Marii duudhaa waliin jireenya ummata Oromoofi Somaalee caalaatti gabbisaa jiru

Jigjigaa: Shira daldaltoonni siyaasaa xaxaniin waggaa tokko dura ummata Oromoo Somaalee jidduutti walitti bu’iinsa uumeef yaalii guddaan taasifamee ture. Kanaanis hedduun miidhamaniiru, qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru; qabeenyi miliyoonaan lakkaa’amus barbadaa’eera.

Marii hooggantoonni mootummaa, abbootiin Gadaa, Ugaazonni, abbootiin amantiifi jaarsoliin biyyaa yeroo gara garaa taasisaa turaniifi jiraniin rakkoon nageenyaa ture furamee hariiroon nagaafi jaalalaan waliin jireenya ummattoota lameenii akkuma duraatti ittifufuura. Mariin hariiroo obbolummaan waliin jiraachuu ummmattoota lamaanii caalaatti cimsuuf gargaaru baatii Eblaa darbe Adaamaatti kan geggeeffame yoo ta’u, Sanbata darbe ammoo Jigjigaatti adeemsifameera.

Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, ummatni Oromoofi Somaalee hundee tokkorraa kan latan, durumaa kaasanii nagaafi jaalalaan kan waliin jiraachaa turaniifi gara fuulduraattis kan waliin jiraataniidha. Rakkoon ummata Oromoo kan ummata Somaaleeti, rakkoon ummata Somaalees rakkoo ummata Oromooti. Nageenyi, bilisummaafi walqixxummaan mul’achaa jirus kan waliinii keenya waan ta’eef gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf waliin hojjechuu qabna.

Ummatni Oromoofi Somaalee akka walitti bu’u kan taasisan daldaltoota siyaasaati kan jedhan Obbo Shimallis, sagalee xiqqoon guddatee kan dhagahamu nuti waan rafneefi. Kanaafuu dammaqnee sagalee keenya dhageessisuu qabna. Hiyyummaafi duubatti hafumaa dhabamsiisuufis waliin hojjechuu qabna. Abdii guddaa fuuldura keenya jiru bira ga’uuf waliin hojjechuu qabna. Ammaan booda kan nu baasu karaa nagaafi dimokraatawaa ta’een tarkaanfachuu qofa jedhu.

Ummatni lamaan hariiroo nagaa, jaalalaafi walqixxummaan waliin jiraachuu ummattoota biroo waliin qaban caalaatti cimsuudhaan adda addummaafi walitti bu’iinsa uumamuu malu ittisuu qabna jedhanii, jaalalaafi tokkummaan waliin yoo hojjenne, waliin misoomnee sadarkaa guddaarra gahuun akka danda’amu eeru.

Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa akka jedhanitti, hoggantoonni bulchiinsa mootummaa naannoo Oromoofi Somaalee nageenya ummattoota lamaanii caalaatti mirkaneessuuf hojii guddaa raawwachaa jiru. Abbootiin Gadaa, abbootiin amantiifi jaarsoliin biyyaas dhimma nageenya waaraa buusuurratti mootummaa waliin hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Musxafaa Mahaammad akka jedhanitti, ummatni Oromoofi Somaalee afaan, aadaa, amantiifi hidda latiinsaatiin tokko. Hariiroon nagaa, jaalalaafi obbolummaan  waliin jireenya ummattoota lamaanii har’a utuu hintaane durumaa kaasee kan tureefi jiruudha.

Shira siyaasaa bara darbe ummattoota lamaan walitti buusuuf aggaamameen miidhaa guddaan qaqqabee ture. Rakkoo nageenyaa uumameen ummattoonni lameen miidhamaniiru. Har’a rakkoon nageenyaa sun darbee ummatni lamaan nagaa, jaalalaafi obbolummaan waliin jiraachaa jiru.

Ummatni Oromoofi Somaalee waliin misoomuufi guddachuu qabu kan jedhan Obbo Musxafaan, nageenyi, misoomniifi guddinni naannolee lamaanii biyyattiirra darbee Afrikaafiyyuu bu’aa guddaa waan qabuuf waltajjiin marii hariiroo ummattoota lameenii cimusuuf gargaaru kun gara fuulduraattis cimee ittifufuu akka qabu dubbatu.

Hariiroo ummattoota lamaanii gama hawaas-dinagdeefi  siyaasaatiin jiru caalaatti cimsuuf kutannoon ni hojjena kan jedhan Obbo Musxafaan, ummattoota lamaan gidduutti ammayyuu walitti bu’iinsa uumuuf kan socho’an waan jiraniif jabaannee hojjechuu qabna jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

3 Comments to “Marii duudhaa waliin jireenya ummata Oromoofi Somaalee caalaatti gabbisaa jiru”

  1. Pingback: anti stress
  2. Pingback: pilsakmens

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *