Zamaalik waancaa ‘CAF’ fudhate

Finfinnee: Seenaa kilaboota Afrikaa keessaa umrii dheeraa kan lakkofsise kilabni Misir Zamaaliik kan hundeeffame  ALA Amajjii 5 bara 1911ti. Walumaagalatti  waggoota 108 lakkofsisusaatu himama. Waggoottan kanneen keessatti shaampiyoonaa kilaboota Misir ta’uudhaan yeroo baay’ee walmorkiiwwan kilaboota Afrikaarratti hirmaateera.

Zamaaliik waancaawwan Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Misirii akkasumas, kan Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa qopheessu dabalate yeroo 90 ol mo’achuun Ardii Afrikaarraa kan duraati.

Kilabichi shaampiyoonaa ta’usaatiin Afrikaas bakka bu’ee shaampiyoonaawwan kilaboota addunyaarratti hirmaachuun yeroo baay’ee waancaa fudhachuudhaanis Afrikaa addunyaarratti beeksiisuudhaan kilaba maqaa olaanaa qabuudha.

Kilabichi Dilbata darbes walmorkii waancaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Kilaboota Afrikaa (“CAF”) 2018/19 adeemsifameettis kilaba Moorookoo Reeneeyisaansi Ispoortiiv mo’achuun abbaa waancaa ta’eera.

Kilabonni kunneen torban darbe tapha duraa Morookoo, Raabaatti adeemsifameen taphni daqiiqaa 90ffaa xumuramee sa’aatiin dabalataan kenname dhumuuf  daqiiqaan muraasaa wayita hafutti taphataan Reeneeyisaansi Ispoortiiv Kodiijoo Fodohi Sabaa Laabeerkaanii galcheen 1-0n mo’achuun isaa kan yaadatamuudha.

Walmorkii deebii kan Dilbata darbe Misir, Aleeksaandriyaatti bakka daawwataan kuma 86 argametti adeemsifameen  Zamaaliiki 1-0n mo’achuudhaan wal qixa ta’usaatiini mo’ataa beekuf rukkuttaa Liigooree kennameen Zamaalik 5-3n mo’achuun abbaa waancaa konfedereeshinichaa ta’uu danda’eera.

Haaluma kanaan Kilabni Zamaaliik waancaa konfedereeshinichaa bara 2018/19 Misiritti hambisurra darbee badhaasa dolaarii miliiyoona 1.25 badhaafameera. Lammaffaa kan ta’e kilabni Reeneeyisaansi ammo dolaarii  kuma 625 badhaafamuun isaa beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

4 Comments to “Zamaalik waancaa ‘CAF’ fudhate”

  1. Pingback: sex trẻ em

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *