Qabsoo qeerroo xureessuurra leellisuutu biyya ijaara

Finfinnee: Dargaggootni Oromoo sirna mootota Itoophiyaa darbanirraa kaasee mirga ummata Oromoo kabachiisuuf kallattiilee garagaraatiin qabsaa’aa turaniiru. Sirnootni mootummaa turan garuu abbaa irree ta’uu isaaniirraa kan ka’e qabsoon dargaggootni, hayyootniifi barattootni Oromoo yeroo dheeraaf adeemsisan akka hinmilkoofneef sababa ta’eera.

Erga dhalootni qubee (‘Qube generation’) ummata Oromoo waanjoo gabrummaa jalaa baasuuf qabsootti seenanii as garuu guddinni siyaas-dinagdee Itoophiyaallee qabatamaan jijjiirama agarsiisaa akka jiru hubachuun kan danda’amuudha. Haa ta’u malee yeroo dhiyootii kaasee humnooti qabsoo qeerroo Oromoo xureessaa jiran heddummaachaa jiru. Kaayyoofi galmisaanii bu’uuraa garuu maali?

Durataa’aan Waldaa Dargaggoota Oromiyaa dargaggoo Addunyaa Asaffaa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsetti, nageenya Itoophiyaas ta’e Oromiyaa mirkaneessuuf qarreefi qeerroon Oromoo wareegama guddaa kaffaluun har’a gahan. Kanarraa kan ka’e jijjiiramootni hawaas-dinagdeefi siyaasa biyyattii qabatamaan akka mul’atan ta’eeraa jedha.

Qaamoleen shira siyaasaa xaxuun sabootaafi sablammoota biyyattii hacuucaa turan garuu kaayyoosaanii galmaan gahachuuf jecha akka waan qeerroon Oromoo diigumsa biyyaaf qabsaa’uutti maqaa xureessaa ykn gurraachessaa jiraachuusaanii hubatamuu akka qabu ibseera.

Kaayyoofi maniin qabsoo Oromoo inni guddaan mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuudhaan biyya ijaaruudha malee diigumsaaf akka hintaanes beekamuu qaba jedha.

Kana cinattis walqixxummaa sabootaafi sablammootaa mirkaneessuu, ijaarsa sirna dimokraasii cimsuu, gaggeessitootaafi hoggantoota biyyaa utubuu, akkasumas guddina biyyaa saffisiisuufis gahee olaanaa taphachaa kan turaniifi jiran ta’uusaanii eereera.

Humnootni faallaa dantaa ummata Oromoo dhaabatan garuu bu’aa qabsoon qeerroo Oromoo galmeessisaa jiru haaluuf halkaniifi guyyaa wixxirfachaa akka jiran himeera. Qaamoleen kunneen ammoo ummata Oromoofi Oromiyaa qabatamaadhaan osoo hinbeekiin maqaa Itoophiyummaadhaan nagadaa jiruu jedha.

Humnootni kunneen ummata Oromoofi Oromiyaa caalaa biyya Itoophiyaa jedhamtuuf sobaan abukaatoo ta’uu barbaadu kan jedhu dargaggoo Addunyaan, sabootaafi sablammoota gidduuttillee walitti bu’iinsa amantiifi sabaa uumuuf boolla isaan hinqonne hinjiru jedheera.

Rakkoon nageenyaa tibbana magaalota Oromiyaa kanneen akka Adaamaa, Bishooftuu, Duukamiifi Dodolaatti uumameefis ka’umsa ta’uusaanii fakkeenyaan kaaseera.

Qarreefi qeerroon Oromoos kaayyoofi ajandaa humnoota badiisaa kanneenii sirnaan hubachuun akeeka qabsoo Oromoo fiixaan baasuun murteessaa ta’uu yaadachiiseera. Warra Oromiyaa keessatti keessumaa walitti bu’iinsa amantiifi sabaa uumuuf wixxirfatanis saaxiluun olaantummaa seeraa mirkaneessuurratti walta’insaan hojjechuu akka qaban dhaameera.

Walittiqabaan koree odiitiifi to’annoo waldichaa Dargaggoo Kadir Indaalkaachoos gamasaan akka ibsetti, dargaggootni Oromoo sirna mootota darbanirraa kaasee waa’ee mirga ummata Oromoof falmaa turan; har’as mirgi ummata bal’aa akka kabajamuuf sagaleesaa dhageessifataa jira.

Torbee darbes qarreefi qeerroon Oromoo gocha hayyuu Oromoo Jawaar Mohaammadirratti aggaamame karaa nagaan kan balaaleffatan yoo ta’u, humnootni badiisaa magaalota Oromiyaa keessa jiraachaa turan garuu gara hokkoraatti geessuun gaaga’ama guddaa dhaqqabsiisaniiru jedha.

Keessumaa ammoo sabootaafi sablammoota biyyattii karaa nagaan waliin jiraachaa turan gidduutti walshakkiin akka uumamuuf tattaafataniiru; qindoomina qeerroofi caasaa nageenya Oromiyaan garuu fashalachuu dubbateera.

Ummatni Oromoos gosaan, amantiifi lagaan akka walqooduuf yeroo gabaabduu kana keessatti tattaaffii kan taasisan ta’ullee milkaa’uu hindandeenye; boris fiixa bahumsa argachuu hindanda’an jedheera. Fuldurattis hawwiin humnoota badii hawwii ta’ee akka hafuuf qarreefi qeerroon Oromoo marti abbootii Gadaa, hayyootaafi hoggantootaasaaf gurra kennuu akka qabu yaadachiiseera.

Sababiin humnooti badiisaa bu’aawwan qabsoo qeerroo Oromoo xureessaniifis tokkummaa ummata Oromoo cabsuun olaantummaasaanii duraanii of harka galfachuu akka ta’e hubatamuu qaba jedhan. Kunimmoo lammata deebi’ee dhugoomnaan diigumsa biyyaa waan fiduuf hunduu dammaqinaan qabsaa’uu akka qabu dhaamameera.  

 Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012

 Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

4 Comments to “Qabsoo qeerroo xureessuurra leellisuutu biyya ijaara”

  1. Pingback: w69
  2. Pingback: auto body repair
  3. Pingback: Prahran Massage

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *