Oromoon keenyaa malee kootii hinbeeku”- Injiinar Taakkaalaa Uumaa

Waggaa 29fan hundeeffama ODP tibbana naannawawwan adda addaatti sirnoota gara garaatiin haala ho’aadhaan kabajamaa jira. Naannawawwan ayyaanichi itti kabajame keessaa tokko Magaalaa Finfinneeti. Ayyaana Dilbata darbe kutaalee hawaasaa adda addaafi hoggansa hojii magaalattii hirmaachisuun kabajame kanarratti kabajame kanarratti bakka buutonni dhaabbilee obbolaa ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru. 

Kantiibaa ittaanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Injiinar Taakkalaa Uumaa haasawa taasisaniin ummanni Oromoo duudhaa kan keenya jedhu malee kan kooti jedhu akka hinqabne mirkaneessaniiru. “Aadaan ummatichaa hammataadha. Oromoon ummata ummatoota biroo wajjin jiraachuu sirriitti beekuudha. 

Kanaafis guddifachaafi hammachiisaan agarsiistuu aadichaati” jedhan. Ejjennoon aangoo ykn du’a jedhu ODP keessa hinjiru kan jedhan Injiinar Taakkalaan,  tarii kan kana jedhu yoo jiraate sirna Gadaa kan hinbeekneedha jechuun ibsaniiru.

Ajandaa xiqqaafi guddaa alaatiin  raafamuu hinqabnu, nuti namoota ittigaafatamummaa qabnuudha. Dooniin oggaa garbarra deemu bubbeefi danbaliidhaan yoo raafamellee tasgabbaa’aa iddoo ka’eef qaqqabuu hinoolu jedhaniiru kantiibaa ittaanaan ergaasaaniitiin.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

3 Comments to “Oromoon keenyaa malee kootii hinbeeku”- Injiinar Taakkaalaa Uumaa”

  1. Pingback: valorant cheats

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *