Abbummaa lafaa akka madda rakkoo guddina dinagdeetti

Finfinnee: Lafti qabeenya uumamaa kan ummataafi mootummaa  waan ta’eef, gurguramuufi jijjiiramuu akka hindandeenye heera mootummaa RFDI keeyyata 40/3 jalatti eerameera.

Imaammanni misoomaafi hoggansa lafaas heeruma biyyattii bu’uureffachuun kan bahe yoo ta’u, namni kamuu dhuunfaasaatti qabiyyee lafaa bituu, gurguruufi jijjiiruu akka hindandeenye tumameera. Ta’us, abbootiin lafaa keessumaa qonnaan bultootni qabiyyee lafasaanii sababoota addaddaatiin karaa ifaafi dhoksaatiin gurguraa akka turaniifi ammas jiran beekamaadha.

Yunivarsiitii Sivil Sarvisii Itoophiyaatti hayyuu dinagdee kan ta’aniifi waggoota dheeraaf qabiyyee lafaarratti qorannoo kan geggeessan Obbo Dassaalany Rahamatoo akka jedhanitti, sirnoota darban keessa abbummaa lafaatiin walqabatee rakkoolee hedduun waan turaniif gaaffiin, “Lafti qonnaan bulaaf” jedhu barattootaafi qonnaan bultootaan gaafatamaa tureera. Har’as taanaan gaaffiin abbummaa lafaa guutummaatti waan hindeebineef rakkoolee dinagdee waliigalaa Itoophiyaa ni hiikkata jedhanii yaaduun soba.

Wayita ammaallee qabiyyee lafaatiin walqabatee hayyootni, qonnaan bultootniifi ogeessotni damichaa yaadota garagaraa kan qaban ta’uus eeranii, gariinsaanii rakkoon jiru lafti kan mootummaa ta’uu osoo hintaane bulchiinsasaarratti ejjennoon mootummaa laafaa ta’uu wajjin akka walqabatu ibsu.

Osoo bulchiinsiifi hoggansi mootummaa biyyaaf dhimmama ta’ee lafti mootummaadhaan qabamuun misooma hundaaf murteessaadha jedhanii kan falman ta’uu dubbatu. Gama  biraatiin ammoo gaaffiin abbaa lafummaa

deebinaan tarii qonnaan bultootni qabiyyee lafaasaanii hunda duguuganii kan gurguran yoo ta’e qe’eefi qabeenya qabanirraa salphumatti buqqa’uu danda’u sodaan jedhu waan jiruuf imaammanni lafaa kun hojiirra akka oolu ta’eeraa jedhu. Ta’us, mootummaan qonnaan bultootni buqqa’uu hinqaban jechaa ofumaa buqqisuun kan tureefi ammas buqqisaa

jiraachuunsaa rakkoo bubbule daran hammeessuu eeru. Qaamoleen lafti gara qabeenya nama dhuunfaatti akka hinjijjiiramneef fedha qaban kan jiran ta’ullee yaadiddamootni lachanuu madaallii kan hinkaasne ta’uus ni dubbatu.

Kunimmoo biyyattiitti qabiyyeen lafaa mootummaadhaan qabamuun keessumaa qonnaan bulaan qabeenya uumamaasaarratti murteessee ofumaan gurguruufi bitachuu waan dhorkameef haalichi qonnaan bulaa rakkoo siyaas-dinagdeef saaxilaa jira jedhan.

Akka ibsa Obbo Dassaalanyitti, qabiyyeen lafaa gurguramuus ta’e jijjiiramuun yoo dhorkame fedhii lammiilee keessumaa kan qonnaan bultootaa daangessuudha. Qonni utubaa dinagdee biyyattii waan ta’eef oggaa fedhiin kun daangeffamu ammo gatiin gabaa lafaa daran qaala’uun  haaluma ammaan tana  mul’ataa jiruun itti hammaataadeemaa jedhu.

Kunis adeemsa keessa humnaafi fedhii qonnaan bultootaa daran hir’isuun misooma qonnaa biyyattiirratti dhiibbaa waan geessisu mootummaan akka waljalaa fooyyessaa deemu gorsu.

Fedhiin qonnaan bultootni maayikroo xixiqqaa keessatti qaban hir’annaan misoomni dinagdee biyyattii garmalee akka diilallaa’u kan godhuudha kan jedhan Obbo Dassaalany, baay’ina ummataa yeroodhaa yerootti dabalaa jiru wajjin walitti ida’amee guddinni dinagdee waliigalaa akka hintasgabboofne taasisaa jedhu.

Kunimmoo hiyyummaa daran kan hammeessu waan ta’eef, fooyya’uu akka qabu yaadachiisu. Obbo yesuswarqi Zaafuu miseensa Waldaa Ikonoomistoota Itoophiyaafi ogeessa dinagdee yoo ta’an, Yunivarsiitii Sivil Sarvisii Itoophiyaatti barsiisaa misoomaafi hoggansa lafaati.

Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan bara 2017tti biyyoota galii giddugaleessaa qaban maddii hiriiruuf karoorfattee hojjechaa jirti. Ta’us, qonnaan bulaa lafa hektaara tokko  hinguunnerra maatiisaa wajjin rakkachaa jiru qabannee akkamiin biyyoota galii giddugaleessa qaban maddii hiriiruu dandeenya? Teknoloojii ammayyaatti fayyadamanii lafa xiqqoorratti haalaan hojjechuun yoo danda’amellee omishni lafa sanarraa argamu gahaa waan hintaaneef jireenya harkaa gara afaanii akka jiraatan kan godhudha.

Kunimmoo imaammata lafaa ammaan tana biyyattiin hordofaa jirtu qabannee biyyoota galii giddugaleessaa qaban maddii hiriiruun ulfaataadha jedhu.

Inumaayyuu hojidhabdummaan dargaggootaa daran babal’achuutiin hiyyummaan hammaachaa waan jiruuf mootummaan ammumaan qabee imaammata lafaa fooyyessuu akka qabu gorsu. Mootummaan garuu karoora, “Qonnaan bulaa lafa bicuurratti omishaafi omishtummaasaa guddisu” jedhu qabatee hojjechaa jira. Kanaanis qonnaan bultoota miiliyoonota galmeessan horachuusaa eeru.

Gaaffiin abbummaa lafaa waliigalaan wayita ilaalamu guddina dinagdeerratti dhiibbaa olaanaa akka qabu hubachuun barbaachisaadha. Kunis lafti  qabeenya murtaa’aa waan ta’eef,  gatii gabaa harka mootummaa qofaan akka murteeffamu gochuun jiruufi jireenya lammiileerratti dhiibbaa olaanaa qaqqabsiisaa jira.

Kanaaf lafti dhiyeessitootaa (qonnaan bultotaa)fi barbaaddota (gabaa) gidduutti gurguramuufi jijjiiramuu akka qabus ibsa ogeessota kanneeniirraa hubatameera. Kunimmoo gaaffiin abbummaa lafaa guddina dinagdee waliigalaarratti dhiibbaa kan qabu  ta’uu mul’isa jechuudha.

TakkaallinyGabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

3 Comments to “Abbummaa lafaa akka madda rakkoo guddina dinagdeetti”

  1. Pingback: พรมรถ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *