Mammaaksa

-Hattuu ija jabeettiin abbaa faana teessee nyaatti.

-Isa ati baalaan martee fidde gabaan bartee didde.

-Gamna gowomsuun jibba dabalachuudha.

-Kan citaa qabaa tokko namaa hinkennine mana bal’isii gorsiti.

-Uleefi dubbiin gabaabduu wayya.

-“Arraabbii mucaakoo, natu beeka” jette Xaddeen.

-Ati of arguu didde, ormi argaa kee jibbe.

-Arraba gabaabbachuun yaadaan bilchaachuudha.

-Namni kokkolfaa nama miidhuufi bokkaan aduu baasaa roobu tokko.

-“Erga du’uun hinoolle, oyiruu dinnichaa keessatti wayya” jette Xaddeen.

-Harka mirgaa kutuun harka bitaa darbannaa barsiisuudha.

-Akka sareetti kajeelaa jiraachuurra, akka leencaa bookkisaa du’uu wayya.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

5 Comments to “Mammaaksa”

  1. Pingback: ayahuasca tea
  2. Pingback: car detailing
  3. Pingback: pg333

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *