Haatikee sidhiistee du’uushiitu nagaddisiise

Abbaa warraafi haadha warraatu walgubaa bara hedduu lakkoofsisan. Dhihu bari’u lolaafi iyyatu qe’eesaaniirraa dhagahama. Guyyaa tokko abbaan warraa qufaan qabee daran isa rakkisnaan maaloo mooqa naa mooqi jedheen.

Haadha warraas hedduu waan ishee aarsuuf mooqa ho’aasaa qopheessee isa gubee aariikoon bahadha jettee mala malatte.

Akkuma  jette  mooqa  danfaa jiru abiddarraa osoo hinbaasiin isa obaastee gubuuf karoorfattee akkuma danfisteen dhibeekeerraa fayyita hoodhu dhugi jettee kubbaayyaatti buufteef.

Abbaan warraas  haalashii kana hubatee “Ishoo, ulfaadhu jaartiikoo! Egaa  haati warraa dhandhamteet abbaa warraaf kennitii dura mee xiqqoo dhandhami” jedheen.

Yoo didde na shakka jettee waan sodaatteef gubaadhumasaa fuutee habbuuqqattee imimmaan harcaasaa, “Hoodhu dhandhameera.” jettee kenniteef.

Abbaan warraas imimmaan ijashiirra kolol jedhu argee maali maal taatee boossa ? jedhee gaafate. Niitiinis deebistee wayitu natti yaadatame. Gaafa harmeenkoo duute mooqa akkanaa mooqeen ishee waliin dhugaa ture. Kanatu sammuukootti dhufee naboossisa jette.

Jedhi dhugi anoo hinboo’u jettee irraa garagalte. Abbaan warraas qufaasaarraa fayyuuf gubaa mooqa qophaa’eefii ufitti qabee yoo dhandhamu  gubaan isa maraachinaan akkuma ol irraa jedheen imimmaan akka bokkaa roobu ijasaa keessaa dhagala’uu eegale.

Haati warraasaas haalasaa kanatti gammaddee maali atimmoo maal taatee boossa? jettee isa gaafatte

Innis deebisee haatikee nama akkakee kana dhiistee qofaa du’uushiitu  na gaddisiiseetan boo’a jedhee deebiseef jedhama.

Waasihun Takleetiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to “Haatikee sidhiistee du’uushiitu nagaddisiise”

  1. Pingback: 人工客服

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *