Maaraatoonii Barliinitti atileetonni keenya ni eegamu

  • Muktaar Idiris gara mo’annaatti deebi’e

 Finfinnee: Mootii ispoortii atileetiksii jedhamuudhaan kan beekamu dorgommiin maaraatoonii waggaa waggaadhaan magaalota guguddoota Ameerikaa, Awuroppaafi Isiyaatti adeemsifamu erga jalqabee bubbuleera.

Magaalota dorgommii kana waggaa waggaadhaan keessummeessan keessaa tokko magaalaa guddoo Jarman, Barliini.

Addunyaarratti adda durummaadhaan kan beekamu Maaraatoniin Barlin kun riikardiiwwan hedduun kan ittifooyyeffaman yoo ta’u, borus haala miidhagaadhaan adeemsifama jedhamee eegama.

Waldaa Atileetiksii addunyaa (‘IAAF’) sadarkaan pilaatiiniyeemii kan kennameef maaraatoniin Barliin kun yeroo 50ffaaf akka adeemsifamus beekameera. Haata’u malee atileetonni beekamoon urjii addunyaa ta’an waan dorgommicharratti hinhirmaanneef hawaasa atileetiksii mufachiiseera.

Maaraatoonii Barliin kana waggoottan 11 darbaniif sadarkaa har’arra gaherra akka dhaqqabu kan taasisaniifi waggoota dheeraadhaaf walfalmaa kan turan Qananiisaa Baqqalaafi atileetii beekamaan Keeniyaa, Iluud Kiipchoogeen waan hinargamneefi.

Atileetonni lameen kunneen waggoota dheeraadhaaf taphawwan Olompikii, shaapiyoonaa atileetiksii addunyaafi dorgommiiwwan maaraatooniirratti hirmaachuudhaan dirreewwan dorgommiif miidhagina kennaa turuunsaanii kan yaadatamuudha. Sababii kanaafi hawaasni atileetiksii, dorgommiin atileetonni kunneen irratti hinhirmaanne qabbanaawadha kan jedhaniif.

Akkasumas bara darbe fiigicha maaraatooniitiin dubartootaan riikardii addunyaa kan harkatti galfatteefi Olompikii Paariisitti ammoo lammaffaa bahuudhaan meedaaliyaa meetii Itoophiyaaf kan argamsiiste Tigisti Asaffaa haaluma walfakkaatuun Maaraatoonii Barliin kanaaf maqaanshee hirmaattota keessa hingalle.

Haata’u malee fageenya kanaan beekamtoota kan ta’an atileetonni dargaggoota dubartootaa maaraatoonii Barliin 50ffaa kanaaf miidhagina ta’uuf qophaa’uunsaanii dubbatamaa jira.

Atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa dhiiraan ALA bara 1999 kaasee, dubartootaan ammoo bara 2009 irraa kaasee atileetota biyyoota biroo osoo of gidduu hingalchin ofumasaaniif walfalmuudhaan olaantummaa qabataniiru.

Dorgommii baranaa kanarrattis baay’inaan atileetonni dargaggoota beekamoon Itoophiyaafi Keeniyaa waan hirmaataniif akkuma mi’eeffatan waan haarawaa galmeessisu jedhamee eegamu.

Keessumaa Atileetonni Itoophiyaa Taaddasaa Taakkalaafi Tigisti Katamaa sa’aatii fooyya’aa waan qabaniif atileetota beekamoo hirmaatan keessaa adda durummaadhaan eegamaa jiru.

Bara darbe maaraatonii Barliin kanatti sadarkaa sadaffaa argachuudhaan kan xumure atileet Taaddasaa Taakkalaa ammas dabalatinnaa jedhamee eegama.

Fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadiin kan beekamuufi Itoophiyaa shaampiyoonaa atileetiksi dargaggoota addunyaafi Afrikaa kanneen umrii 20 gadiin bakka bu’uudhaan meedaaliyaa meetii kan galmeessise atileetiin kun Maaraatoonii Barliin kanarratti yeroo lammaffaadhaaf hirmaata.

Umrii waggaa 22n maaraatoonii fiiguusaatti gaaffii kaasuusaa malee dorgommii yeroo jalqabaaf irratti hirmaatetti qabxii gaarii galmeessisuusaa abdiin inni gara fuula duraatti maaraatooniif qabu ifaadha.

Addunyaarratti sa’aatii saffisaa harkatti kan galfate atileet Kipchoogeetti aanee sa’aatii 2:03.24s galmeessisuusaatti umriifi muuxannoo qabuun kan hineegamneedha. Haata’u malee atileetiin kun dandeettii qabuun dorgommii kanatti mo’ataa ta’a jedhamee eegama. Atileetota beekamoo dorgommii kanarratti hirmaatan keessaa shan sa’aatii 2:05 gadii kan galmeessisaniidha.

Dorgommiin kun ramaddii dubartootaa Itoophiyaanotaan kan dursamu yoo ta’u, Tigisti Katamaafi Ganzabee Dibaabaa warreen injifachuuf kaadhimaman keessaa adda durummaadhaan eegamu.

Gama Itoophiyaatiin atileetonni hedduun injifannoof kan eegaman yoo ta’u, Yabirguwaal Mallasaa, Mastaawot Fiqir, Azmaraa Gabruu, Siisaay Masarat, Abbaabil Yeshaaneefi Fiqirta Warataa warreen mo’annaaf eggamaniidha.

Karaa biraatiin dhuma torban darbeetti ardiiwwan adda addaatti dorgommiiwwan atileetiksii fageenya gara garaatiin adeemsifamanitti Itoophiyaanonni injifannoo dachaa gonfataniiru.

Dorgommiiwwan kanneen keessaa fiigicha maayila 10 (kiiloo meetira 16) Neezarlaandis, magaalaa Amistardaamitti daandiirratti adeemsifameen atileet Muktaar Idiris tokkoffaa bahuudhaan mo’ateera.

Atileetti Muktaar Idiris shaampiyoonaa atileetiksii ALA bara 2017, Landanitti, bara 2019 ammoo Doohaatti fiigicha meetira kuma shaniin walitti aansee atileeta lammii Ingiliz Mofaaraadhaan qabamee ture fageenya kanatti mo’achuunsaa kan yaadatamuudha.

Haata’u malee Muktaar Idiiris sababii yeroo yeroodhaan miidhaa miilasaarra gahaa tureen dorgommii Olompikiirratti dandeettiisaa agarsiisuu hindandeenye.

Atileetiin kun yeroo ammaa fuulasaa gara fiigicha daandiirratti gara galfachuudhaan injifannoo kanaan dura mi’eeffate deebifachuu jalqabeera.

Atileet Muktaar Dorgommii dhuma torban darbee kanatti fiigicha maayila 10 kana kan xumure daqiiqaa 45:44 ta’uusaati. Dorgommii kanatti ni mo’ata jedhamee eegamaa kan ture lammiin Ugaandaa, Joshiwaa Chipchoogeen daqiiqaa 45:18 xumureera. Haaluma kanaan Muktaar sakondii 27n dursuudhaan sa’aatii gaarii iddoo sanaa fooyyeesseera.

Dorgommiidhuma walfakkaatu kan dubartoota jidduutti adeemsifameen atileeti Asaayyach Ayicheewu atileeta Keeniyaa ofduubatti gattee galuudhaan mo’atteetti.

Atileet Asaayyach dorgommicha sa’aatii 51:15 yoo xumurtu, atileetiin Keeniyaa ammoo sakondii 19n ishee booda daqiiqaa 51:34n galteetti. Dorgommichatti atileet Mabraat Gidayi ammoo daqiiqaa 52:14 xumuruun sadaffaa taateetti.

Dorgommii maaraatoonii Taayiwaanitti adeemsifameen ammoo atileetonni Itoophiyaa korniyaawwan lameeniinuu walduraa duubaan galuudhaan mo’ataniiru.

Atileetonni kuma 40 ol kan irratti hirmaatan dorgommii kanatti dhiiraan atileet Dasaalany Girmaa, Dajanee Dabalaafi Asaffaa Tafarraa tartiibaan tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uun mo’ataniiru. Daqiiqaawwan muraasaan walcaalanii meedaaliyaa warqiidhaa hanga nahaasaa kan argatan Itoophiyaanonni dorgommicharratti cimina qabanis agarsiisaniiru.

Kan dubartoota jidduutti adeemsifametti ammoo Itoophiyaanonni Caaltuu Camadaafi Faantuu Zawuduu tokkoffaafi lammaffaa yoo bahan, atileetonni Keeniyaa Mooniikaa Chiibeet sadaffaa taateetti.

 BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

Recommended For You