horaa Bulaa
Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an,
Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloosiitti
baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 7/2012
9 Comments to “Vaayirasii Koronaa ittisuuf Itoophiyaan maal hojjechaa jirti?”