Siyaasa hidhannoo gara geengoo yaadaatti

Biyya kamuu keessatti tarsiimoofi tooftaa paartileen siyaasaa waliigaltee uumanii fedhii ummataa galmaan gahuu danda’an ilaalchisee hayyoonni addunyaa dubbii gugguddoo dubbachuun dhalootaaf dabarsan ka’umsa godhachuun barbaachisaadha.

Akka hayyuun siyaasaa Kiristoofar Voos jedhutti, waliigalteen siyaasaa guutuu ta’e tokko waan hundumti sirriidha jedhanii bira darbuu osoo hintaane, haalota danqaa ta’an adda baasuun ykn malaasuun daandii furmaataa qabsiisuu danda’uufi hanga dhumaatti geengoo yaadaan walinjifachuu keessa ta’anii waliin hojjechuudha.

Jiimii Kaarter  ammoo “Gareen waliigaltee uuman lamaanuu mo’attoota ta’uusaanii yoo walii hingalle, waliigalteen taasifamu dhaabbataa ta’uufi milkaa’uu hindanda’u” jechuun waraabbiisaa keessatti ibseera.

Dhaabni biyya bulchaa jiru ODP/ADWUIfi Addi Bilisummaa Oromoo(ABO) Jaal Daawud  Ibsaan hogganamu ji’oota jahan dura Asmaraa, Eertiraatti  waliigaltee  erga taasisaniin booda paartilee siyaasaa Oromoo gidduutti walhubannaan uumamuu  danda’eera. Finfinneettis yeroo addaddaatti keessumaa ODPn mootummaa Itoophiyaa bakka bu’uun ABO waliin  qabsoo hidhannoorraa walaba ta’e gaggeessuufi dhimmoota nageenyaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee  siyaasaa taasisaa turaniiru.

Haa ta’u malee sababoota garagaraan waliigalteen taasifamaa ture guutummaatti hojiirra waan hinoolleef bu’aa siyaasaa ummanni Oromoo barbaadutti danqaa ta’aa tureera. Kanuma furuuf mootummaafi ABOn Caamsaa 21 bara 2011 irra deebiin waliigaltee siyaasaa taasisaniiru; mallattoonis  mirkaneessaniiru.

Boonsaa Unatuu Irranaa xiinxalaa siyaasaa yoo ta’an, mootummaafi ABOn Jaal Daawud Ibsaan hogganamu irra deebiin waliigaltee siyaasaa taasisuunsaanii faayidaa guddaa qaba jedhu. Jaarraa 21fa keessa humna qawweetiin ykn hidhannootiin bu’aa siyaasaa galmaan gahachuun waan hinyaadamnedha. Fedhii ummataas guutuuf hidhannootiin osoo hintaane geengoo yaada mo’ataa qabatanii morkattoota ofii injifachuuf tattaaffii gochuutu furmaata waaraa fida.

Waliigalteen alana taasifames walamantaa dhabuu mootummaafi ABO gidduu jiru hiikuurra darbee paartileen siyaasaa Oromoo qoqqoodamanii jiran hariiroo ummatanii waliin akka hojjetaniif kan gargaaru ta’uusaas ni ibsu. Paartileen siyaasaa Oromoo carraa amma argametti kan hinfayyadamne yoo ta’e garuu qaamolee olaantummaa siyaasa Oromoo cabsuuf halkaniifi guyyaa hojjetaniif karaa kan saaqu ta’uusaa hubachuun barbaachisa jedhu.

Kanas “Waliigalteen torbee darbe taasifame carraa dhumaati jechuun ni danda’ama. Carraa dhumaa jechuun garuu rakkoolee jiran maraaf furmaata isa dhumaa kennee darba jechuu miti. Fagootti walbalaaleffachuu, walhadheessuufi walhimachuurra walitti dheenyaan mari’atanii carraa argametti fayyadamuun murteessaadha” jechuun ni gorsu.

Gaaffii, “Kanaan booda ABOfi mootummaarraa maaltu eegama” jedhuuf deebii kennaniiru. ABOn humna waraanaa bosona keessa turan hidhannoo hiikkachiisee karaa nagaatiin siyaasa Oromoo qajeelchuun ijaarsa sirna dimokiraasiif tumsuu qaba. Kana ammoo durumayyuu kan raawwate yoo ta’u, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Lixaafi Kibba Baha Oromiyaa keessa sosocha’aa turan gariisaanii hidhannoo akka hiikkatan gochuun abbootii Gadaaf dabarsee kenneera jedhu. Kunis dhaabichi waraana hidhannootiin qabsaa’uuf fedhii akka hinqabne kan mirkaneessu ta’uusaa dubbatu.

Gaaffiin guddaan ka’uu maluu garuu, “Loltootni hidhannootiin bosona keessa jiran eenyuun hogganamu? Mootummaan akkamiin furuu danda’a?” kan jedhuudha. Akka Obbo Boonsaan jedhanitti, ABOn humna waraanaa bosonatti hafe akka hinqabne ibseera. Ajajaan waraanaa waliigalaa (Jaal Marroo) bosona keessa jiraniis hariiroon isaan hoggansa giddugaleessaa waliin qaban addaan kutuusaanii beeksisaniiru jedhu. Kunimmoo keessumaa ummata Oromoof ba’aa ulfaataafi yaaddoo guddaa ta’uusaas ni dubbatu.

Kanaan booda mootummaanis tarkaanfii dhumaa fudhachuu waan danda’uuf, taateensaa hawaasa bal’aa kan miidhuudha; miidhaas jiraa jechuun dubbatu. Humni waraanaa bosona keessa deddeebi’aa jiran kunneenis adeemsa keessa magaala keessa seenanii ‘tooftaa riphee loltummaa’ fayyadamuu waan danda’aniif isaan waliin karaa abbootii Gadaa ofitti waamanii waliigaltee siyaasaa uumuun bilchinaafi qaroomina siyaasaa  ta’uusaa gorsu.

Aktivisti Garasuu Tufaa ammoo gamasaan akka ibsetti, mootummaafi  ABOn Jaal Daawud Ibsaan durfamu si’a jalqabaaf waliigaltee siyaasaa erga raawwatanii ji’oota jahaa ol ta’eera. Ta’us, siyaasni hidhannoo gara geengoo yaadaatti waan hinceeneef jireenyi ummata Oromoo miidhameera, paartileen siyaasaa Oromoos akka garaatti humna godhatanii fedhiifi faayidaa, akkasumas mirga ummata Oromoo akka hinkabachiisneef danqaa ta’eera jedhu.

Paartileen siyaasa Oromoo caalaatti dhimma kana waan hubachaa dhufaniif, garaagarummaan mootummaafi ABO gidduu jiru furamuu akka qabu hojjechaa turuusaanii yaadatu. Waliigalteen Caamsaa 21 bara 2011 gaggeeffames firii hojiisaanii ta’uusaa dubbatanii, kanaaf ammoo galateeffamuu qabu jedhu.

Bu’aan waliigaltichaas keessumaa ummata Oromoo daran kan fayyadu waan ta’eef waadaan galameefi hojiin hojjetamuu malu hatattamaan raawwatamuu akka qabu yaadachiisu. Humni waraanaa bosona keessatti hafuun qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiranis gara geengoo yaadaatti dhufanii karaa nagaan akka qabsaa’aniif waliigaltichi karaa kan saaqedhaa jedhu.

Humna hidhatee jiru kana ammoo karaa nagaan deebisuuf mootummaan gonkumaa humnaan deemuu akka hinqabne gorsu. Waan marti harka ummata Oromoorra waan jiruuf daandii araaraafi dippilomaasummaa qabachuun hundarra murteessaa ta’uusaa eeru. Qaamoleen bosona keessa jiranis jijjiiramoota siyaasaa akka biyyaatti mul’achaa jiran gadi faggeessanii ilaaluu akka qaban yaadachiisu.

Hundarra ammoo Itoophiyaa keessa humnoota fedhii siyaasaa addaddaa qabantu jiru kan jedhan Aktivisti Garasuun, isaan kunneen ammoo bu’aa qabsoo Oromoon dhiigasaa itti dhangalaaseefi lafeesaa itti cabsuun argate laaffisuuf wixxirfachaa jiraachuusaanii hubatamuu qaba jedhu. Kaayyoofi galmi qaamolee kanneenii ammoo olaantummaa siyaasaa ummatni Oromoo wayita ammaa ofharka galfate kana harka micciiranii abbummaasaanii mirkaneeffachuudha.

Kanaaf ammoo walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo(Kamisee), Shawaa Bahaa aanaa Boosat, Shawaa Kaabaa aanaa Darraafi yunivarsiitiiwwan addaddaa keessatti ka’aa turaniifi jiran akka fakkeenyaatti eeruun kan danda’amuudha.

Rakkoon ummata Oromoo hedduu ta’uyyuu irraa jalaan furaa deemuun bilchinadha jedhanii, paartileen siyaasaa sochii dheengaddaafi kaleessaa caalaa garaagarummaa qaban cinatti dhiisanii tokkummaatiin hojjechuu qabuu jedhu.

Dimshaashumatti, Itoophiyaa haaraa heddumina sabootaafi sablammootaa akka miidhaginaatti fudhachuun keessummeessitu uumuuf qoodni ummata Oromoofi paartilee siyaasaa daran olaanaadha. Kana dhugoomsuuf ammoo qabsoo siyaasaa hidhannootiin  gaggeeffamaa ture gara geengoo yaadaatti ceesisuun dirqamadha. Kunis yaada mo’ataa qabatanii kaayyoofi sagantaa waliiniirratti mari’achuufi falmuun walmo’achuu jechuudha.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

7 Comments to “Siyaasa hidhannoo gara geengoo yaadaatti”

  1. Pingback: ltobet
  2. Pingback: auto body repairs
  3. Pingback: โคมไฟ
  4. Pingback: Formula 1 shake
  5. Pingback: lucabet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *