Seenaa Babal’ina Mootota Abisiniyaafi Oromoo

Kutaa 2fa

Dubbistoota keenya maxxansa keenya torbaniitiin matadureedhuma kana jalatti waa’ee babal’ina mootota Absiniyaarratti isin dubbisiisuu eegallee turre. Kutaa ittifufu bulfachuun keenya ni yaadatama. Kutaan ittaanus kunooti.

Sibsteenis Oromoota isaafi galaniifi qabeenya kanaan humna biraa dabalatee duula walitti kaasuun Daanyaa mo’atee aangoo olaana qabate. Asirratti wanti ka’uu qabu, akkuma abbaan Oromoota Geeraafi Maammaa saamuun Ifaatiifi Roobiit saamaa ture ilmis ittifufe. Sibsteen Oromoota Dhummuugaafi Abbichuu saamuun akka qabeenyaafi humna namaatiin of ijaaraa ture hubanna. Mariid Azmach Sibstee Nagaasiin Magaalaa Doqaaqiit jedhamtu hundeessuun qabiyyee abbaatti dabalee naannawa Manzi bulchuu eegale.

Waraana yeroo dheeraas Oromoota Karrayyuu wajjin gochuun naannawaafi of cimsuu akka danda’e seenaa keessatti ifaadha.  Yaa ta’u malee Sibisteen Oromoota Doobbaa wajjin soddummaan akka firoome beekama. Kunis Oromoota Doobbaafi Karrayyuun akka kaayyoo tokko hinqabaannee gochaa turan. Sibsteen Oromomtittii Dobbaarraa fuudhee ilma Abbiyyee jedhamu kan dhalche yoo ta’u, ilmiis erga guddatee booda bataskaana ofii Doqaaqititti dhaabuu waan barbaadeef qabeenya abbaarratti walitti bu’uun abbaan waldhabdee kanarratti ajeefaman.

Abbiyyeenis Oromoota Maammaa Midir jedhamu keessa kan niitii fuudhe yoo ta’u, du’a abbaa booda aangoo maatii akka qabatu ta’e. Seenaa kanarraa wanti hubannu abbootiin Shawaa kunniin Oromoota waraanaafi gara tokkoon immoo walfuudhaafi soddoomaa akka turan hubanna. Kana malees aangoodhaaf ilmi abbaa akka ajjeesaa ture hubanna. (Hiruyi W/Silaasee 1928)

Abbiyyeen aangoo erga qabatee booda gara kibbaatti socho’uun lafa Oromoota Karrayyuu Araanbaa ykn Arraabsaa qobboo qabate. Innis Magaalaa Arrambaa hundeessuun akkuma abbaafi akaakayyuusaa mana sagadaa Mikaa’elaa achitti hojjachiise. Bataskaana ijaaruun kun qabiyyeesaanii mirkaneesuudha. 

Tooftaan kunis qeesotaafi dabtaroota ummata gara amantiisaatti akka jijjiiran gochuu malee babal’inasaafi qabiyyeesaa kan isaaf mirkaneessaniidha.  Abbiyyeen qabeenya qonnaasaafi qabiyyeesaa hanga laga Ayirarratti bal’isuun qabeenya horachuun of cimsaa dhufe.  Yeroodhuma kana Gabbarasaanii gara Gondoritti waan hinergiiniif waraanni itti ergamee ture. 

Abbiyyeeniis duula kana injifachuun meeshaa waraanaa heddu waan argataniif olaantummaasaanii naannawa kanatti cimsuu qaban. Keessattuu falaashota Gondorii dhufan booji’uun meeshaa waraanaafi hojii sibiila omishaa qonna cimsanii heddumminaan waan omishuu qabaniif duula guddaa Oromoota naannoorratti gaggeessuun buqqisuu ittifufe.

Kana malees Mariid Azmaach Abbiyyem babal’ina jalqabe ittifufuun meeshaa Gondorirraa argateen duula Oromoota Karrayyuurratti gaggeesseen haadha waraanaa cimtuu, Halkoo naannawa Gooroo Barrarraa ari’uun magaalaa Aankoo Barr (Halkoo Barri) araddaa Oromoorrati  hundeesse. Iddoon kunis maqaa Halkoo jedhu dhiisuun akka Ankoo Bar jedhame himama (Tel- Tsadiqi Mekuray, 1976:439) Babal’inaafi waraana waggoota baay’ee gochuun waggootaa 25 erga bulchee booda Abbiyyeen bara 1747 du’aan boqotan.

