Mammaaksa

“Kan naqale miti, kan natakaaletu nagalaafate” jedhe sangaan.

Cuuphatanii ilaalanii yoo mi’aaye faffatatu.

Yoo ejjennaa tolan darbatanii rukutu.

Waraabessi bakka altokko nyaatetti sagal deddeebi’a.

Firri gara firaatti jennaan, kal’een gara loonii jette.

Hagam jabaatullee qilleensi tulluu hinraasu.

Kan tuffatan nama dhaanti; kan jibban nama dhaalti.

Kuruphee qorqaa barte, qorqaarratti eeggatu.

Mukti nama hincaalle gaaddisa namaa hinta’u.

“Waliigaltee dhabaaf sareen tokkittiin qileetti nu naqxe?” jedhe jaldeessi.

Hantuutni muruu malee erbuu hinbeektu.

Namni lafatti walshaku, muka waliin hinkoru.

“Akka ani jedhu fardatu dide, akka fardi jedhu anatu dide; kanatti karaarraa banne’’ jedhe namichi.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

3 Comments to “Mammaaksa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *