Dhaabni biyya keenya bulchu ADWUIn Dr Abiyyiin hogganamu kun erga gara aangootti dhufee keessumaa haaromsa akka biyyaattis tahe keessoo dhaabaatti jalqaba bara 1990taa taasiseen toora biyyattiin ittiin hogganamtu ifatti boceera. Kanaanis haala qabatamaa idil addunyaas ta’e kan naannawaa erga xiinxalleen booda sirna gabaa bilisaa (free market economy) diriirsuuf murteeffate. Sirna kaappitaalizimii dinagdee abbaa qabeenyaa bu’uureffate kana ammoo imaammanni siyaasaa sirrii ta’e kan dinagdee keenyas ceesisu ifatti kaa’amuu akka qabu ejjennoo cimaa qabatee siyaas-dinagdee misoomawaafi dimokraatawaa ijaaruun dhimma filannoo hinqabne ta’eetu as bahe. Siyaasni kophaa ijaaramus akka hinjirre, dinagdeen qofaasaa dhaabbatus akka hin yaadamne shakkii tokko malee waliigaltee irra gahame.
Siyaasni keenya seenaawwan cunqursaa, loogiifi malaanmala keessaa bahee akkuma Sirni Gadaa durii kaa’u sana dimokraatawaa akka tahu gochuun dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhiisuu akka ta’e jala sararame. Lakkuu isaa kan ta’e dinagdeenis tooftaa oomishaafi jireenyaa boodatti hafaa keessaa bahee guddina gama siyaasaatiin dhufe akka utubu; jireenya lammiilee biyyattii fooyyessuudhaan ummata badhaadhaa akka uumu; kabajaafi dhageettii biyyi keenya sadarkaa addunyaattii qabdu kan ol kaasu akka ta’u dinagdee misoomawaa qabeenyaafi humna biyyoolessaa duguugee fayyadamuudhaan hiyyummaa keessaa nu baasu uumuun ykn ijaaruun mata-hidha haaromsichaa ture.
Akkuma hundi keenya yaadannu maddi cunqursaa siyaasaa baroota dheeraaf ummata keenyarra gahaa tures ka’umsisaa qabeenyuma dinagdee ummanni keenya of harkaa qabu kana dhuunfachuuf karoora gita bittootaan bahee nurratti raawwatamaa tureedha.
Kanaaf jecha ykn gaalee Siyaas-Dinagdee ykn “Political Economy” jedhu kan yoo ilaalle, “siyaasni” maq-ibsa(adjective); “Dinagdeen” ammoo maqaadha. Siyaasni keenya siyaasa dinagdeeti jechuudha. Mirgi ykn injifannoon siyaasaa har’a sabni keenya argatee of harkaa qabu kuni injifannoo iinagdeetiin yoo hinutubamne maqaa duwwaa ta’ee hafa. Boruma ganama abbaan ta’e kan humna dinagdee cimaa of harkaa qabu tokkotu dhufee nu harkaa mulqa. Gabrummaa barre sanatti deebi’uuf fagoo hinjirru jechuudha.
“Miliyoona Shantama mitii miliyoona dhibbayyuu yoo taane, yoo dumbulloo tokko of harkaa hinqabaanne iyyaa oollus gatii hinqabnu; namuma farankaa of harkaa qabu tokkotu akka horii walitti qabee nu oofa” jedhanii turan Kabajamoon Obboo Lammaa Magarsaa Ministirri Raayyaa Ittisa biyyaa yeroo Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa turanitti.
Sirna Gadaa keessatti namni qabeenya hinqabne ykn hiyyeessa ta’e tokko Abbaa Gadaa ta’uuf kaadhimamuu akka hindandeenye ifatti kaa’eera. Xiqqaatee xiqqaatu sa’a tokkittii qabaachuu qaba jedha.
Dhimmi qabeenya horachuu (Wealth accumulation) Oromoodhaaf yaad-rimee miti; dhalootarraa jalqabee waan qabatamaatti keessa darbuudha; gabaabumatti jiruufi jireenyasaatti jechuudha. Ilmi Oromoo tokko bara jireenyasaa keessatti gulantaalee Gadaa saddeettan keessa yemmuu darbu gaheen hirmaannaa dinagdee isaa daa’imummaa kaasee aadaan qabeenya horachuufi qabaachuu isaa akka dagaagu ‘handhuuraa’dhaan labsamee laatamaaf. “Ilaa jabbiin kun kan keeti; hoolaan kun kan keeti; hindaaqqoon kun keeti. Jabeeffadhu handhuuraa keetii” jedhamee ganamumaan sochii dinagdee keessa akka galu taasifama. Kana yemmuu godhamu kennaa handhuuraa qofa labsuudhaan qofa miti. Dhimmi qabeenya horachuu eeggattummaa maatii irratti akka hinrarraane Oromoon fageessee yaada. Dhaloonni masluufummaa akkasii keessatti cuuphamee hafuun qabeenya qabeenya muraasa maatii harka jirtu sana qofa eeggachuun osoo hintaane kanuma mataasaatiin akka carraaqqatu ganamumaan barsiisa. Kanaaf daa’imni ykn dabballeen tika jabbii gahe tokko yemmuu handhuuraan laatamuuf dirqamni hirmaannaa iinagdees walumaan itti laatama. Jabbii ykn loowwan maatiisaa gaafa tiksu dirqama dinagdee bahachaa akka jiru muuxannoo hojii sammuu ijoollummaasaatiin horachaa dhufa. Kanaaf tika sana sirritti raawwata qooda (share) loowwan sana keessaa qabu waan beekuuf. Kun aadaa deebi’ee dagaagu ta’uutu irra jiraata.
Haa ta’u malee bara amma keessa jiruu kanatti addunyaan faallaa dhugeeffannoo (mythology) kanaatiin dhaabbattee argamti. Biyyoonni addunyaa guutuun dorgommii gar-jabeessa “globalization” jedhamuun ganda tokko taatee hunduu keessa munyuuqaa jira hamma humnasaa. Nutis haala qabatamaa amma jiruun gabaa kanaa ala ta’uu hindandeenyu. Akka aadaa keenyaa sanatti haa sirbinu jechuunis mormaafi qirixxee nama cabsa.
Dhiheenya kana mootummaan naannoo Oromiyaa dhugaadhuma kana hubatee waan mudhii hidhatee ka’e fakkaata. Injifannoon gama siyaasaatiin argame dinagdeedhaanis dabaalamuu qaba dhaadannoo jedhu sagalee ol fuudheetu lallabaa jira. Dhaadannoo biras darbee tarkaanfiiwwan qaanqee warraaqsa diinagdee qabsiisan eegaluu irratti argama. Waltajjiin marii hawaasaa naannichaa garaa garaa waliin magaalotaafi godinaalee hundarratti gaggeeffamaa jiru ragaa qabatamaadha. Haa ta’uutii dhimmoota asirratti gama hoggantoota mootummaa irraa (hundas ta’uu baatu) ka’an tokko kan garaa na qabeefi dhugaa aadaa ummatichaa armaan olitti caqafne Kanaan wal-dhiitutu isaan irraa calaqqisa.
Kunis irra deddeebiidhaan “Ummata Oromoo bira aadaan hojii tuffachuu bal’aatu jira” sababa jedhu akka madda boodatti hafiinsa dinagdee ummatichaa godhanii ilaalu. Kun dogongora guddaadha. Hojii tuffachuun waan Oromoon ittiin ibsamuu miti. Dhugaadha aadaan hojii Oromoon qabu kan addunyaan bara ammaa ittiin bulaa jirtuun salphumatti kan wal simu miti. Kun ammoo rakkoo Oromoon hojii irratti qabu osoo hintaane biyyoonni hinguddatin (safartuu warreen dinagdeen badhaadhaniitiin) hundumtuu kan ittiin dararamaa jiraniidha. Beekumsa dur aadaadhaan qabnu kan ammayyaa waliin walsimsiisanii akka ummatichi gama hundaan jireenyasaa fooyyeffatu gochuun gahee mootummaati. Kanaaf abaarsi kun iddoosaa kan eeggate waan hintaaneef haa sirratuun dhaamsa kooti.
Horaa Bulaa Deebanaa!
Hamiltan Abdulaaziiz
Afaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii
Finfinneerraa digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa
dhunfaadhaan hojjeta
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011
6 Comments to ““Hiyyummaan fafa” jedha Oromoon”