Itoophiyaan hirmaannaafi hariiroo biyyoota Afrikaafi addunyaa waliin qabdu qajeelchuuf ALA bara 2002tti imaammataafi tarsiimoo dhimmoota biyya alaafi nageenya biyyaalessaa hojiirra oolaa jiru qopheessuunshee kan yaadatamuudha.
Ergasii as imaammataafi tarsiimoon dhimma alaa biyyattiin hordofaa jirtu fooyya’ee waan hinbeekneef ummanni ejjennoo mootummaan qabu ifatti hubachuu hindandeenye. Kunimmoo mootummaan ija shakkiitiin akka ilaalamu taasiseera. Kanuma furuuf Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa imaammataafi tarsiimoo haajaa alaa fooyyessaa kan jiru yoo ta’u, fedhiifi faayidaa ummattootaa kan bu’uureffatee ta’uusaa hubatameera.
Akka wixinee sanada imaammataafi tarsiimoo biyyattii fooyya’aa jiruutti, waggoota shananii asitti rakkoon nageenyaa yaa mudatu malee Itoophiyaan, biyyoota Afrikaa Bahaa keessaa nagaafi tasgabbii eegsisuutiin biyya addadurummaan waamamtuufi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin beekamtii olaanaa qabdudha.
Biyyoota Afrikaa keessattis nagaafi tasgabbii eegsisuurra darbee walitti bu’iinsa siyaasaa furuun biyyoota muraasa maqaa gaarii qaban keessaa tokko ta’uushee ifatti kan beekamuudha. Kunimmoo keessumaa naannawaa gaanfa Afrikaa keessatti gahumsa humna ittisaa haalaan akka horattu waan taasiseef nageenya daangaa biyyoota ollaa eegsisuuf kutannoo akka qabaattu godheera. Shororkeessummaa ittisuuf ykn to’achuuf hirmaannaanshee daran akka guddatu taasiseera.
Haa ta’u malee, ijaarsi sirna dimokiraasii ammayyuu gabbataa ta’uu dhabuun, itti gaafatummaan heerarratti hundaa’e dhibuun, hordoffiifi to’annoon raawwii hojiilee mana maree bakka bu’oota ummataatiin taasifamaa jiru laafaa ta’uunsaanii rakkoolee nageenya biyyaalessaaf wantoota akka sababaatti ka’aa jiraniidha.
Shororkeessummaa ittisuuf imaammati biyyoonni ollaa hordofan, Eertiraa waliin hariiroo eegalame itti fufsiisuuf dhimmootni furamuu qaban, hidha guddicha haaromsaa waliin walqabatee hariiroo Misir waliin taasifamuu maluufi kanneen biroon dhimma nagaafi tasgabbii biyya keessaafi alaa murteessaa turaniifi jiraniidha.
Qajeelfamoonni imaammataafi tarsiimoo haajaa alaafi nageenya keessoo haalota biyyattii rakkoo nageenyaa keessaaf alaaf saaxilan dursuun ittisuurratti kan xiyyeeffateedha. Kana waliin ammoo mirga sochii dinagdeefi carraa daldalaa qabdurratti hundooftee keessumaa tajaajila buufata galaanaatti fayyadamummaa biyyattii mirkaneessuuf ciminaan hojjechuu barbaachisa. Kanaaf ammoo imaammata haajaa alaa fooyyessuuf haalduree hundaa xumuruurratti argamti.
Waggoota kudhanii asittis biyyattiin imaammata haajaa alaa kaayyoo cimaa qabuun ceetee har’a kan geesse yoo ta’u, imalichaanis humna gahaa naannawaa gaanfa Afrikaafi biyyoota baha giddugaleessaa keessatti horachuu dandeesseetti.
Keessumaa ammoo imaammati haajaa alaa biyyattin hordofaa jirtu yaaddoowwan alarraa dhufu ittisuufi eegumsa biyya keessaarratti kan hundaa’edha. Kunimmoo taateewwan biyya keessaafi alaa akka walfakkaatan gochuutiin hojiin dippilomaasii bu’aa barbaachisaa buusuu akka hindandeenye taasiseera jechuudha.
Sodaawwan biyyoota ollaa akkuma jirutti ta’ee bu’uurri imaammata haajaa alaa biyyattii hiyyummaafi walitti bu’iinsa biyya keessaa yeroo dheeraaf turerratti akkaataa mootummaan deebii kennurratti kan xiyyeeffateedha. Mootummaan guddina misooma dinagdee, gahee dhaabbileen dimokiraasii ijaarsa sirna dimokiraasii cimsuuf qabaniirratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, rakkoolee bulchiinsaa furuufi dippiloomaasummaa biyya keessaafi alaarratti bu’uureffachuun hojiirra oolaa jiruudha.
Imaammatiifi tarsiimoon biyyattii hojiirra oolaa jirus faayidaa biyyaalessaa kan eegsisu ta’uusaa mootummaatiin waan itti amanameef kan hojiirra oolaa jiruudha. Galmawwan biyya keessaafi alatti dursi kennamaniifis haalaan kan mul’isu yoo ta’u, hundarra ammoo yoomiifi tooftaa kamiin hojiirra akka oolan kan ibsuudha.
Xiyyeeffannoon imaammataafi tarsiimichaas imala biyyattiin ALA bara 2025tti tarree biyyoota galii gidduugaleessaa qaban cinaa hiriiruuf tattaafachaa jirtu kan tumsuudha. Qaawwi imaammatichi qabus dhimmoota biyyaa alaafi nageenya biyyaalessaa walitti kan hidhu ta’uusaati. Kaayyoon imaammataafi tarsiimichaa garuu qabxiilee guguddoo sadii(dirree dimokiraasii uumuufi bal’isuu, miidhaginaafi kabaja walta’insi biyyaalessaa qabuufi dhimmoota biyyoolessummaa) kan hammateedha.
Walta’iinsi caasaalee imaammata biyya alaa akkuma jirutti ta’ee dhaabbatummaa imaammata haajaa alaa olaantummaan kan gaggeessan waajjira Ministira Muummee, Raayyaa Ittisa Biyyaafi Marsariitii Tajaajila Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaati.
Adeemsa siyaasa biyyattii keessatti imaammata biyya alaa kan murteessu ministira muummee RFDI ta’uun kan gaggeessudha. Hoggantoonni olaanaa mootummaa federaalaafi naannolee karaa dhaabichaan muudaman muraasnis karooraafi tarsiimoo imaammatichaa baasuun hordoffiifi to’annoo walirraa hincinne gochuu danda’u.
Sochiileen dippiloomaasii kanneen akka Walta’insa Misooma Afrikaa, waliigaltee jijjiirama qilleensaa, qaxarrii raawwachistoota paanaalii Gamtaa Afrikaa, farra hiyyummaa Afrikaa guutummaatti ministira muummeetiin kan hordofamaniifi to’ataman waan ta’eef, hanga tokko akka fooyya’uuf qabameera.
Sodaawwan biyyattii keessa jiran sadarkaan hiyyummaa hammaachuusaa waan ta’eef, dhimma hatattamaan furamuu ta’uusaa beekameera. Yeroodhaa yerootti walitti bu’iinsi kutaalee biyyattii addaddaa keessatti uumamaa jirus hojii dippiloomaasiirratti dhiibbaa geessisaa waan jiruuf furuudhaaf xiyyeeffatameera.
Kunimmoo rakkoo keessoo siyaasa biyyattii waan ta’eef, murtee siyaasaa eeggannoo guddaa barbaadudha. Keessumaa ammoo sirna ijaarsa dimokiraasii heerarratti akka hundaa’u gochuuf, walqixxummaa guddina dinagdee, bulchiinsa sirna federaalizimii, hoggansaafi abbentaa qabiyyee lafaa, hojii dhabdummaa dargaggootaafi qisaasama qabeenya ummataafi baajatarratti rakkoolee turan furuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetama.
Dimshaashumatti, hojiilee dippiloomaasii gama siyaas-dinagdeen hojjetamaa turaniin bu’aawwan hedduu galmeessuun danda’amuyyuu hiyyummaafi walitti bu’iinsa biyya keessaa furuun garuu akkuma ulfaatetti jira. Kunimmoo biyyattiin dhiibbaa siyaasaa biyyoota alaaf akka saaxilamtu waan godhuuf, xiyyeeffannoon ilaalamee akka hojjetamu taasiseera.
Takkaalliny Gabayyootiin
Bariisaa Caamsaa 23/2011
8 Comments to “Xiyyeeffannoo imaammata dhimma alaa”