Shaampiyoonichi hawwataa ta’aa jira

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota  liigii piriimeerliigii Itoophiyaa kan marsaa lammaffaa torban 22fa magaalaa Finfinneefi naannolee adda addaatti  adeemsifamaniiru. Walmorkiiwwan adeemsifamanitti kilaboonni shaampiyoonumaaf eegaman mo’amuudhaan fagaachaa jiru.

Walmorkiiwwan Kibxata darbe adeemsifamanitti marsaa duraarraa kaase liigicha dursaa kan jiru kilabni Maqalee 70 Indartaa kilaba hangafticha, Qiddus Giyoorgisiin 1-0n mo’amuun qabxiisaa dhiphiseera.

Kilabni Maqalee 70 Indartaa shaampiyoonaa baranaatti Naannoo Tigraay bakka bu’uudhaan hirmaachaa kan jiru yoo ta’u, walmorkiiwwan adeemsifatetti kilaboota hangafoota dabalatee mo’achuudhaani dursaa jira.

Akkasumas Shiree Indaasillaaseen Hawaasaa 4-0n yoo gaggeessu, Adaamaan Buna Itoophiyaa 1-0n,gara liigii biyyaalessaatti gadi deebi’uuf qarqararra kan ture Raayyaan Ittisaa Walaayittaa Dichaa 3-2n mo’achuudhaan dandamachaa jira.

Walwaaloo Addigiraat Dadabiit, magaalaan Faasiil Dirre Dawaa qabxii walfakkaatu 2-0n, bara darbee shaampiyoona liigichaa kan ture Jimmaa Abbaa Jifaar Buna Siidaamaa 1-0n yoo mo’atu, magaalaan Baahir Daariifi Poolisiin Kibbaa 3-3n adda bahaniiru.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti kilabni Maqalee 70 Indartaa qabxii 45n kuufachuun dursaa jira. Magaalaan Faasiil qabxii 40n lammaffaadha.

Kilaboonni Qiddus Giyoorgis, Buna Siidaamafi Jimmaa Abbaa Jifaar ammoo garaagarummaa qooda galchaatiin walcaalanii qabxii 37n sadarkaa sadaffaadhaa hanga shanaffaatti argamu.

Kilaboonni Baahirdaariifi Walwaaloo Addigraatis qooda galchaatiin walcaaluun walqixa qabxii 33n sadarkaa jahaffaaf  torbaffaa qabataniiru.Bunni Itoophiyaa qabxii 32n, magaalaan Hawaassaa qabxii 30n saddeetaffaafi saglaffaadha.

Magaalaan Adaamaa qabxii 29n, Dirree Dawaan 28n,Walaayittaa Diichaa 24n, Raayyaan Ittisaa qabxii 21n sadarkaa kurnaffaadhaa hanga kudha sadaffaarratti argamuun liigicha keessatti hafuuf tattaafachaa jiru.

Haata’u malee kilaboonni Poolisii Kibbaa qabxii 20n Shiree Indaasillaasee qabxii 19 abdiin isaan hafuuf qaban haphataa jirti. Qabxii kudhan qofa galmeessisuun sadarkaa dhumaarratti kan argamu kilabni Dadabiit gara liigii biyyaaleessaatti gadi sigigaateera.

Walmorkiin kun borus ittifufuudhaan Raayyaan Ittisaafi magaalaan Baahirdaar, Dadabitiifi magaalaan Faasiili, Poolisiin Kibbaafi Adaamaa akka taphatan sagantaa baherraa ni hubatama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Ebla 25/2011

Recommended For You

2 Comments to “Shaampiyoonichi hawwataa ta’aa jira”

  1. Pingback: Dan Helmer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *