Dorgommii Daayimandi Liigii dolaara miiliyoona hammaarrachiisu

Finfinnee: Waldaan Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa dorgommiiwwan atileetiksii waggaa waggaan qopheessu keessaa tokko dorgommii Daayimandi liigii jedhamuun kan beekamuudha. Dorgommiin kun akka shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaa magaala tokko qofatti osoo hintaane magaalota 14 irratti gaggeeffama.

Daayimandi liigiin kun bara 2010 kan jalqabame yoo ta’u, waggoota kudhan lakkoofsiseera. Yeroo jalqabamu Gooldan Liigii jedhamuun magaalota torbarra naanna’uun gaggeeffamaa kan ture.

Haata’u malee koreen hojii raawwachiiftuu Federeeshina Atileetiksii Addunyaa baay’ina akaakuuwwan  atileetiksii hubachuun bara 2015 irraa kaasee maqaasaa  gara Daayimandi Liigiitti akka geddaramu taasisuun magaalota biyyoota 14 irratti akka gageefamuuf murteesse.

Baranas yeroo kurnaffaadhaaf ALA Caamsaa 3 hanga Fulbaana 6 bara 2019tti magaalota biyyoota Kuwaataar Doohaatti, Chaayinaa Shangaayi, Siwiidin Istokoholmitti, Xaaliyaan Roo mitti, Norweeyi Oslootti, Morookoo Raabaatiitti, Ameerikaa Iwujinitti(Eugene), Siiwiizarlaandi, Lusaanneetti, Faransaay, Monaakootti, Ingiliz Londoniifi Barmingihaamitti, Faransaayi Paarisitti, Swiizarlaandi, Zurikitti, Beeljiyeem Biraaselsitti  akka adeemsifamu beekuun danda’ameera.

Dorgommiin kun akaakuuwwan ispoortii atileetiksii 32n magaalota kanneenitti kan adeemsifamu yoo ta’u, Waldaan Atileetiksii Addunyaa (‘’IAAF’’) mo’attootaaf badhaasa dolaarii Miiliyoona sagalii qopheesun mo’attoonni doolaarii akka hammaarratan gochuuf.

Dorgommii badhaasa guddaa argamsiisu kanarraatti atileetonni addunyaarratti beekaman martinuu waan hirmaataniif daawwataa biratti hawataa akka ta’u gamanumaan  beekameera.

AIA Caamsaa 3 bara 2019 magaalaa Doohaatti kan jalqabame dorgommiin kun Dilbata darbees akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin Chaayinaa magaalaa Shangaayitti adeemsifameera.

Fiigicha meetira kuma shanii kan dhiirota jidduutii adeemsifameetti atileetiin Itoophiyaa kanneen biyyoota biroo osoo of jidduu hingalchiin tartiibaan tokkoffaadhaa hanga sadaffaa bahuudhaan mo’ataniiru.

Dorgommii kanatti atileeti  Yoomiif Qajeelchaa daqiiqaa 13:04.16n tokkoffaa ta’uun xumureera. Sa’aatin Yoomiif galmeessise riikardii Daayimandi Liigii ta’uusaa waldichi ibseera. Akkasumas Salamoon Baaragaa daqiiqaa 13:04.71n lammaffaa, Hagoos G/Hiyiwot daqiiqaa 13:04.83n sadaffaa ta’uunsaanii beekameera.

Fiigicha meetira kuma tokkoofi 500 kan dubartoota jidduutti gaggeeffameen ammoo atileeti Gidafaayi Tsaggaayee  lammaffaa, atileeti  Daawit Siyyum jahaffaa, Aksumaawiit Ambaayee jahaffaafi Almaaz Saamu’eel saddeetaffaa ta’aniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

12 Comments to “Dorgommii Daayimandi Liigii dolaara miiliyoona hammaarrachiisu”

  1. Pingback: go to the website

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *