Sababiiwwan waldhabdee Itoophiyaa keessatti uumamaa turaniifi jiraniif ka’umsi ijoon dhimma daangaati. Daangaan ummataaf hiika abbummaarra darbe qaba. Daangaa keessaan seenaafi eenyummaatu jira. Kanaafi ummattoonni dhimmichatti xiyyeeffannaa kennuun kan dubbatan.
Yeroo hunda garuu dhimmi daangaa kaayyoo eerame kana qofa qaba jechuun rakkisaadha. Yeroo itti ajandaa hattootaa ta’uun madda waldhabdee ta’uus baay’eedha. Kanaaf dhimmicha xiyyeeffannaadhaan ilaaluun dirqama.
Kanarraa ka’uun mootummaan dhiheenya kana Komishinii Dhimmoota Bulchiinsa Daangaafi Eenyummaa hundeessuun dhimma kana abbummaadhaan akka hogganuuf hojii eegalsiiseera. Namoonni dhimmachirratti hojjechuu danda’u jedhamuun muudamanii turan kaleessa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dhiyaachuun ragga’eera.
Haala kanaan, Doktar Xaasawu Gabreefi Ustaaz Abubakar Ahmad Komishinariifi Komishinii ittaanaa Komishinii Dhimmoota Bulchiinsa Daangaafi Eenyummaa ta’uun muudamaniiru. Muudamtoonni kunneen dursanii hojii kan eegalan yoo ta’u, hojiin isaanii ijoon gaaffilee dhimma daangaan walqabatanii ka’an haala saayinsawaatiin qorachuun Mana Maree Fedeereshiniif yaada murtee dhiheessuudha.
Itti gaafatamni isaanitti kenname olaanaafi ofeggannaa cimaa kan barbaadu ta’uusaatiin namoonni ija shakkiitiin ilaalu. Kan muudamichi heera mootummaa hineeganne akkasumas, rakkoo biyyattiin ammaan tana keessa jirtu kallattiin kan hiiku miti jedhanii mana maree keessatti mormanis jiru.
Asirratti wanti hubatamuu qabu dhimmi daangaafi eenyummaa furmaataafi deebii kan argatu muudamtoota kanneeniin qofa akka hintaane beekamuu qaba. Adeemsa mataasaa eeggateen kan deemu yoo ta’u, gaaffilee, komiiwwaniifi qeeqawwan dhiyaatanirraa ka’uun qorannoo gadi fageenya qabu gaggeessu; ragaafi argannoo qabatamaa waliin Mana Maree Federeeshiniifis dhiheessu.
Manni marichaa erga irratti mar’iateen booda ittiwaamamni isaa Ministira Muummeef ta’uusaatiin ministira muummeef dhihaachuun murtoon itti kennama. Murtoon ministira muummees Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhihaachuun yoo fudhatamummaa argate kan ragga’u ta’uusaa hubatamuu qaba.
Adeemsa kana caalaa immoo ittigaafatamummaa inni duraa kan ummataati. Ummanni ka’umsumarraa kaasee ajandaa siyaasaa hattootaatii burjaaja’uun osoo hintaane haqa, seenaafi dhugaarratti hundaa’uun gaaffii daangaa dhiheessuun qulqullummaa hojichaatiif gumaacha.
Kanaaf waa’een daangaafi eenyummaa ittigaafatama qaamolee hundaa ta’uun hubachuun miira na ilaallataatiin ummatni bal’aan tumsuu qaba.
Bariisaa Caamsaa 9/2011
5 Comments to “Dhimma daangaa furuuf ummatni tumsuu qaba”