‘’Goota yaadachuun, gootoota horachuuf’’

Itoophiyaatti  dorgommiin ispoortii atileetiksii walakkaa jaarraa tokko dura jalqabamuun isaa  ni beekama. Dorgommiiwwan adeemsifamaa kan turanis kutaawwan Raayyaa Ittisaa adda addaafi manneen barnootaa gidduutti.

Seenaan ispoortii atileetiksii Itoophiyaa akka ibsutti, Itoophiyaan ispoortii kanaan sadarkaa biyyooleessaatti beekamuu erga jalqabdee waggootta 60 lakkofsisteetti. Waggootiidhuma kanneen keessatti ture, kan Itoophiyaan sadarkaa Olompikii, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaafi Afrikaa,akkasumas dorgommii qaxxaamura biyyaa mararratti beekamu kan dandeesse.

Fakkeenyaaf Irreessaa Abbabaa Biqilaafi Irreessaa Maammoo Waldee sadarkaa olompikiitti yeroo sadi walitti aansuudhaan fiigicha maaraatonii  mo’achuun seenaa hindabarre galmeessuun ummata biyyaa keenyaafi addunyaa biratti yeroo hunda yaadatamu.  

Kana malee maqaan biyyattiis galmee olompikii biyyooleessaa keessatti qalama warqiitiin barreeffamee hanga ammaatti kabajaan godambaa olompikii keessa akka taa’u ta’eera.

Akkasumas, gootoota hedduu burqisiisteeti.Gootonni kunis ishee  bira darbanii Ardii Afrikaa bakka bu’uun injifannoo dachaa gonfachuudhaan ummata addunyaa biratti caalaa  beekamtii argataniiru.

Isaan keessaa dhiiraan kanneen akka Mirutsi Yifxar, Mahammad Kadiir, Isheetuu Turaa, Tolasaa Qottuu, Fiixaa Baay’isaa, Haddis Abbabaa, Haayilee Gabrasillaasee, Gazzaahany Abarraa, Miliyoon Waldee, Tasfaayee Tolaa, Qananisaa Baqqalaa, Silashi Sihin, Fayyisaa Leelisaafi kkf horatamaniiru.

Dubaraan ammoo gootoota meedaaliyaa warqii olompikii dachaa Daraartuu Tulluu, Xirunash Dibaabaa, Masarat Daffaar Faaxumaa Roobaa, Tikkii Galaanaa, Almaaz Ayyaanaa, Geexee Waamii, Ijjigaayyoo, Ganzabeefi Maaree Dibaabaa kanneen fakkaatan Irreessaa Abbabaa Biqilaa ka’umsa  godhachuudhaan  dirree kanarratti beekamtii olaanaa kan gonfataniidha.

Kanaafuu, Mootummaan Itoophiyaa atileeti gootichi Irreessaa Abbabaan yeroo ammaa lubbuun isaa dabartus seenaa hindabarre hojjechuusaatti waggaa waggaadhaan yaadannoosaatiif dorgommiin maaraatoonii  akka adeemsifamu kan murteesse.

Dorgommichis yeroo jalqabaaf ALH bara 1974 irraa kaasee magaalaa Finfinneetti kan adeemsifamaa ture  yoo ta’u, Irreessaa Darajjee Nadhiifi Irreessaa Kabbadaa Baalchaa sa’aatii maaraatoonii Finfinnee kan dura qabamee ture fooyyeessuudhaan tokkoffaafi lammaffaa ba’uun mo’ataniiru.

Fiigicha maaraatoonii Irreessaa Abbabaa Biqilaa kanaan dura adeemsifamanirratti atileetonni biyya keessaafi alaa kumaatamatti lakkaa’aman irratti qooda fudhataniiru. Haata’u malee, atileetoonni keenyaa kanneen akka Wadaajoo Bultii, Balaayinah Deensaamoo, Abbabaa Mokonnon, Tasfaayee Xaafaa, Caalaa Kalileefi kkf mo’achuudhaan seenaa gooticha olompikii Abbabaa Biqilaa biyya keessattis haaromsaniiru.

Maaraatooniin yaadannoo Abbabaa Biqilaa magaalaa Finfinnee qofatti adeemsifamaa turus bara 2003 irraa kaasee magaaloota naannoolee adda addaatti adeemsifama jira.

Dorgommiin kun sababii adda addaatiin yeroo lama addaan citus waggoota 34fi haala gammachisaadhaan gaggeeffameera. Baranas yeroo 35ffaaf bor naannoo Amaaraa, magaalaa Baahirdaaritti adeemsifama.

Dorgommii kanarratti atileetonni 301 (dhiira 208fi dubara 93) , bulchiinsa magaalootaa dabalatee naannooleefi kilaboota 20 irraa baba’aan ni hirmaatu. Sababiin dorgommiin yaadannoo Irreessaa Abbabaa kun itti adeemsifamuuf dhaloota birratti seenaan gootichaa kun akka hindagatamne gochuun madditti, dorgommii biyyaa keessaa babal’isuun atileetonni dorgommii biyyooleessaarratti hirmaachuuf carraa dhaban akka hirmaatan taasisufi.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

One Comment to “‘’Goota yaadachuun, gootoota horachuuf’’”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *