Ispoortiin buunyaa laafaa jiraachuun ibsame

Finfinnee: Ispoortiiwwan ammayyaa biyyaa keenyatti jaallattootaafi hordoftoota baay’ee qaban keessaa tokko kan ta’e walmorkiin buunyaa sababa kilaboonni  beekamoon diigamaniif  laafaa dhufusaa ibsame.

Komishinii Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Daarektarri leenjii, hirmaannaafi dorgommii ispoortii obbo Bahaayilu Baqqalaa tibbana gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, kanaan dura sadarkaa biyyaatti ispoorteesitoota beekamoo horachuun kan beekaman kilaboonni hedduun diigamusaaniitiin ispoortichi laafaa dhufeera jedhaniiru.

Sababiin  ispoortiin kun itti dadhabaa dhufeefis waldaaleen ispoortiifi dhaabbileen kanaan dura kilaboota kununsaa turan sababa “bajata hinqabnu” jedhuun kilaboota diiguudhaan taphattoota bittinneessuusaaniis  addeessaniiru.

Kanaan dura  dhaabbilee raayyaafi manneen hojii mootummaa keessatti ispoortii buunyaa hundeessuun dirqama ta’us yeroo dhihoodhaa as dhaabbileen dhimmichi ilaallatu itti gaafatamummaasaanii dagachuun kilaboota diigudhaan guddina ispoortii kanaatti gufuu ta’usaaniis mul’isaniiru.

Haata’u malee ammaan tana kilaboonni Poolisii Federaalaa, manneen sirreessaa Federaalaa, Poolisiin Magaalaa Finfinnee, Akkaadaamiin Ispoortii Itoophiyaa, kilabni buunyaa maaraatooniifi kutaan magaalaa Gullallee sochiisaanii akka hindhaabne ibsaniiru.

Daarekteerichi akka dubbatanitti, sochiin isaanii quubsaa ta’u baatus kutaalee magaaloota Finfinneetti kilaboonni muraasni hundaa’uudhaan damee kanaan dargaggoota hirmaachisaa akka jiran addeessaniiru.

Federeeshiniin Buunyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnees shaampiyoonaa kilaboota buunyaa Magaalaa Finfinnee bara kanaa ispoonsaroota  addaddaa gaafachuun gaggeessusaas obbo Bahaayiluun ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

3 Comments to “Ispoortiin buunyaa laafaa jiraachuun ibsame”

  1. Pingback: jarisakti
  2. ラブドール 通販 黄褐色の肌の色調のHugestAssTorsoの80枚の写真あなたのTPEセックス人形を修正するための実用的なマニュアルセックス人形とのセックスのためのトップ8のセックス体位私の新鮮な新しい目標; ダッチワイフを手に入れる時間

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *