Godinaalee Guraageetti qophiin ayyaana Masqalaa xumurame

Finfinnee: Godinoota Guraageetti qophiin ayyaana Masqalaa xumuramuu Qajeelchi Adaafi Tuurizmii Godina Guraageefi Guraagee Bahaa ibsan.

Ittigaafatamtuun Qajeelacha Aadaafi Tuurizmii Godina Guraagee Aadde Masarat Amargaa ibsa Kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, godinichatti ayyaana Masqalaa bara 2017kabajamuuf qophiin barbaachisaan taasifamuu himaniiru. Ayyanni Masqalaa, Guraageef ayyaana amantaa qofa osoo hin taanee hundumtuu kan irratti hirmaatuufi mallattoo waloominaa kan itti calaqqisu ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, ayyaanni Masqalaa ayyaanota waggaa godinicha keessatti is guddaafi maatiifi firri kan itti walgahudha.

Sadarkaa godinichaatti ayyaanichi aanaa Innoor ganda Garaajaa Jefooree (gandoota ijaarsa manaa aadaa guraagee mul’isan) tti adda ba’uu ibsaniiru. Hojii kanaafis koreen dhaabbatee hojiitti kan jiru yoo ta’u, daawwaattootaafi miidiyaaleef waamicha dhiyeessuus hubachiisaniiru,

Taateewwan aadaa Guraagee mul’isan tapha shamarran Guraagee gaafa ayyaana Masqalaa, agarsiisaa ogummaa harkaa, sagantaa eebbaa, sirna qalmaa aadaa nayaataa Guraagee Kitfoo beeksisuu ayyaana kanarratti nigeggeeffama jedhaniiru.

Dorgommiin bareedinaa aadaa Guraagee mul’isan akkasumas sirni daawwannaa ijaarsa manneen aadaa Guraagee (Jefooree) akka geggeeffamu eeranii; waliigala jiraattota godinichaatiin ala namoonni 1,500 ol ayyaanicharratti ni argaman jedhamee akka eegamu ibsaniiru.

Ayyaana Masqalaa Guraagee iddoo hawwata tuurizmii taasisuuf sochiin eegalamuu eeranii; ayyaanni baranaas mataduree “Ayyaanni Masqalaa keenya qabeenya tuurizmii keenya” jedhuun akka kabajamu ibsaniiru.

Ittigaafatamtuun Qajeelacha Aadaafi Tuurizimii Godina Guraagee Bahaa Aadde Biruktaayit Tsaggaayee gamasaaniin, ayyaana Masqalaa baranaa erga akka godinaatti hundaa’ee isa jalqabaa waan ta’eef sirna ho’aan kabajuuf qophii ga’aan taasifameera.

Bakkeewwan daawwataman kanneen akka dhagaa xiyyaa (dhagaa dhaabamee jiru) dabalatee Fulbaana 11-12 akka godinaatti ayyaana Masqalaa ayyaaneffatamu dabalatee hanga Fulbaana 16 ummata godinichaan ittifufiinsaan kabajama jedhaniiru.

Nyaata aadaa Guraagee baaduu, kochee (kitfoo), foon dheedhiifi uffannaa aadaa, tapha shamarranii akka aadaa Guraageetti hanga Onkoloolessa 5 bara 2017tti hojiin ayyaanicha beeksisuu nihojjetama jedhanii, isa Kanaafis, horii qalmaa ga’aafi hoteelonni qophaa’niijiru.

Ummanni Guraagee kutaalee biyyattii hunda keessa faca’uun bakka garagaraa waloominaa akka jiraatu eeranii; godinaalee ollaa godinichaa jiran waliin ayyaana Masqalaa kan ayyaaneffatan yoo ta’u, bu’uura tokkummaa cimsuu keessatti bakka olaanaa akka qabullee kaasaniiru. Ayyaana kana irratti namoonni kuma 10 akka hirmaatan eegama jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You