Mootichi Shawaa kun erga du’ee booda ilmisaa Ammahayyees ammas lafa Oromoorratti duuluun babal’inaafi amantichi akka tamsa’u gochaa ture.  Haaluma kanaan lafa Mixaaq, Gollaa, Xaraa, Bulgaafi naannawa ittisaa to’achuun Oromoota isa mormanirraa kaasuun ardaa isaaniirra qabatan. Innis namoota amanticha fudhataniifi isaaf gabbare garuu gabarsiisuun ofitti qabaa ture. Dabraniis ardaalee hanga Qo’atiifi Minjaaritti socho’uus mootummaa ofii jala oolchuun babal’isuufi cimsuu eegalan.

Ammahaayyees wiirtuu Abbaafi Dahannoo gaara Halkoo Barri qabachuun loltootasaanii gara Abbichuufi Jiddaatti deddeebisanii erganii lafa Amaaraa gara Kaabaa Oromootaan addaan citee ture akka walitti dhufaniifi walgargaaran gochaa ture. (Ibid) Abbichufi Jiddi Oromoota Tuulamaa keessatti Oromoota warra seeraa jedhamu. Warra seeraa jechuun warra Bokkuufi Kallacha (hangafa) ykn  warra Seera Gadaa beekaniifi murtii seeraa Gadaafi duudhaa Oromoo beekan jechuudha. Kanaaf tooftaa waraana Oromoo itti cabsan baasuun warra Xaraafi Bulgaa, Tagulat, jiddaafi Abbichuu qaxxaamuruun akka tokko ta’an godhan.

Kan nama dinqiisiisu abbootiin waraanaa kunniin lafa baddaafi badda daree gaarriifi tulluun itti baay’atu kana to’atanii Oromoota isaan morman biyyaa ari’uufi kaanis gabarsiisuun, kan hafe immoo soddoomaafi (firoomaan) qabuun yoo hanga kana socho’an warri Gadaan bulan garuu ergaa Oromoonni Warjii jaarraa 9fa-13fa keessa mormaniin moo’amanni boodaa tokkummaan of ijaaranii  wanti isaan gochaa turan seenaa keessatti wanti galmaa’e hinjiru. Yaa ta’uutii garuu hanga yeroo mootummaa Minilik IItti biyyi Oromoo Abbichuufi Jiddaa ykn lafa hurufaafi dirree ta’e Oromootuma harka akka tureedha. 

Abbaan waraanaafi mootiin Shawaa Ammahaayyes erga du’anii booda ilmiisaanii wiirtuu ajajaa,  Isaa Araabsaa ykn Arraambaafi qobboo akkasumas Halkoo Barri ta’uun waggoota 35 erga bulchanii booda yoo du’an ilmiisaanii Asfaa Wasan bara 1767 aangoo qabatan. Yeroo kan mootummaa Gondor keessatti yeroo Oromoon Yajjuu (Raas Aliin) aangoo olaanaa qabataniidha.  Asfaa Wasan akkuma abbootiisaa duula Oromoorratti gaggeessuu lafa akka Gidiim, Efraataa, Antsookiyaa, Gisheefi Marraabeetee to’annoo ofii jala galche. Morat yeroo baay’ee to’annoo Manzi jala otoo hingaliin turus yeroo Asfaa Wasaan garuu injifatamee qabame. Abbaan waraanaa Asfaa Wasaan immoo Aangoonsaa Wasan Saggadiin erga dhaalamee booda ilmisaa magaalaa Qundii araddaa Oromoorratti  hundeessuun naannawa san jiraachuu eegale.  Baaasoofi Waraanaa (Abbichuu) keessattis Bataskaana Dabra Birhaan Sillaasee hojjachiise. Kunniin hundi qabiyyeesaa cimsuufi mirkaneessuu akkasumas amanticha cimsuuf kan godhamuudha.

Mooticha Shawaa, Wasan Saggad adda kan godhu dura abbootiinsaa Nagaasii Kiristoosii kaasaa maqaa aangoosaanii Mariid Azmaach jedhama ture. Inni garuu maqaa kana jijjiiruun abbootii waraana Amaaraas ta’e Oromoota naannawa kana jiran walitti qabaan mandiida /Angoololarratti/ maqaan kiyya har’aa kaasee Ras ”Wasan Saggad” jedhamee jira jechuun labsan. 

Kan bira mootichi Shawaa kun naannawa isaa dhiisaanii gara Gondoris deemuun Oromoota Yejjuu mootummaa Gondoor qabatan waraanuuf dhaadachaa akka turan himama. Yaata’uti akka deemuu hindandeenye dubbatama. Yeroo san Gondor bulchaa kan turan Raas Gugsaa akka ta’an dubbatama. Barrisaa kunis 1805 ture. Abbaan biyyaa Shawaa kun mootummaa Salamoonawaa Abbaa Takleetiin dhaabbate iddootti deebisuuf yaadaa ture. 

Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala
Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee
seenaati.
Obbo Alamaayyoo Haayilee

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

4 Comments to “Seenaa Babal’ina Mootota Abisiniyaafi Oromoo”

  1. Pingback: hihuay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *