Boora’uun nageenyaa keessumaa waggoota lamaa sadii as manneen barnootaas ta’e dhaabbilee barnoota olaanaa naannolee adda addaa keessatti argamanitti mul’ataa jiru biyya raasaa jira. Hunkuramaa jiraachuun dhaabbilee barnootaa kun maatiis ta’e barattoota sadarkaa dakaatii jalqabanii tattaaffiisaaniitiin iddoo olaanaa qaqqabuuf yaadan abdii kutachiisaa jira.
Biyya keenyatti haala kanaan dura barameen barattoonni yuniivarsitiifi manneen barnoota sadarkaalee adda addaarratti argaman sagalee tokkoon qabsaa’aa kan turan cunqursaarratti.
Sagaleen sun ammoo kan dhagahamu sabaafi amantiin osoo adda hinqoodamin dargaggoonni sarara tokkorra dhaabachuudhaan kan balaaleffatan waayee cunqursaati malee gosummaan, sanyummaan, amantiidhaan adda bahanii akka diinaatti walgaarreffachuun hinturre.
Ammaan tana garuu ilmaan biyya takkoo hojmanee diinni kenneefiin xaxamanii walqoduun lubbuun namaa marartuufi lamuu hindeebine tasatti darbaa jira. Dhiigni isaaniis dhangala’ee, qaamnisaaniis miidhameera. Qabeenyi mootummaafi dhuunfaas barbadaa’eera.
Haatiifi abbaan osoo hinbaratiin barsiisan, osoo ofii quufanii hin nyaatiin boru isaan naaf darba jechuun waan qaban urgufatanii barsiisaa jiran otoo eebbifamanii deebi’uu eeganii reeffa simachuun yaaddoo guddaa ta’aa jira.
Yunivarsitiiwwan iddoo beekumsa itti habbuuqamuufi lammiileen guddina biyyaatiif hojjetan itti kaadhimaman malee waltajjii gareedhaan walqooduun labbuu walii ittigalaafatan ta’uu hinqabu.
Ammas taanaan keessumaa barattoonni dhaabbilee barnoota olaanaa kaayyoo manaa bahaniif hubachuun oduu burjaajii maddisaa hinbeekamneen hoofamanii ofiisaaniis maatisaaniis darbees biyya rakkoof saaxiluurraa of eeguufi qusachuu qabu.
Keessumaa barataan yunivarsitii yaadaafi ilaalchasaa bal’isuun taatee hunda sababaan utubee tarkaanfachuu qaba malee funyoo badii akeekmaleeyyoonni diriirsanifiin xaxamee kufuu hinqabu.
Dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti jeeqemsa kan uuman qaamolee maallaqaan bitaman ta’uu waan maluufis qaamolee kanneeniif gabaa ta’uurraa of eeggachuu qabu.
Qaamolee afaan damma dibatanii, barataa fakkaatanii walitti isaan buusuu yaalaniif gonkumaa gurraafi qalbii kennuu hinqaban. Barattoonni yoo gaaffii qabaatanillee karaa isaan gituufi qaroomina qabuun qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeeffachuu qabu malee gabaa warra badii galaafatee deemuu ho’isuuf walirratti kaka’uu hinqaban; sirumayyuu waliif dahoofi gaachana ta’uu qabu.
Har’a kan afaan keenya dubbatee, aadaa keenya uffatee deemu marti firaafi dhibantaa keenya akka hintaanes sirriitti hubachuu barbaachisa. Waanuma fedhiyyuu yoo ta’e ammaan tana mootummaan gaaffiifi sagalee ummatasaa dhagahee awwaatu jiraachuu hubachuun diina alaala dhaabatee barooduuf akkasumas sababa barbaadee isaan nyaachuuf afaan banaa jiruuf gonkumaa ulaa banuu hinqaban.
Keessumaa ijoolleen Oromoo yeroo dhaabbileen Oromoo gaaddisa tokko jalatti sassaabamanii waa’ee sabasaniirratti tokkummaan hojjetaa jiran kanatti akkasumas biyya Oromoodhaan bulaa jirtutti sochiinsaanii hundi obsa, hubannaafi bilchinaan qofa ta’uu qaba.
Nagaa mirkaneessuun dhuunfaarraa kan eegalu ta’us caasaaleen maatummaafi nageenyaa sadarkaa sadarkaa jiranis nageenya barattoota maatiin imaanaa itti kennee sirnaan mirkaneessuu qabu. Kanneen badii uumame keessaa harka qabanis calalee seeraaf dhiyeessuu qabu.
Fakkeenyaaf jeequmsa bardheengaddaa dhaabbilee barnoota olaanaa adda addaatti uumameen lubbuun baratootaa darbuun ni yaadatama. Garuu qaamni badii kana qaqqabsiise qoratamee murtiin kenname ummataaf ibsamuu qabaayyu. Otoo waljalaa ibsameera ta’ee yakki yakka dhalee yakkis hinbabal’atu, yakkamaanis onnee hinargatu ture.
Dhimmoonni akkanaa otoo ummataaf ifa hinta’iin diddibamee irra darbuun sirrii waan hintaaneef qaama badii sana keessaa harka qabu seecca’anii adabsiisuun dhimma boruuf jedhamu ta’uu hinqabu.
Walitti bu’iinsa tibbana uumameerrattis qaamoleen barattoota fakkaatanii mooraa seenanii jeequmsaafi walitti bu’iisna uuman danuun qabamuusaanii Ministeerri Barnoota Olaanaafi Saayinsii tibbana ibseera.
Ibsichi kennamuun gaarii ta’ee gochichi haala kamiin, eenyuun, yoom, qindaa’ee akka raawwatame akka irraa baratamuuf ummataaf tokko tokkoon ibsamuu qaba malee akkuma baratame irra diddibamee hafuu hinqabu.
Tashoomaa Qadiidaatiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012
5 Comments to “Yakkamtoonni seecca’amanii adabamuu qabu”