“Torban torbaniin muudna malee hoogganaa hojiirra ciisu baannee hindeemnu” – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee: Gamaagamni raawwii hojii seektaroota mootummaa naannoo Oromiyaa kurmaana lammaffaa Roobii darbe adeemsifame kan hojii itti kenname sirnaan raawwate kan itti jajameefi kan hanqina qabuufi raawwiin isaa guutuu hintaane kan akeekkachiisni  itti kenname ture.

Gamaagamicharratti kilaastarri misooma baadiyyaa kan itti jajame yoo ta’u, kilaastarootni magaalaafi dhimmoota hawaasummaa immoo kan itti qeeqamaniifi akka sirrataniif akeekachiifni itti kennameedha.

Raawwii hojii sektaroota mootummaa naannichaa kurmaana 2fa guyyoota lamaaf waajjira Pirezdaantiitti gamaaggamamaa turerratti argamuudhaan yaada guduunfaafi kallattii fuula duraa kan kaa’an pirezdaantii ittaanaan naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa, raawwiin ji’oota ja’aa milkiifi hanqinootaan kan walmake ta’uu ibsaniiru.

Gama kilaastara magaalaatiin wareera lafaa dhimma ijoo ta’ee waltajjicharratti ka’e yeroo ittaanutti furmaata argatee dhihaachuu akka qabu kan akeekkachiisan pirezdaantichi, saamichiifi wareerri lafaa bifa qindaa’een gaggeeffamaa jiru dhaabuuf tarkaanfiin sirreeffamaa irratti fudhatamuu akka qabus ibsaniiru

Kun ta’uu baannaan hooggantota dhimmichi  kallattiidhaanis ta’ee al kallattidhaan hoogganuu dadhaban irratti tarkaanffiin sirreeffamaa kan fudhatamu ta’uus dubbataniiru.

Hooggansi hunduu dhimma carraa hojii uumuu akka hojii ijootti fudhachuu kan qabu ta’uufi humna baratee maatii isaa irratti fe’amaa jiru hojitti galchuun ergama hooggansaa ta’uu akka qabus ibsaniiru. Hooggansi muudamu kamiyyuu hojii laakka’amee itti kenname laakka’ee hojjachuu baannaan akka durii wal baatanii deebuun waan hinyaadamne ta’uus ibsaniiru

Nama hojjatuufi quuqama hawaasaa qabatamaan mirkaneesse jajjabeessaa, hoogganaa haasaa duwwaan teessoo irra taa’ee ummatatti qoosu immoo itti gaafatamaa taasisuuf qophoofneerra kan jedhan pirezdaantichi, yeroo yeroon hoogganaa jijjiiruun hinbarbaachisu yaadni jedhu fudhatama hinqabu. Bakka hooggansi hojii ramadameef sana sirnaan hin raawwatiniifi teessoo irra taa’ee mugutti torbaan torbaaniinis taanaan hoogganaa muuduun kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Bu’uuraaleen misoomaa osoo hinjiraatin magaalaan babal’achuun  yaaddoo malee carraa guddinaa ta’uu waan  hindandeenyeef  to’annoofi hordoffiin cimuu akka qabu kan yaadachiisan pirezidaantichi, sektara baadiyyaa keessattis pirojektoonni waliin ga’insa daandiifi bishaan dhugaatii ijaaramaa jiran harki caalaan harkifachuufi kaan ammoo kan dhaabbatan waan jiraniif hojiin kun kurmaana itti aanu keessatti xiyyeeffannoo addaa argatee xumuramuu akka qabus dhaamaniiru.

Qindoomina seektarootaa cimsuun, carraa hojii bal’aa uumuun, tajaajila lammummaa babal’isuun, hojii hunda qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti xumuruufi aadaa qusannoo dagaagsuun akka kallattiitti kaa’ameera.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

7 Comments to ““Torban torbaniin muudna malee hoogganaa hojiirra ciisu baannee hindeemnu” – Obbo Shimallis Abdiisaa”

  1. Pingback: fake information
  2. Pingback: poker online
  3. Pingback: best promos
  4. Pingback: Betty

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *