Leencaafi dhala namaa

Bara durii leenci tokko osoo bosona keessa deemuu daa’ima saamtonni haadhaafi
abbaa irraa ajjeesan tokko argatee nyaachuuf yoo deemu haatiifi abbaan kan irraa du’an ta’uu argee daa’ima sana qabee gara mana jireenyaa isaatti fudhatee gale. Sana booda waan ofii nyaatuufi dhugu hunda irraa kenneefii mucicha guddise.

Mucaan sun erga guddatee  booda gara dhala namaatti maxxanuu jalqabe. Adeemsa keessa namoota wajjin walarguufi yaada waljijjiiruu jalqabe. Namootni mucicha waliin walarganis “Atoo ilmoo namaati, maaliif leenca bineensa bosonaa waliin jiraattaa?” jedhanii gaafannaan, mucichi “Reeffa abbaa koofi haadha koo gidduudhaa  fuudhatee  galee  kan  naguddise leenca, inni anaaf abbaan koo akka lubbuutti jaaladhuudha.  Kanaafuu, anis gara abbaa koottan gala;  isinis nagaan naa bulaa jedheenii, gara mana abbaasaatti gale.

Mucichi guyyaa biraa namoota wajjin yoo walargu “Hanga ammaatti leencicharratti waan badaa tokkollee argitee hinbeektuu?” jedhanii gaafannaan, “Yeroo na hammatee rafu bobaan isaa natti xiraa’uu irraa kan hafe waan badaa tokkoyyuu irratti argee hin beeku” jedheenii; nagaan
bulaa jedheenii gara mana abbaasaatti gale. Leencichis mana  jala dhaabbatee waan mucichi namoota sana waliin dubbachaa ture hunda dhaggeeffachuun mucicha dura fiigee manatti gale.

Erga mucaan gale booda, “Maal ilma koo eessa turetee dhufte?” jedhee gaafate.
Mucichis “Asumaa utuun sanyii mukaa funaannadhuu natti galgalaa’e,” jedheen.
Leencichi bakka mucaan turee dhufe waan argeefi waan inni namoota waliin dubbachaa ture hundumaa waan dhagaheef, aaree eeboo fuudhee “hoodhu na waraani!” jedhee mucaatti kenne. Mucaanis “Reeffa haadha koofi abbaa koo
gidduudhaa fuutee naguddiftee, ammaan na geessee akkamittan si waraana? jedheenii deebiseef. Leencichi na waraani jedhee waan isa dirqamsiiseef mucichi leencicha waraanee madeesse.

Leencichi erga waraanamee booda, hanga madaan koo fayyutti, wanta argatte mara natti funaaniitii na fayyisi jedheen. Mucichis tole jedhee, waanuma  argate funaanee  hanga  madaan isaa fayyutti isa gargaare. Leencichi erga madaan isaa fayye booda, kottu yaa ilma koo, ilaa madaan ati eeboodhaan nawaraante ni fayye: jechi ati gaafa sana mana firakee teessee nan jette garuu garaa kootii hinbanne. Ani guddisee  si’i  hinnyaadhu, atis  gara  fira kee; anis bobaa xiraa’aa kootii wajjin kara bosona koo jedheenii geggeesse jedhama.

“ Arrabni lafee  hinqabu  lafee cabsa.” jedhama. Kanaafuu waan dubbannu hunda dura itti yaaduun barbaachisaadha.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

One Comment to “Leencaafi dhala namaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *