“Bakka kilaboonni atileetiksii hinjirreetti garee biyyaalessaa cimsuun ulfaataadha”Komaandar Huseen Shaboo

Ispoortiin atileetiksii dorgommiiwwan baay’ee kan hammatuufi meedaaliyaawwan hedduu kan nama hammaarrachiisuudha. Dorgommiiwwan atileetiksii keessaa dadhabsiisaan fiigicha fageenya dheeraa kan meetira dhibbaa hanga kiiloo meetira 42.195 (maaraatooniitti) kan jirani jechuun ni danda’ama.

Seenaa atileetiksii keessatti Itoophiyaan atileetota ciccimoo isheetiin addunyaa maraarratti beekamtuufi iddoo olaanaas qabdi. Atileetoota gootota ishee beekamoota kanneen duuba ammoo leenjistoonni maqaa gaarii qaban akka jiran mamiin hinjiru.

Leenjistoota atileetota beekamoo Itoophiyaan horatte keessaa tokko kan ta’an Komaandar Huseen Shaboo adda dureedhaan kan waamamaniidha. Gaazexaan Bariisaas leenjisaa hangafaa kana waliin tibbana turtii taasiseeraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Komaandar Huseen eessatti dhalatanii guddatani?

Komaandar Huseen: Kanan dhaladhe bara 1958 abbaa kiyya Obbo Shaboo Caffaafi haadha tiyyaa Aadde Amiinaa Diichisoorraa godina Arsii, Aanaa Muneessaa, Ganda Qonaan Bulaa Niinoo Boldaanaatti.

Abbaafi haati tiyyaa ijoolee 14 horan dhiira torbaafi dubartoota torba yoo taanu, ani ilma hangafaati. Ani ammoo ijoollee saddeetti horadheera. Dhiirota sadiifi dubartoota shan jechuudha.

Bariisaa: Barnoota keessan hoo eessatti hordoftan?

Komaandar Huseen: Mana barumsaa kanan jalqabe akka ijoollee magaalaa yeroodhaani miti. Akkuma daa’imman naannoo keenyaatti jabbileefi bushaayee tiksaan ture. Dhaladhee waggaa 11fa kiyyatti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa naannoo keenyatti argaman Igoo Lagdanaafi Ciqeettan hordofe.

Kutaa 9-11fa kanan hordofe mana barumsaa Qarsaa jedhamutti. Kutaa 12fa ammoo mana barumsaa Alambaqqaanyi kan Finfinneetti argamutti. Sana booddee ammoo Kolleejjiin Barsiisota Kotobee Yunivarsiiti Finfinnee jala waan tureef barumsa saayinsii ispoortiitiin digirii jalqabaa argadheera. Kana malees biyya Haangaarii, magaalaa Budaapeestitti ji’a jahaaf leenjii leenjistummaa atileetiksii Waldaa Federeeshina Atileetiksii Addunyaa (“IAAF’’)n kennamu fudhachuudhaan sartifikeetaan eebbifamuu danda’eera. Koorsiiwwan gaggabaaboo sadarkaa tokkoffaa, lammaffaafi sadaffaa leenjisummaa oggeessota biyya keessaafi biyyoota alaatiin kennaman hedduus fudhadheera.

Bariisaa: Ispoortii atileetiksii yoomiifi akkamitti jalqabdan?

Komaandar Huseen: Ispoortii kanan jalqabe wayitan barumsa kutaa torbaffaa baradhudha. Yeroo sana shaampiyoonaan manneen barnootaa aanaalee godina Arsii jidduutti waan adeemsifamuf barbaade osoo hinta’in tasa dorgommii kutaalee barumsaatti dorgome. Fiigicha meetira 800tiin hirmaadhe qabxii gaarii fiduu kiyyatti achumaan filame.

Baruma sana dorgommiiwwan ittin hirmaadhetti mo’achuu kiyyaan mana barumsaa bakka bu’uun dorgommii sadarkaa godinichaatti adeemsifamerratti hirmaadhe.

Waldorgommii manneen barnootaa kanarratti atileetonni qabxii gaarii fidan waan filamaniif anis isaan keessaa tokko ta’ee Arsii bakka bu’uudhaan shaampiyoonaa guutuu manneen barnoota Itoophiyaa kan bara 1977 Magaalaa Jimmaatti gaggeefameerratti fiigicha meetira 800fi kuma 1fi 500 hirmaachuu danda’eera; meedaaliyaas argamsiiseera.

Bariisaa: Ispoortii atileetiksii hordofuuf bu’uurri keessan eenyu ture?

Komaandar Huseen: Akuman jedhe ispoortii atileetiksii wayitan jalqabu eenyuunuu argeeti miti. Tasa kanan jalqabe. Eddan fiiguu jalqabee booddee garuu atileeti Niguusuu Urgee kan jedhamu naannoo keenyaa atileetii beekamaa ta’uu bare. Sanii achi wayitan mana barumsaa dhaquufi deebi’u miilaan waanan deemuuf cimina argachuudhaan itti fufe.

Mana barumsaa sanatti ispoortii kubbaa miilaafi kubbaa saaphanaa taphachuun jaaladha ture. Barsiistonniifi hiriyoonni kiyyaa ammoo yeroo baay’ee gara ispoortii atileetiksiitti na dhiibaa turan. Anis achumaan itti fufuudhaan jaalachaa dhufe dhumarratti jiru kiyya ta’e.

Bariisaa: Raayyaa Poolisii Itoophiyaatti yoom makamtani?

Komaandar Huseen: Raayyaa Poolisiitti kanan makame bara 1978 wayitan barumsa sadarkaa lammaffaa hordofaa turedha. Raayyaa Poolisii Manneen Sirreessaatti makamee ji’oota jahaaf naamusa loltummaa hordofuudhaan eebifameera.

Bu’uura ispoortii manneen barumsaatti argadheen kutaa ispoortii manneen sirreessaa federaalaatti makamuudhaan atileetota beekamoo wayita sanaa Warquu Biqilaa, Nugusuu Urgee, Tizaazuu Wubisheetifaa wajjiin shaakala ammayyaa’aa fudhadhachuu jalqabe.

Kutaa kanatti akkan makamu daandii kan naaf banan bulchaa manneen sirreessaa yeroo sanaa Koloneel Abarraa Ayyaanaati. Koloneel Abarraan seenaa ispoortii Poolisii Federaalaa keessatti nama iddoo olaanaa qabaniidha.

Bariisaa: Wayita daa’immumaa keessaniitti nyaatni isin jaalattan maal fa’i?

Komaandar Huseen: Naannawaa ani itti dhaladheetti yeroo baay’ee kan nyaatamu Marqaa, Cuukkoofi Micciirraadha. Kan dhugamu ammoo aannani. Kanumaafin cimina argadhe natti fakkaata. Nyaata kana ammoo ana qofa osoo hinta’in atileetonni yeroo ammaas ta’u dur Arsiirraa argaman marti osoo hin nyaatiin kan guddatan hinjiran. `

Bariisaa: Gara Leenjisumaatti akkamitti dhuftan?

Komaandar Huseen:Yeroon dorgommiirra turetti bakka leenjisaan hinjirreetti dorgomaas leenjisaas ta’een atileetota manneen sirreessaa leenjisaa ture. Haata’u malee, atileetiin tokko leenjisaas dorgomaas ta’uu hindanda’u seera jedhun atileetuma dhaabe leenjisumaarratti hirmaachuuf murteesse.

Muuxannoon achirraa argadheen koorsiiwwan gaggabaabduu biyya keessaarratti akkan hirmaadhu karaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatiin carraa argadhe.

Yeroo sana leenjiin leenjisummaa ogeesoota biyya keessaa, keessumatu barsiistota ispoortii Yunivarsiitii Finfinneetiin waan tureef haala gaariidhaan hordofuun qabxii gaarii galmeessise. Sana booddee gargaaraa leenjisaa kilaba Manneen Sirreessaa ta’un hojii kiyya jalqabe.

Bariisaa: Garee biyyaaleessaa Itoophiyaa leenjisuuf akkamitti carraa argattan?

Komaandar Huseen: Leenjisaa kanan ta’e haala hin baraminiin waggaa 25fa kiyyatti. Seenaa leenjistoota Itoophiyaa keessattis umrii dargaggummaatiin leenjisaa ta’uudhaan ani kan jalqabaati.

Turtii leenjisummaa kiyyaa waggoota 28 keessatti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan dorgommiiwwan olompikii, Shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaa, dorgommiiwwan qaxxaamura biyyooleessaa, taphawwan guutuu Afrikaafi shaampiyoonaawwan atileetiksii Afrikaa dabalatee biyyoota 75 keessatti hirmaadheera.

Gargaaraa leenjisaa ta’uudhaan kanan itti makame ispoortii atileetiksii Itoophiyaa  

kanatti atileetota addunyaarratti beekamoo ta’an baay’ee waliin hojjedheera. Qabxii gaariis biyyaaf argamsiiseera.

Bariisaa: Muuxannoo leenjisuummaa waggoota dheeraa keessatti eenyuufaa leenjistan?

Komaandar Huseen: Atileetota hangafootaa, hoggantoota, leenjistootaafi kanneen hojiiwwan invastimantii adda addaarratti hirmaachaa jiran leenjisuuf carraa argadheera.

Atileetota hangafoota kanneen keessaa Pirezidaantii Federeeshina Atileetiksii Itoophiyaa Koloneel Daraartuu Tulluu, Pirezidaantii Waldaa Atileetota Itoophiyaa Komaandar Maarqoos Gannatii, Ittigaafatamaa kutaa teknikaa atileetiksii Itoophiyaafi miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa Kabajamoo Obbo Duubee Jiloo, Kumaalaa Haayilee G/Sillaasee, atileetota kanneen akka Faaxumaa Roobaa, Geexee Waamii, Birhaanee Adaree, Tikkii Galaanaa, Silashii Sihiin, Ijjigaayyoo Dibaabaafi kkf leenjiseera.

Akkasumas atileetota addunyaa dinqisiisuun rikardii haaraaa galmeessisan dabalatee injifannoo boonsaa gonfatan kanneen akka gootota olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa, dorgommii qaxxaamura biyyooleessaa atileeti Qananiisaa Baqqalaa, Xirunash Dibaabaa, Masarat Daffaar, Galatee Burqaa, Almaaz Ayyaanaa, Massalach Malkaamuu, Ibraahim Jayilaan, Imaanaa Margaa, Ganzabee Dibaabaafaas leenjiseera.

Atileetota kanneen ammaa keessaa ammoo Muktaar Idiris, Salamoon Bargaa, Yoomiif Qajeelchaa, Andu’aalam Ballihuu, Dharraa Diidhaa, Sambaree Tafariifi baay’eesaanii leenjisaan jira.

Bariisaa: Turtii leenjisummaa keessaniin atileetota duriifi ammaarraa garaagarummaan taajjabdan jiraa?

Komaandar Huseen: Garaagarummaa baay’eetu jira. Dur akka aadaatti qabamee hojjetamaa kan ture atileetonni garee biyyaaleessaa giddugaleessatti walitti qabamuudhaan leenjifamu. Ammaan tana garuu haala bittinaa’aa ta’een kilabaan, dhuunfaadhaafi maanaajarootaan leenjiin kennama. Atileetonni baay’een waan jiraniif tokkoo ta’anii osoo hojjetanii qabxiiwwan boonsaa hedduutu argama ture.

Dur atileetonni Itoophiyaa kan ittiin beekaman hojii gareetiin. Fedhiinsaanii tokkoffaa ba’uun meedaaliyaa argatanii maqaa biyyaa waamsiisuudha malee walwaanyun hinjiru. Jidduusaanii jaalalaafi obbolummaa dhugaa malee ani mo’adhee maqaa olaanaan argadha kan jedhu hinturre.

Bariisaa: Atileetonni baay’een leenjistootaaf hin ajajaman jedhama. Kun maaliif ta’e?

Komaandar Huseen: Atileetiin tokko jalqabaa kaasee hanga guyyaa dorgommiitti leenjisaa wajjin shaakalu yoo baate walii galuun hindanda’amu. Haala amma hojjetamaa jiru kanatti turtii torban tokkotti ykn ji’a tokkoofi lama keessatti yaada tokkummaa fiduun hindanda’amu. Akka duris garee biyyaaleessaa walitti qabna jechuun rakkisaadha.

Bariisaa: Sababisaa maali?

Komaandar Huseen: Dur baay’inni kilaboota atileetiksii Finfinnee keessa turanii jaha hincaalan. Ammaan tana dandeettii kilaboonni keessummaa fiigicha dheeraarratti qaban baay’ee gadi bu’eera. Gama birootiin ammoo kilaboonni hedduun amma jiran teessoon isaanii naannooleedha. Kana waan ta’eef atileetota kanneen gara giddugaleessaatti fidanii leenjisuun rakkisaadha.

Sababiinsaa mana kiraa dabalatee baasii guddaa gaafata. Kanaafuu gargaarsis ta’e leenjiifi hordoofiin kan taasifamu bakkuma isaan jiranitti. Haa ta’u malee,wayita dorgommiin dhihaatu gara giddugaleessatti fidanii leenjisuun filatamaadha.

Bariisaa: Qabxiin al tokko ol ka’ee yeroo biraammoo gadi bu’a. Kun maaliif ta’a?

Komaandar Huseen: Bifa ammayaa’aa (saayinsaawaa) ta’een leenjifamuu baannaan qabxiin gad bu’uu hin hafu. Qajeelfama leenjii hordofuun hojjechuu yoo baanne qabxii barbaadamu galmeesiisuu hindandeenyu. Dimshaashumatti qophiirraa kaafame hanga guyyaa dorgommiitti haalli leenjii keenyaa tokko ta’uu qaba.

Kana ta’uu baannaan atileetiin har’a cimaa ta’u bor ejjennoo sanaan waan hinturreef gadi bu’e argama. Haayilee G/Sillaasee, Qananiisaa Baqqalaa, Xirunashiifi Masarat Daffaarfaan sirna tokko keessa waan ce’aniif waggoota 20f dandeettiin isaanii osoo gadi hinbu’iin fiigaa turaniiru.

Ammaan tana ammoo atileetiin tokko dorgommii keessa kan turu olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa tokko yookiin lama hincaalu.Waan kana ta’eef leenjiin cimaa itti fufiinsa qabu jiraachuu qaba.

Bariisaa: Biyyattiin maqaa masoo ‘galaana magariisaa’ jedhamuun beekamtu duubatti hafaa jirtiitii, maal jettu?

Komaandar Huseen: Akkuman kanaan dura jedhetti Itoophiyaan waggoota muraasa dura atileetota beekamoota horachuudhan yeroo olompikiifi shaampiyoonaawwan adda addaa gahan biyyoonni addunyaa marti nu eegaa turan.

Keessumattu Afrikaarraa atileetota Itoophiyaafi Keeniyaa daawachuudhaan jaalatonni atileetiksii Televiziyoona jala bulu. Dhumarratti atileetonni magariisa uffatan tartiibaan galuudhaan meedaaliyaa warqiifi meetii mormatti diratu.

Kanumarraa kan ka’e biyyoonni addunyaa, “Bakka atileetonni Itoophiyaa hinjireetti dorgommiin atileetiksii hin miidhagu” jechuudhaan yeroo maraa kan dubatan.

Haata’u malee ammaan tana atileetota yeroo sanaa kanneen fakkaatan horachuuf atileetota bakka bu’oota leenjisuun malchiisaadha. Anas ta’u hiriyoonni kiyyaa iddoo tokko teenyee falasaa barbaaduutu nurraa eegama.

Bariisaa: Atileetonni Itoophiyaa qoricha humna namaaf kennuun shakkamanii hinbeekan. Yeroo dhihoodhaa as garuu saaxilamaa waan jiraniif akkamiin furama?

Komaandar Huseen: Kanaan dura atileetonni keenya qoricha humna namaaf kennuun fudhatanii hineekan. Dandeetiin isaan uumamaan argataniin waan ta’eef bakka barbaadametu shakamanii hin beekan. Rakkina kanaafis kan saaxilaman hin jiran.

Haata’u malee ammaan tana atileetonni tokko tokkoo yeroo qorannoon isaaniif taasifamu isaanirratti muldhachaa jira. Komishinii Ispoortii federaalaatti kutaan qorannoo farra qoricha human kennuu(doping) atileetota beekamoota 200 oliif qorannoo fincaanii taasisee ture.

Qorannoon kun dhoksaadhaan kan adeemsifame ta’uusaatti qabxiin isaa kan beekamu Waldaa Federeeshina Atileetiksii Addunyaa kutaa farra qorannoo ‘dopingitti’ ifa baha. Atileetota garee biyyaaleessaa kanneen qorannoon taasifameef keessaa tokkoon isaanii rakina kanaaf hin saaxilamne. Kanneen saaxilaman atileetota karaa maanajaroota adda addaan leenjifamaniidha.

Atileetonni beekanii osoo hinta’in yeroo qaamni isaanii miidhamuufi utaalloon isaan qabu qoricha isaanitti foyyeessu jedhamuudhaan karaa isaan hin beekneen kennamaaf. Nyaata isaaniitti makuudhaan isaan nyaachisa. Sababiin isaa ammoo maanaajaroonni qabxii barbaadu malee miidhaa atileetarra gahuuf dantaa saaniitii miti .Haata’u malee atileetiin gara fuula duraatti abdii biyyaaf ta’u sababii kanaan kararratti hafuunsaa nama gaddisiisa.

