Bakkeewwan hawata turistii Oromiyaa

Oromiyaan bakkeewwan hawata turistii aadaa, uumamaafi namtolcheetiin badhaatuudha. Haroowwan, fincaa’aawwan,holqawwan,paarkiiwwan, bakki argama lafee durii (arkiyooloojii) Malkaa Qunxurree, ardaalee jilaa, Masaraa Abbaa Jifaar, Masaraa Kumsaa Morodaa, Masgiida Dirree Sheek Huseeniifi bakkeewwan hawata tuuristii Oromiyaan qabdu keessaa kanneen akka fakkeenyaatti eeramaniidha. Qabeenya aadaa Oromoo keessaa Sirni Gadaa hambaa kiliyyaa addunyaa ta’ee ‘UNESCO’ irratti galmaa’uun Oromoon sadarkaa addunyaatti akka beekamu taasiseera.

Haroowwan uumamaa Oromiyaan qabdu keessaa guguddoon haroowwan Magaalaa Bishooftuutti marsanii argaman torban Haroo harsadii, Kurriftuu, Baabboo Gaayyaa, Kilolee, Magariisa, Bishooftuufi Calalaqaa akkasumas Horoowwan sadan Godina Shawaa Bahaatti argaman sadan, Haroo Baatuu, Cuqqaalaafi Basaqaa, haroowwan Arsii Lixaatti argaman haroo Laangaanoo, Abijaataafi Shaallaa, Haroo Shawaa Lixaatti argamu Dandii, Shawaa Kibba Lixaatti argamu Wancii, Harargee Lixaatti argamu Wanciifi Harargee Lixaatti kan argamu haroo Carcar  kanneen akka fakkeenyaatti eeramaniidha. 

Haroowwan armaan olii hedduun isaanii hirmaannaa abbootii qabeenyaatiin misoomanii bakkeewwan bashannanaa, Rizortiifi Loojiiwwan guguddoo ta’anii daaw’attoota biyya keessaafi biyya alaatiif tajaajila kennaa jiru.

Fincaa’aawwan hawata turistii Oromiyaan qabdu keessaa Fincaa’aawwan Soor, Qexoo, Angariifi Gudar kanneen akka fakkeenyaatti eeramaniidha. Kanneen keessaa Godina Iluu Abbaa Booraa, Aanaa Bachoo, Ganda Tubbiiitti kan argamu Fincaa’aan Soor isa guddaafi beekamaadha.

Qorannoo holqa irratti geggeeffameen holqawwan uumamaa Oromiyaan qabdu 243 keessaa 85 ogeessota holqa addunyaattiin qoratamanii mirkanaa’aniiru. Akka qorattoonni holqa addunyaa sadarkaa baasanitti, Holqi Soof Umar naannoo Oromiyaa Godina Baaleetti kan argamu holqawwan Afrikaa keessaa isa jalqabaati.

Dheerinni holqa kanaa kiiloomeetira 15 yoo ta’u, lagni Waabee keessa darbuun miidhagina uumamni kenneef irratti miidhagina dabalataa akka qabaatu taasisuudhaan bakka hawata turistii filatamaa ta’ee tajaajilaa jira.

Paarkiiwwan sadarkaa biyyaalessaatti beekaman keessaa paarkiiwwan Gaarreen Baalee, Awaash, Abijaataafi Shaalaan Oromiyaa keessatti argamu. Paarkiin Dhaatii Walal Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Gaawoo Qeebbeetti argamu,  Godina Arsiitti kan argamu Paarkii Gaarreen Arsiifi Paarkii Booranaa Godina Booranaa Aanaa Yaaballootti kan argamu akka fakkeenyaatti eeramu.

Paarkiin Dhaatii Walal hoomaa Gafarsaafi Roobiitiin kan beekamu yoo ta’u, paarkiin Gaareen Arsii ammoo bineensota bosonaa hedduu qabaachuudhaan beekama. Paarkiin Booranaa ammoo Haree Didoofi bineensota biroo qabaachuudhaan beekama.

Iddoowwan qorannoofi qo’annoo arkiyoolojii hawata tuuristii Oromiyaan qabdu keessaa Awaash Malkaa Qunxurreefi Baalcii kanneen Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Qarsaa Maallimuutti argaman akka fakkeenyaatti eeruun ni danda’ama. Bakkeewwan hawata tuuristii kun Finfinnee irraa kiiloo meetira 50 fagaatanii argamu.

Oromiyaan ardaalee jilaa hawata tuuristii ta’an hedduu kan qabdu yoo ta’u, isaan keessaa Mdda Walaabuu, Me’ee Bokkuu, Gumii Gaayyoo, Kubbii Corraa, Odaa Roobaa, Odaa Nabee, Odaa Bultum, Odaa Hullee, Odaa Tuutaa, Odaa Adoolaa akka fakkeenyaatti eeramu.

Magaalaa Jimmaatti kan argamu Masaraa Abbaa Jifaar, Magaalaa Naqamteetti kan argamu, Masaraa Kumsaa Morodaafi magaalaa Roobeetti kan argamu Masgiidi Dirree Sheek Huseen hawata tuuristii namtolchee naannichaa beekamoo akka fakkeenyaatti eeramaniidha.

Hogganaa Ittaanaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa turban darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, bakkeewwan hawata tuuristii Oromiyaan qabdu keessaa afur galmee yeroo’UNESCO’ irratti galmaa’aniiru. Isaanis Paarkii Biyyaalessaa Gaarren Baalee, Holqa Soof Umar, Masgiida Dirree Sheek Huseen kanneen Godina Baaleetti argamaniifi Bakka argama Lafee durii (arkiyooloojii) Malkaa Qunxurree kan Godina Shawaa Kibba Lixaatti argamuudha.

Hambaalee armaan olii keessaa faayili isaa guutamee murtee qofa kan eeggataa jiru Holqa Soof Umar ta’uu himanii, hambaa kana kan madaalan Sadaasa bara 2012 murtee xumuraa itti kennuun ‘UNESCO’ irratti kan galmaa’u ta’uu himu. Kanneen hafan wantoota hanqatan kan qaban ta’uu dubbatu.

Oromiyaan bakkeewwan hawata tuuristii daaw’atamanii hinquufamne hedduu kan qabdu ta’us damecharraa bu’aa barbaachisu argachaa hinjirtu. Bakkeewwan kunneen beeksisuufi misoomsuurrattis hojii baay’een hiraawwatamne. Biiroon isaanii bakkeewwan hawata tuurizimii beeksisuufi qaamolee bakkeewwan kunneen misoomsan walitti fiduuf hojjechaa jiraachuu dubbatu Obbo Kabbadaan.

Bakkeewwan hawata tuuristii Oromiyaan qabudu sirriitti waan hinmisoomneefi hinbeeksifamneef damicharrrraa galiin barbaachisu argamaa hinjiru kan jedhan Obbo Kabbadaan,  daawwachiistonni bakkeewwan kunneen beeksisuu keessatti gahee olaanaa qabanis hojii isaan irraa eegamu sirriitti ba’achaa hinjiran. Ummannis dhimma kanarratti hubannoo gahaa waan hinqabneef akka madda galiitti ilaalaa kan hinjirre ta’uu himu.

Biiroonsaanii qo’annoo waliigalaa geggeessuudhaan qabeenyawwan hawata tuurizimii misoomaniifi hinmisoomne adda baasuudhaan ‘Maastar Pilaanii Tuuristii Oromiyaa’ qopheessee ji’a kana keessa kan maxxanfamu ta’uu himaniiru. Kun hubannoo hawaasaa cimsuufi bakkeewwan hawata tuuristii ta’an beeksisuuf ni gargaara. Kana malees ‘Tuuristi Maappii Oromiyaa’ ‘soofti koppiifi haardi koppiidhaan’ qopheessee maxxansiisaa jirra. Kunis tuuristoonni biyya keessa yeroo seenan eessa maaltu jira jedhee akka hubataniifi bakkeewwan hawata tuuristii beeksisuuf kan gargaaru ta’uu himu.

Biiroon isaanii miidiyaalee waliin ta’uun bakkeewwan hawata tuuristii naannichaa beeksisuuf hojjechaa jira kan jedhan Obbo Kabbadaan, Finfinnee dabalatee Oromiyaa keessatti ‘deeskii’ odeeffannoo hundeessuufis yaaliin taasifamaa jira. Hojiin iddoowwan hawata tuurizimii naannichaa beeksisuu kun tattaaffii biirochaa qofaan kan galma haga’u waan hintaa’eef qaamoleen mootummaa biroonis akka irratti hirmaataniif gaafataniiru.

Oromiyaan bakkeewwan hawata turistii hedduu kan qabdu taatus baay’een isaanii misoomanii bakka gahumsa ta’uu hindandeenye jedhanii, bakkawwan hawata  tuuristii yoo hinmisoomsineefi hinbeeksifamne qabaachuu qofti bu’aa hinqabu.

Daawwachiiftonni bakkeewwan hawwata turistii beeksisuu keessatti gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru. Fakkeenyaaf Naannoon Amaaraa waldaalee bakkeewwan hawata tuuristii beeksisan 120 ol kan qabu yoo ta’u, waldaaleen daaw’achiistota  Oromiyaa keessa jiran garuu 20 iyyuu hinta’an. Kun  dhimmichi xiyyeeffannaa kan barbaadu ta’uu mul’isa jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

4 Comments to “Bakkeewwan hawata turistii Oromiyaa”

  1. Pingback: company website
  2. Pingback: John Lobb
  3. Pingback: Bobs SEO

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *