Amajaajii Waxabajjii

Bara 2010 Oromoon yeroo duraatiif aangoo biyyattii muummichatti ol bahe. Doktar Abiyyi Ahmad ministira muummee Itoophiyaa ta’uun filataman. Asirratti adeemsa waliigalaa kaasuuf osoo hintaane taateewwan biyyattiitti dhalataniifi abdii nurra darbee addunyaan biyya keenyarratti horatte kaasuuf bu’uura waan ta’eefi.

Haaluma kanaan jijjiirama hoggansaa biyya kanatti dhufeen hariiroon humnoota siyaasaa biyyattii bu’uuraan geeddaramuu eegale. Tiim Lammaanis dhalate. Doktar Abiyyi aangoo biyyattii yeroo qabatanitti guutummaadhaan ummata Itoophiyaa biratti fudhatama guddaa argatan. Oromoonis akka duraan ololamaa ture ummata biyya diigu osoo hintaane Itoophiyaa birayyuu darbee nageenya gaanfa Afrikaatiifuu utubaa ta’uusaa mul’isaa dhufe.

Asiifi achittis deegdarsiifi jaalalli lammiileen biyyatti Doktar Abiyyiif agarsiisan kan nama onnachiisu ture. Hojiin ummattootaafi saboota ollaa Oromoo jiran faana hariiroon obbolummaa eegalame kanuma mirkaneessaa dhufe. Dhufaatii Tiim Lammaa wajjin walqabttee nagaafi tasgabbiin guutuu biyyaatti akka bu’u taasifame. Mootummaan Doktar Abiyyiin hogganamus murteewwan jajjaboo fayyadamummaa ummata bal’aa mirkaneessan dabarsuu eegale.

Hidhamtoota siyaasaa hundumaa gadi lakkisuun tarkaanfii isa jalqabaa ture. Mirgi yaada ufii bilisummaan ibsachuu heera mootummaa irratti taa’e ifatti kabajame. Seeronni akka shorkeessummaa, kan waldaalee hawaasaa, kan miidiyaafi kkf dhiitamuu mirgoota dimokraasii lammiilee biyyattiitiif gahee olaanaa qaban seeraan ittifaman.

Waltajjiin siyaasaa duraan murna yartuu harkatti qabame paartiilee siyaasaa biyyattii hundaafuu banaa taasifame. Kanaanis qilleensi siyaasaa duraan ukkaamsamaa ture diriirfachuu eegale. Doktar Abiyyis “Musee nu Ceesisu” jedhamee faarfame. Kunniin hundi mootummaa qaama jijjiiramaa ofiin jedhuuf waanuma irraa eegamu ture. Kun qofti garuu gahaa miti. Hojiileen siyaasaafi diinagdee baroota dheeraaf gaaffii lammiilee hundaa turan bifa qindaa’een hojiirra oolfamanii bu’aa qabatamaa ummataaf akka fidan taasisuun dirqama.

Adeemsi kun saffisa barbaadamuun deemuu caalaa harkifannaan, iddoo baay’eettis taateewwan gabrummaa kaleessaa sana nu yaadachiisan dhalachuunsaanii ittuma fufe. Abdiin ummanni horate guddaa waan tureef duumessuu haa dadhabu malee. Kana booda ture gombisaan kan inni golgolaa’aa dhufe.

Waxabajjii 16 Bara 2010

Adeemsi kun durumaa of eeggannoo cimaadhaan akka gaggeeffamuu qabu ni tilmaamama. Bakakkaan duraa sammuu Oromootaa jijjiire garuu guyyaa kanatti argame. Doktar Abiyyi aangootti dhufee waggaa tokkollee osoo hinguutiin yaaliin ajjeechaa irratti aggaamam. Ummata miiliyoonaan lakkaawwamu kan deeggarsa ministira muummichaaf bahe keessatti humnoonni durumaa aangorraa ari’amuunsaanii isaan mufachiise karaa qaxxaamuraa aangootti deebi’aniin yaaluuf gochaa raawwatan akka ta’e hunduu raaguutti seene.

Gara mootummaatiin garuu odeeffannoon kanaan walqabtee ummataaf ifoome hamman ani beekutti hinturre. Qaamota gochaa shororkeessummaa kana raawwatan irrattis tarkaanfiin fudhatamee ummata qalbii tasgabbeesse hin turre. Asirraa ka’a gaa qabxiin ijoon barreeffama koo har’aa keessatti ibsuuf adeemu.

Waltajjii kana boodas mormii ummanni hidha guddicha laga Abbayyaatiin wal qabatee kaasaa tureefi hanna cimaa hooggantoonni duraanii raawwatan qulqullaa’ee seeratti dhiheessuudhaan haqni akka mirkanaa’u jechuun kaasaa ture daraanuu wanti bishaan itti naquufi abdii ummanni mootummaa cehumsaa kanarraa qabu akka dukkanaa’u tarkaanfiin taasisu ji’oota muraasa booda raawwate.

Hoogganaan olaanaan hidha haaromsaa Injinar Simmanyawu Baqqalaa battaluma Doktar Abiyyi irratti haleellaan boombii raawwatame Finfinnee, Addababayii Masqalaatti konkolaataasaanii keessatti du’anii argaman. Dhugaan gama kanaan jirus isaanuma faana awwaalamee hafee.

Mootummaanis akkuma kan gaafa boombii sana yakkamtoota gochaa kana raawwatan seeratti hordofee nan dhiheessa jedhee ummataaf waadaa seenee ture. Haata’uutii ragaan qorannaa yakkichaa injinartichi akka ofiin uf ajjeesan kan jedhu ture. Ummataaf garuu gaaffii guddaa sammuusaatti uumee dabre. Dubbiin kun as gaheera otoo hinjedhamin kunoo waggaa geenyeerra.

Kana boodas rakkooleen hedduun abdii namaa qoran dhalachuu ittuma fufan. Humnoonni siyaasa shiraa oofan herrega aangootti ol bahaniin qofa hordofuun mootummaan kun tasgabbaayee akka jijjiirama kana miila lamaan gadi hindhaabne dhagaan isaan hinfonqolchin hinturre. Ciminni humnoota shiraa akka eeggametti tahee tarkaanfiiwwan ciccimoo milkaa’ina cehumsichaa mirkaneessan garuu ammas ummanni hoggansuma tiim Lammaa kan Doktar Abiyyiin durfamurraa eeguu ittuma fufe.

Waxabajjii Bara 2011

Akkuman mataduree barreeffama kanaa irratti tuquuf yaale waxabajjiin yemmuu dhufu guyyattii sana nu yaadachiisa; guyyaa silaa ifaajeen Oromoon bara dheeraaf itti dhama’aa ture hallayyaatti nam’u sana, Waxabajjii 2010. 

Seenaa biyya kanaa keessatti mootummaan akka Doktar Abiyyi filannoodhaan alatti fudhatamaafi marhabbaa guutuu ummata biyyattiitiin aangootti dhufe hinjiru. Jaalalli kun keessumaa warreen bolola aangoo qabaniifi jibbi Oromoof qaban argaa dhageettii isaanii jaamse biratti akka fixeensa ganamaa hoggasuma harca’uu eegale.  Oolee bulee jibbi isaanii kun gara waltajjiittis as bahe. Keessumaa hundeeffama paartii ABN jedhamuun walqabattee hujiin olola jibbansaa Oromoofi hoggansasaa irratti xiyyeeffatee gabaa miidiyaa hawaasaarratti oofamu ummata kan wal ficcisiisu akka turee soda nama hundaati. Asirratti gara bal’eensi mootummaan Doktar Abiyyi agarsiise gatii guddaa akka nama kafalchiisuu danda’u mamii tokkollee hinqabu ture.

Jala bultii waggaa tokkoffaa guyyaa yaaliin ajjeechaa Doktar Abiyyirratti raawwate raajiin biraa gurra keenyatti calaw jette. Raajiin waxabajjii ammallee fuggisoo biraa baatee nutti dhufe. Dhibeen humnoonni siyaasa jibbansaa gaggeessan kan finxaaleyyii saba Amaaraatiin gaggeeffamu yaalii fonqolchaa mootummaa naannoo Amaaraa irratti raawwachuun Pireezidaantii naannichaa Doktar Ambaachawu Mokonnin dabalatee hoggantoota sadii irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwatan. 

Guyyuma sana ajjeechaa gara jabeessa biraa magaalaa Finfinneetti ajajaa olaanaa waraana biyyattii (Itaamaajoor Shuum) kan ta’an Jeneraal Sa’aara Makonnin irratti loltuu eegaasaanii ture tokkoon irrattii raawwatame. Yeroo kana gaa hundumti keenyaahuu yaadaan gara Waxabajjii isa bar dheengaddaatti kan qaarine.

Yaaliin kun fashalaa’uusaa muummichi ministiraa fooddaa televizhiiniitiin as bahanii nutti haa himan malee garaan keenya ammamyyuu nirom’a. keessumaa Oromoon tarkaanfiin kun otoo ijoolleesaa, Abiyyiifi Lammaa ykn Jawaar inni akka ijaatti ilaalu irratti raawwatameera tahee biyyi kun garamitti akka deemtuuyyu tilmaamuun nama hindhibu.

Wanti dagatamuu hinqabne kan isaan gaggeessan siyaasa. Siyaasni ammoo gara-jabina barbaada. Miidiyaaleen biyyattii barii gocha kana yaada ummataa yeroo sassaaban namni hundumtuu waan tokkorratti waan waliigale fakkaata. Olaantummaa seeraa! Mootummaan jiraachuusaa kan agarsiisuun tokko olaantummaa seeraa araarama tokko malee kabachiisuu danda’uusaatiin akka ta’e waan wal nu falmisiisu miti.

Kanaaf mootummaan Doktar Abiyyi waan hunda caalaa biyya seeraa ijaaruun qormaata isaan eeggatuudha. Oromoonis dhimmi kana eenyuunuu caalaa galma kana milkeessuuf mundhii hidhatee yeroon ka’u amma.

Hamiltan Abdulaaziiz
Afaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii
Finfinneerraa digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa
dhunfaadhaan hojjeta.

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22/2011

Recommended For You

8 Comments to “Amajaajii Waxabajjii”

  1. заманауи бастауыш сынып мұғалімі эссе лучшие кафе в костанае, кафе
    костанай для дня рождения күрестің пайдасы,
    қазақша күрес ережелері кал на дисбактериоз как сдавать, кал на
    дисбактериоз инвиво

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *