Finfinnee: Rakkoon ulaa galaanaa dhabuu Itoophiyaan dhufu rakkoo gaanfa Afrikaa ta’uu hubachiisuun barbaachisaa ta’uu Hayyuun Seeraafi Nageenyaa Doktar Roobaa Pheexiroos beeksisan.
Doktar Roobaan Gaazexaa Bariisaafi Kamisa darbe akka ibsanitti, ulaan galaanaa Itoophiyaaf gaaffii siyaasaa utuu hin taane gaaffii dhimma jiruufi jireenya ummata biyyattiiti. Gaaffiin kun deebii akka argatuuf rakkoolee hawaasummaafi dinagdee sababa ulaa galaanaa dhabuun Itoophiyaa kan gaanfa Afrikaafuu ga’u ta’uu hubachiisuun barbaachisaadha.
Akka ibsa isaaniitti, Itoophiyaan biyyoota gaanfa Afrikaa jiran keessaa biyya baay’ina ummataa guddaa, diinagdeefi qabeenya uumamaa bal’aa qabduudha. Kanaan walqabatee hawaasa gaanfa Afrikaa keessa jiraatan waliin hariiroo dinagdee, qabeenya uumamaafi hawaasummaan kallaattiifi alkallattii qabduudha.
Oromoon Itoophiyaafi Keeniyaa keessa, Affaariifi Somaaleen bakka hunda jiraachuun, aadaafi amantaan walkeessa faca’auun bara dheeraa kan jiraatan waan ta’eef rakkoon Itoophiyaa dhaqqabu biyyoota ollaas kan gaaga’udha.
Keessumaa Laggeen Itoophiyaa daangaa qaxxaamuran kanneen akka laga Abbayyaa, Gannaalee, Awaashiifi kanneen biroo dabalatee Itoophiyaan dhiyeessaa waan jirtuuf walitti dhufeenyi isaanii uumamaan kan walitti hidhameedha. Kanaaf, Itoophiyaa ulaa galaanaa qabaachuun hariiroo hawaasa gaanfa Afrikaa cimsu ta’uun hubatamee akka deebi’uuf hunda hubachiisuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Itoophiyaan shira siyaasaafi fedhii murnoota siyaasaa daba hojjetaniin ulaa galaanaa dhabde malee duraan ulaa qabaachuu eeranii; shira humnoota alaafi rakkoo keessoo babal’achuun gaaffii ulaa galaanaaf danqamaa har’a ga’eera. Ammas, hummooti dhiibbaa Itoophiyaa irraan ga’uu barbaadan shira siyaasaa alarraa erguun dhiibbaa uumuu barabaadan jiru. Ta’us shira kana maqsuuf tarkaanfiin olaantummaa seeraa fudhatamuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Biyyootni baay’een kiloomeetira kumaatamaa irraa dhufanii buufata waraanaa 19 ta’u ijaarrachuun fayyadamoo ulaa galaa ta’aa yeroo jiranitti, Itoophiyaan fageenya gabaabaa irratti akka hinarganneef shira xaxuun hawaasa walitti hidhamee jiru mana hidhaa keessatti ugguruu waan ta’uuf daandii jalqabameen itti deemamuu qaba jedhaniiru.
Seerri galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 390/5 waliin jireenyaafi walitti dhufeenya hawaasa gaanfa Afrikaa kan deeggaru ta’uu eeranii; Itoophiyaan nagaa ollaashee eeguudhaan gaaffii ulaa galaanaa akka pirezidaanti Taayyee Asqasillaasee jedhanitti kan milkaa’u ta’uu ibsaniiru.
Kanaafis, qaamolee dhimmi ilaallatu hundi gumaacha isaanirraa eegamu ba’uu qabu. Keessumaa dhaabbileen siyaasaa biyya keessaa afaan qawween wanti sirratu waan hinjirreef walhubachuun barbaachisaadha. Rakkoo uumamu furuuf “Ganda buluun ganda bulchuudha” jechuun mootummaan naannoo Oromiyaa caasaa gandaatti xiyyeeffannaa kenne akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Kanneen biroonis nageenya biyya keessaaf xiyyeeffannaa kennuun yeroo waliif kennanii wal hubachuu milkaa’inaaf daandii saaqa. Hawaasni dayaaspooraa tokko tokko walitti bu’iinsa hammeessuuf qawwee bitee obbolaa walitti buusuu dhiisanii qabeenya qabaniin bu’aa hawaasaa mirkaneessuuf carraaquu qabus jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017