Tajaajilli bishaan dhugaatii ragaa qandaa’aarratti hundaa’e eegalamuufi

Sababa dhabamuu odeeffannoo qindaa’aatiin biyyattiin bishaan dhugaatii sadarkaasaa eeggateefi lammiilee biyyattii hundaaf ta’u dhiheessuu akka hindandeenye ragaaleen ni agarsiisu.

Ijaarsi projektota bishaan dhugaatii adeemsifamaa turanis dhaabbilee garagaraatiin bifa bittinaa’een adeemsifamaa turuusaatiin odeeffannoon qindaa’aan haala waliigala tamsa’ina isaanii agarsiisu hinturre.

Xumura bara 2003fi jalqaba bara 2004tti si’a jalqabaatiif qaawwa gama kanaan ture furuudhaaf lakkaawwiin dhaabbilee bishaan dhugaatii Itoophiyaatti adeemsifamus ragaan funaaname waraqaa irratti kan hundaa’e ta’uusaatiin bu’aa barbaadame kennuu kan hindandeenye ta’uusaa Ministeerri Bishaan Jallisiifi Inarjii Kibxata darbe ibseera.

Rakkoo lakkaawwii tajaajila bishaanii tanaan dura ture irraa barumsa gahaa ta’e fudhachuudhaan isa amma eegalameef qophii waggoota lamaa olii taasisaa turuu kan himan ministirri ministeerichaa, Doktar Injinar Silashii Baqqalaa, bishaan dhugaatii qulqulluu ummata biyyattii hundaaf dhiheessuuf dursa odeeffannoo sirriin jiraachuu akka qabu ibsaniiru.

Lakkaawwiin tajaajila bishaan dhugaatii Mudde 30 irraa eegalee guyyoota 15f guutuu biyyaatti adeemsifamu kun qaawwa gama odeeffannoo qindaa’aan ture duuchuu bira darbee teknolojiiwwan hammayyaatiin kan deggaramu waan ta’eef yeroof faayidaa kennuu kan danda’u ta’uus ibsaniiru.

Hojmaatichi kun immoo gabaasa sobaa yeroo hedduu dhihaachaa jiru ittisuu keessattis shoora olaanaa ni qabaataa jedhaniiru.

Tableetotni kuma afuriifi 75 ta’an hojii kanaaf bitamuusaanii, akkasumas ogeeyyonni daataa funaanan kuma afur ta’anis leenjii barbaachisu fudhatanii gara hojiitti galuusaaniis himaniiru.
Hojii faayidaa olaanaa biyyattiif qabu kana milkeessuuf immoo gargaarsi doolaara 2.1 ta’u dhaabbilee deggarsaa kanneen akka Baankii Misooma Afrikaafi ‘UNCSE’ irraa argamuusaa dubbataniiru.

Hojiin kunis eenyuunuu caalaa kan fayyadu hawaasa bal’aa waan ta’eef, ummannis odeeffannoowwan sirrii kennuudhaan deggarsa akka godhan gaafaniiru.

Yeroo ammaa dhiheessiin bishaan dhugaatii qulqulluu magaalatti dhibbantaa 60.2 irratti kan argamu yemmuu ta’u, baadiyyaatti dhibbantaa 73.9fi waliigalaan ammoo dhibbantaa 72 irratti kan argamu ta’uu ragaaleen ministeericharraa argaman ni mul’isu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

3 Comments to “Tajaajilli bishaan dhugaatii ragaa qandaa’aarratti hundaa’e eegalamuufi”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *