Oromiyaatti bara bajataa 2017 aannan liitira biliyoona 3.5 omishuuf karoorfame

Finfinnee: Oromiyaatti bara bajata 2017 aannan liitira biliyoona 3.5 omishuuf hojjetamaa jiraachhu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise.

Biirichatti Qindeessaan Sosochii Maaddii Guutuu Obbo Gomoroo Dheeressaa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, naannichatti sosochii maaddii guutuutiin hojiilee milkaa’oo hojjetamaa jiran keessaa tokko misooma aannaniiti.

Omishaafi omishtummaa misooma aannanii dabaluuf nyaatafi fayyaa beyiladootarratti xiyyeeffannoodhaan hojjetama jedhanii; nyaata beyiladaa karaa jal’isiifi idileen toonii miliyoona afurtama omishuuf karoorfameera jedhaniiru.

Loowwan sanyii fooyya’aa horsiisuuf hojii hojjetamuunis jabbileen sanyii fooyya’aa kuma 740n akka dhalatanif kan hojjetamu ta’uu himanii; akka beeyiladootni dhukkubaan hinmiidhamneef beeyiladoota miliyoona 82f talaaliin nikennama jedhaniiru. Du’a jabbilee dhalatanii dhibbantaa11n hir’isuuf karoorfamuu eeraniiru.

Haaluma walfakkaatuun bara bajatichaatti killee biliyoona 4.1, foon lukkuu tonii kuma 120, damma toonii kuma 140, qurxummii toonii kuma 55 omishuuf karoorfamuus Obbo Gomoroon ibsaniiru.

Bara bajataa 2016 misooma aannaniitiin hawaasa fayyadamaa taasisuuf maatiiwwan miliyoona shanii ol gandoota 4277n ijaaruun liitira biliyoona 3.4 omishuun danda’amuu himanii; paakeejii misooma aannanii fayyadamuun dhiyeessii naayitiroojinii dhangala’aa dabalatee deeggarsi galteewwaniifi teknikii taasifame milkaa’ina argameef gahee guddaa taphachuu ibsaniiru.

Dabalataanis bara bajatichaatti foon diimaa toonii miliyoona 1.3, killee biliyoona 2.7, foon lukkuu toonii kuma 104fi 779 damma toonii kuma 73fi 76 qurxummii toonii kuma 25fi 886 kan omishamee ta’uu Obbo Gomoroon ibsaniiru.

Dhiyeessiidhaan walqaabatees akka jedhanitti, bara bajataa darbe naayitiroojiinii dhangala’aa liitira kuma 137, sanyii kormaa doozii miliyoona 2.8 dhiyaateera. Loowwan miliyoona 1.6 diqaalomfamaniiru.

Taammiruu Raggaasaa

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017

Recommended For You