Finfinnee: Dorgommii ‘Miss Tourism’ jala bultii ayyaana Irreechaatti gaggeeffameen Daraartuu Tasfaayee injifachuun Miis Turizimii Oromiyaa bara 2017 taatetti. Edan Solomoon 2ffaa, Roobenus Abdiisaa ammoo 3ffaa bahuun dorgommicha xumuraniiru.
Sirna cufiinsa Torbee Turizimii Oromiyaa dheengadda Finfinneetti adeemsifamerratti kan argaman Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa taasisaniin, Kallattii dinagdee damdaneessa ijaaruuf kaa’ameen turizimiin toora xiyyeeffannoo mootummaa jijjiiramaa keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru.
Hojiilee carraawwaniifi humnoota turizimii naannichaa baasuufi beeksisuu, bu’uuraalee misoomaa turizimii si’oomsan babal’isuu, akkasumas seektarri dhuunfaa hojii kanatti akka makamu taasisuuf raawwanneen jijjiirama guddaa dhugoomsineerra jedhan.
Milkaa’ina turizimii beeksisuurratti argameef, hoggansaafi maatii Komishinii Turizimii Oromiyaa carraaqqii naannicha gahumsa turistii gochuuf taasisuuf cimsanii akka ittifufan dhaamamiiru.
“Dhumarrattis Diyaaspooraan Oromoo waamicha Irreechaa bara 2017 akka waliin kabajnu isiniif dabarsine fudhattanii nu gidduutti waan argamtaniif kabaja olaanaan isiniif qabna” jedhan.
Saganticharratti hoggantoonni hojii mootummaa federaalaafi naannoo argamaniiru.
Bayyannaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017