Kanaafuu leenjistoonni sadarkaa kilabaatii kaasee hanga garee biyyaaleessaa leenjisan, Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaafi mootummaan atileetonni qaxalonni boru addunyaarratti eggannu rakkina kanarraa eegamuu qabu.

Bariisaa: Kilabni manneen sirreessaa federaalaa ammaan tana sagaleensaa dhokachaa jiraa. Maaliif?

Komaandar Huseen: Kilabichi Olompikii Baarseloonaatii kaasee hanga Riyootti biyya keenyaaf meedaaliyaawwan warqii, meetiifi nahaasaa argamsiisuudhaan sadarkaa tokkoffaarra jira.

Fakeenyaaf, gootonni olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi dorgommii qaxxaamura biyyooleessaa kanneen akka Daraartuu Tulluu, Xirunash Dibaabaa, Silashii Sihiin, Galatee Burqaa, Ijjigaayyoo Dibaabaa, Imaanaa Margaa, Maarqos Gannatiifi kkf kan horateedha.

Kanaan dura kilabichi kan ittiin deggaramu galii Hoteela Kiraaraa Looji buusii miseensotaa hojjetoota Manneen Sirreessaatiin ijaarameen. Amma garuu karaa hin beekamneen hoteelichi Hospitaala Qiddus Phaawuloosiin nurraa fudhatameera.

Kana ammo mootummaatti beeksifnus deebii argachuu hindandeenye. Sababa kanaan kilabni Poolisii Manneen Sirreessaa Federaalaa kun itti fufuufi dhiisuusaa gaaffii keessa jira.

Bariisaa: Mootummaan gargaarsa homaa isinii hin goonee?

Komaandar Huseen: Komishiniin Ispoortii Federaalaa, Koreen Olompikii Biyyaaleessaa, Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, akkasumas dhaabbileefi waldaaleen ispoortii tokko tokkoo kilaboota bunyaa, kubbaa harkaafi saaphanaa nu gargaaraa turan. Ammaan tana garuu gargaarsi dhaabateera.

Barisaa: Naannoon Oromiyaa ammaan tana dadhabaa dhuferaatii, sababiinsaa maali?

Komaandar Huseen: Itoophiyaan burqaa atileetota addunyaati akkuma jedhamu Oromiyaan burqaa atileetota Itoophiyaa ta’un beekamti. Sababiinsaas waggootan dheeraaf Oromiyaan atileetota beekamoo horachuudhaan kan beekamtuudha.

Olompikii Baarselonaatii kaasee waggootan 28n darbaniif biyyatiin meedaaliyaawwan warqii dhiiraaf dubaraan argachaa kan jirtu atileetotuma Oromiyaarraa burqaniin.

Haata’u malee naannoon kun ammaan tana atileetiksiidhaan duubatti hafuuf daandiisaa baldhifachaa jira. Kanaan dura Oromiyaan burqaa atileetotaa qofa osoo hinta’in gaalaana atileetotaati jedhamuun beekamti ture. Kanaanis kilaboonni 20n atileetiksii magaalota adda addaatti hundaa’udhaan atileetota naannichaa bira darbanii abdii biyyaaf ta’an horata jedhamee ture.

Sababii hinbeekamneen kilaboonni kunneen diigamuudhaan yeroo ammaa kan hafan lama ykn sadii hin caalan. Isaan hafanis kilaboota magaalotaafi dhaabbilee adda addaa yoo ta’an diigamuuf qarqararra jiru. Bakka kilaboonni hinjirretti garee biyyaalessaa horachuu waan hindanda’amneef xiyyeeffannaan itti kennamuu qaba.

Akkuma, “Namni ija takka qabu huuban hintaphatu” jedhamu biyyattiin addunyaarratti akaakuu ispoortii takkittii tanaan beekamtu tun ishuma dhabuudhaan addunyaarraa akka hinfagaanne kilaboota naannichaa cimsuun dirqama.

Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

183 Comments to ““Bakka kilaboonni atileetiksii hinjirreetti garee biyyaalessaa cimsuun ulfaataadha”Komaandar Huseen Shaboo”

  1. Pingback: eat pussy
  2. buy ozempic [url=https://ozempic.art/#]Ozempic without insurance[/url] buy ozempic pills online

  3. ozempic cost [url=https://ozempic.art/#]buy cheap ozempic[/url] Ozempic without insurance

  4. semaglutide cost [url=https://rybelsus.shop/#]buy rybelsus online[/url] rybelsus price

  5. semaglutide tablets [url=http://rybelsus.shop/#]semaglutide tablets[/url] buy rybelsus online

  6. semaglutide cost [url=http://rybelsus.shop/#]buy semaglutide online[/url] buy rybelsus online

  7. rybelsus cost [url=https://rybelsus.shop/#]buy rybelsus online[/url] buy semaglutide pills

  8. pin up giris [url=http://pinupturkey.pro/#]pin up casino guncel giris[/url] pin up casino

  9. пин ап казино онлайн [url=http://pinupkz.tech/#]пин ап казино вход[/url] пин ап

  10. pin up casino guncel giris [url=https://pinupturkey.pro/#]pin up[/url] pin-up casino giris

  11. пин ап казино [url=http://pinupkz.tech/#]пин ап казахстан[/url] пин ап казино вход

  12. cost of neurontin 600 mg [url=https://gabapentin.auction/#]buy gabapentin[/url] neurontin price in india

  13. neurontin price [url=http://gabapentin.auction/#]gabapentin for sale[/url] neurontin 800 mg cost

  14. Rybelsus 7mg [url=https://semaglutide.win/#]Rybelsus 14 mg[/url] Buy semaglutide pills

  15. can i buy zithromax over the counter [url=http://zithromax.company/#]zithromax best price[/url] zithromax 500 without prescription

  16. where to get zithromax over the counter [url=https://zithromax.company/#]buy zithromax 1000 mg online[/url] zithromax capsules price

  17. where can i get zithromax over the counter [url=http://zithromax.company/#]generic zithromax[/url] zithromax canadian pharmacy

  18. neurontin tablets 100mg [url=http://gabapentin.auction/#]order gabapentin[/url] buy neurontin 100 mg canada

  19. amoxicillin cephalexin [url=http://amoxil.llc/#]Amoxicillin For sale[/url] amoxicillin 250 mg capsule

  20. buy semaglutide online [url=https://semaglutide.win/#]rybelsus cost[/url] Buy semaglutide pills

  21. neurontin 400 mg price [url=http://gabapentin.auction/#]cheapest gabapentin[/url] neurontin 3

  22. purchase stromectol [url=http://stromectol.agency/#]stromectol cream[/url] ivermectin 0.5 lotion india

  23. indian pharmacy paypal [url=http://indianpharmdelivery.com/#]mail order pharmacy india[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  24. doctors for erectile dysfunction [url=https://drugs24.pro/#]buy generic ed pills online[/url] injections for ed

  25. п»їbest mexican online pharmacies [url=http://mexicanpharm24.pro/#]medication from mexico pharmacy[/url] mexican pharmaceuticals online

  26. ed clinic [url=https://drugs24.pro/#]real viagra without a doctor prescription[/url] generic viagra without a doctor prescription

  27. buy prescription drugs from india [url=https://indianpharmdelivery.com/#]п»їlegitimate online pharmacies india[/url] online shopping pharmacy india

  28. mexican drugstore online [url=https://mexicanpharm24.pro/#]medicine in mexico pharmacies[/url] buying prescription drugs in mexico online

  29. mexican border pharmacies shipping to usa [url=https://mexicanpharm24.pro/#]mexico drug stores pharmacies[/url] buying prescription drugs in mexico online

  30. online canadian pharmacy [url=http://drugs24.pro/#]erectile dysfunction pills[/url] remedies for ed

  31. ivermectin 3 [url=https://stromectol1st.shop/#]generic ivermectin for humans[/url] stromectol medication

  32. Clopidogrel 75 MG price [url=http://clopidogrel.pro/#]clopidogrel pills[/url] buy Clopidogrel over the counter

  33. buy minocycline 50mg tablets [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st shop[/url] stromectol medication

  34. where to buy ivermectin pills [url=http://stromectol1st.shop/#]best price shop[/url] buy minocycline 100 mg

  35. stromectol online pharmacy [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st shop[/url] generic ivermectin

  36. buy clopidogrel bisulfate [url=https://clopidogrel.pro/#]generic pills[/url] clopidogrel bisulfate 75 mg

  37. plavix best price [url=https://clopidogrel.pro/#]generic pills[/url] buy Clopidogrel over the counter

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *