Itoophiyaan to’annoo doppingiirratti bu’aa boonsaa galmeessite

Finfinnee: Itoophiyaan qoricha humna namaaf kennu to’achuudhaan qabxii boonsaa galmesisaa akka jirtu ibsame. Diina ispoorteesitootaa kan ta’e qoricha humna namaa kennu (doping)  kanas manneen barnootaa keessatti akka akaakuu barumsaa tokkotti barsiisuuf yaaliin taasifamaa jiraachuusaas beekameera.

Pirezdaantiin Waajjira Farra Si’eessituu Annisaa Itoophiyaa Pirofesar Akliilu Azaazyi Roobii darbe Hoteela Raadisan Biluutti akka ibsanitti, doppingiin yeroo dhihoodhaa as ispoortii biyyaa keenyaa, keessumattuu atileetiksii yaaddoo guddaa keessa galchaa jiraachuusaa mul’isaniiru.

Rakkinni kun biyya keenyatti baay’ee yaadessaa ta’usaatti waggoottan lamaafi sadan darban keessa hojii gaariin hojjetamusaafi hubannoon uumamuusaatiin bu’aa jajjabeessaan argamuuf bu’uura ta’uu addeessaniiru.

Hojii olaanaa ejensichi hojjeteen, Ejensii Farra Doppingii Addunyaa irraa beekamtii argachusaa eeranii, hojii kana caalaatti hojjechuufi to’achuuf sadarkaa sadarkaadhaan yaalii olaanaa taasisu akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Farra Si’eessituu Annisaa Itoophiyaa obbo Mokonnon Yidarsaal gamasaaniitiin, Yeroo gabaabaa keessatti hojii gaariin hojjetamusaatti biyyattiin addunyaarrattis ta’u Afrikaatti beekamtii argachuun ishee kan nama gammachisudha jedhaniiru.

 Gara fuula duraattis sochii jalqabame kana itti fufsiisuun biyyattitti ispoortii qulqulluu babal’isuun maqaa gaarii kanaan duraa eeggachuun addunyaarratti dorgomaa gaarii ta’uu akka barbaachisu ibsaniiru.

Itoophiyaan biyyaa addunyaarratti ispoortii atileetiksiitiin seenaa olaanaa kan qabdu waan taateef seenaan kun akka hinxurofne gochuuf jecha atileetoota dabalate kilaboota, dhaabbilee ispoortiifi gaazexeesitootaaf leenjiin hubannoo kenamusaa himaniiru.

Akkasumas, dargaggoota biyyattii ispoortiidhaan kununsinee guddisuuf Minsteera Barnootaa, Ministeera Eegumsa Fayyaa, Komishinii Ispoortii Federaalaa wajjiin hojii cimaa hojjechuun dhaloota haaraa farra kanarraa dandamachisuuf hojjechaa jiraachusaaniis adeessaniiru.

Itoophiyaan biyyoota 14 miseensa dhaabbata Ejensii Farra Doppingii Afrikaa Bahaafi Giddu Galeessaa akkasumas, Zoonii shanii keessatti argamanii ta’usheetiin, waggoottan darban keessa biyyoota kanneen keessatti to’annaa olaanaa taasisuusheetiin beekamtii olaanaa argachuushees itti gaafatamaan kun mul’isaniiru.

Qaama sochii kanaa kan ta’e barumsa, leenjiifi sosochii ummataa qopheessuu sadarkaa sadarkaan hojirra oolchuuf yaaliin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Haaluma kanaan ummannis sadarkaa godarraa kaasee doppingiin ispoortii keenyarratti, akkasumas fayyaa ispoorteessitootaarratti rakkina qaqqabsiisaa akka jiru hubachuun jijjirama amalaa akka argatan gochuuf sochiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Itoophiyaatti waggoottan lamaan kana keessatti ispoorteessitoonni qoricha humna namaaf kennu fudhachuunsaanii bira ga’ame sagaliifi manneen qorichaa kana rabsan lamarratti tarkaanfiin fudhatamusaas obbo Mokonnon addeessaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

One Comment to “Itoophiyaan to’annoo doppingiirratti bu’aa boonsaa galmeessite”

  1. Pingback: trustbet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *