Warshaa Simintoo Daangotee sochii dinagdee keessatti

Warshaan Simiintoo Daangotee ALA bara 2015 Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa, Ganda qonnaan bulaa Ulaa goraa naannoo magaalaa Mogor argamuutti lafa heektaara 137 irratti hojiisaa eegale.

Finfinneerraa kiiloo meetira 90 fagaatee kan argamu yoo ta’u, warshichi kaappitaala qarshii miiliyoona 600n kan ijaarame yoo ta’u, namoota kuma tokkoofi 800f carraa hojii dhaabbii, kuma sadiif ammoo carraa hojii yeroo uumee hojjechaa jira. Waldaalee IMX 15 kanneen miseensota 600 ol qaban wajjin hojjechaa jira. Mindaa hojjettootaatiif waggaatti qarshii miliyoona 180 ol baasaa jira.

Qulqullina simint oosaatiin dorgomaa kan hinqabne warshaan Daangotee, guyyaatti simintoo kuntaala kuma 70 ol omishuun gabaa simintoo biyyattii tasgabeessaa jiraachuu Hojigeggeessaan warshichaa, Mistar Daaniloo K. Tirugiilloon ni ibsu.

Warshichi omisha simintoo biyyoota Jibuutii, Somaalee Laandi, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Eritiraa, Sudaan Kibbaatti erguudhaan waggaatti sharafa alaa doolaara miliyoona 150 argachaa akka jirus ni himu.

Waajjirri Muummeen warshichaa Naayijeeriyaa, Magaalaa Leegositti kan argamu yoo ta’u, biyyoota 13 keessatti omisha adda addaa omishaa jira. Daangooteen waggaatti simintoo kuntaala miiliyoona 46 kan omishu yoo ta’u, kana keessaa kuntaalli miliyoona 1.5 Itoophiyaatti omishamaa jiraachuu eeraniiru.

Daangooteen Simintoo qofa osoo hintaane omisha paastaafi mokoronii, sukkaaraafi mi’eesituuwwan adda addaa omishuudhaan addunyaarratti kaampaanii beekamaadha jedhu gaggeessaan warshichaa.

Warshaan Simiintoo Daangotee hojii Itoophiyaatti hojjetu keessatti fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf bu’uuraalee misoomaa kan akka bishaaniifaa hojjeteera. Akka fakkeenyaattis Magaalaa Mogoriif bishaan dhugaatii qulqulluu qarshii miliyoona 2.1n hojjatee faayidaaf oolcheera jedhu.

Kana malees manneen barnootaaf daree dabalataa ijaaruudhaan deggarsa taasisaa jira. Manneen barnootaa kanneen akka Reejjii Mokodaa, Caancoo Waayyuu, Dhakkuu Qarsaa, Ulaa Goraafi Gaattiraa Nabeefis daree dabalataa ijaareera. Deeggarsa adda addaatiifis qarshii miliyoona 10.1 baasii taasisuusaa ni eeru.

Barattoota harka qal’eeyyiis waggaa waggaan meeshaalee barnootaa deeggaraa jira. Daandii keessoo Magaalaa Mogoriif hojjechiisuufis qarshii kuma 100 baasii taasiseera kan jedhan hojii geggeessichi, giddugala gabaa tokko Magaalaa Incinniitti hojjettoota mootummaatiif ijaareera.

Warshichi lammiilee naannoo Somaaleerraa buqqa’aniif qarshii miliyoona lama deeggaruun aantummaasaa agarsiiseera. Waggoota sadan darbanitti fayyaafi barumsarratti hojjettootaafi ijoollee harka qal’eeyyiif deggarsa qarshii miiliyoona torbaafi kuma 634fi 502 taasiseera jedhu.

Warshichi hanga ammaatti bu’uuraalee misoomaafi deeggarsawwan adda addaatiif qarshii miliyoona 21.8 ol baasuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa akka jirus Mistar Daaniloon ni eeru. Hojiinsaa faalama naannawaarraa bilisa ta’uu himuun, waggaa waggaadhaan biqiltuu dhaabuun haala qilleensaa mijataa gochuuf hojjetaa jiraachuu ibsu. Afaanota Oromoo, Amaariffaafi Ingiliffaan hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Ittigaafatamaan kutaa bulchiinsa hojjettoota Warshaa Daangotee, Obbo Magarsaa Eregaa gamasaaniitin akka jedhanitti, hojjetaa hojiirratti miidhameef inshuraansiin akka kafalamuufi yoo dhukubsates dhaabbilee fayyaa filatamanitti ni yaalama. Haallatti maatiin hojjetaa wal’aansa itti argatus mijaa’uusaa ni eeru.

Warshichi yeroo gammachuufi gaddaa walumaagalatti jiruufi jireenya hojjettootasaa haalota gara garaatiin utubaa jiraachuu ni ibsu. Hojjettoota maraaf waggaa waggaan akkuma mindaasaaniitti daballiin(bonus) ni kafalamaaf kan jedhan Obbo Magarsaan, kunis hojjetaa onnachiisuufi hamileesaa kan cimsu ta’uu ibsu.

Warshichi dargaggoota hojii dhabeeyii waldaadhaan gurmeessee hojiitti bobbaasaa jiraatus Aanaa Walmaraatti qaamni dhimmi ilaallatu waldaasaaniitiif beekamtii kan hinkennine ta’uu haala komiitiin ibsa.

Ittigaafatamaan kutaa leenjii warshichaa, Obbo Taammiraat Tasfaayee gamasaaniitiin akka ibsanitti, warshaansaanii waggaa waggaadhaan hojjetootaaf carraa barnootaa digrii jalqabaafi lammaffaa biyya keessaafi alatti ni kenna.

Dura taa’aan Waldaa Shariikummaa Gannat Kennaa Masaratiifi Hiriyootasaa kan ta’e, Dargaggoon Kennaa Lammaa akka jedhutti, warshichi waldaadhaan nugurmeesse mataa ofiifi maatii keenya akka gargaaruuf kaafteriyaa guddaa nuu kennee itti tajaajilamaa jirra. Meeshaalee adda addaa kaffaltii tokko malee nuu arjoomeera.

“Ibsaafi bishaanis kaffaltii malee itti fayadamaa jirra. Haata’u malee wayita meeshaalee bituuf gara gabaa deemnu konkolaataa fe’umsaa waan hinqabneef baasii olaanaaf saaxilamaa jirra” jedha.

Walumaagalatti sochii hunda galeessi warshichi jiraattota naannawaa wajjin ta’ee taasisaa jiru guddina dinagdee biyya keenyaa keessatti shoora olaanaa qaba. Abbootii qabeenyaa dameewwan adda addaarratti hirmaataa jiraniifis fakkeenyummaan kan eeramuudha. Jiraattonni naannoo kamittuu argamanis qabeenya akkanaa akka qaroo ijaatti kunuunfachuu qabuun dhaamsa keenya.

 Bariisaa Ebla 4/ 2011

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

4 Comments to “Warshaa Simintoo Daangotee sochii dinagdee keessatti”

  1. Pingback: pilsakmens
  2. Pingback: 海外進出

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *