Dorgommiin Qaxxaamura Biyyoolessaa Jaanmeedaa boru adeemsifama

Finfinnee: Dorgommiin Qaxxaamura Biyyooleessaa Jaanmeedaa waggaa waggaan atileetoota beekamoo biyya keessaafi ollaa, Keeniyaafi Sudaan jidduutti adeemsifamu ALA bara 1975 irraa kaasee adeemsifamaa tureera.

Dorgommiin kun baranas yeroo 42ffaaf boru Jaanmeedaatti adeemsifama. Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa dorgommii kana ilaalchisuun ibsa dheengadda kenneen akka mul’seetti, kaayyoon dorgommichaa atileetonni dorgommii biyyooleessaarratti hirmaachuu hindandeenye carraa dorgommii biyya keessaa akka argataniif ta’uu beeksiseera.

Akkasumas, atileetoonni naannoolee, bulchiinsota magaalotaa, kilabootaafi kanneen giddugaleeyyii leenjii atileetiksii kanarratti hirmaachuun muuxannoo akka walirraa argatan gochuuf jedhameera.

Pirezdaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Komaandar Silashii Sihin akka ibsetti, dorgommiin kan adeemsifamu korniyaa lamaaniin yoo ta’u, kiiloo meetira jahaan dubartoonni dargaggootaa, kiiloo meetira saddeetiin dhiroota dargaggootaa, kiiloo meetira kudhaniin dhiirootaafi dubartoota beektootaa, kiiloo meetira saddeet dorgommii walmakaa Riileetiin dhiiraafi dubaraa beektootaan akka adeemsifamu ta’u ibsa.

Dorgommii kanarraatti atileetonni naannolee jahaarraa, bulchiinsota magaalaa lamarraa, kilabootaafi dhaabbilee 29 irraa, dhunfaadhaan 177, Keeniyaarraa lama, Sudaanirraa lama walumaagalatti atileetonni 945n ni hirmaatu jedha.

Gama umriitiinis waggaa 18-19 kan ta’an sadarkaa beektotaan, waggaa 16-17 kanneen ta’an ammoo sadarkaa dargaggootaatiin kan hirmaatan ta’uu eera.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa dorgommii kanaaf walumaagalatti bajata qarshii miliyoona afur ramadusaafi dorgommii hundarratti atileetota 1-6tti ba’aniif qarshiin kuma 865 badhaasaaf kan oolu ta’uu dubbata. Akkasumas atileetonni 1-3ffaa bahuun mo’atan qarshiin dabalatatti meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasa akka badhaafaman addeessa.

Koreen namoota 190 qabu dorgommii kana qindeessuuf hundaa’uus ni eera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 24 Bara 2017

Recommended For You