“Marii biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu milkeessuuf aadaafi duudhaa jaarsummaa Oromoo keessa jiru utuu cuuphannee gaariidha” – Obbo Leeniin Quuxoo Hamdoo

“Mariifi marabbaan dhimmuma fedherrattuu waa tolcha. Namni mari’atu gara waliigaluu, walhubachuu, walamanuufi araaraatti deema. Aadaa Oromoo keessatti xumurri mariifi jaarsummaa araara.

Araarri ammoo waliidhiisuu, walittifayyuufi tokkoomuu ofkeessaa qaba. Aadaafi duudhaan marii, jaarsummaafi araaraa kun marii biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jiruuf raacitiidha.

Marii biyyaalessaa kana milkeessuuf aadaafi duudhaa jaarsummaafi araaraa keenya ganamaa kana keessaa utuu cuuphannee gaariidha. Aadaafi duudhaa jaarsummaafi araaraa kana gara marii biyyaalessaatti fidanii ittifayyadamuun maricha milkeessuufi rakkoo amma keessa jirru keessaa akka baanu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba” jedhu Obbo Leeniin Quuxoo Hamdoo.

Obbo Leeniin Quuxoo Hamdoo Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti Qorataafi Gorsaa akkasumas Daariktara Inistiitiyuutii Qorannoo Misooma Afaan, Aadaafi Aartii Oromooti.

Obbo Leeniin gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Oromoon dhimma hundumaa eebbaan jalqabee eebbaan xumura. Jaarsummaa yeroo taa’us eebbaan jalqabee eebbaan xumura. Eebbi qabbana waan hundaati.

Xumurri marii ykn jaarsummaa ammoo araara. Sirna araaraa kanaan qaamoleen waldhabanii turan walhammatanii garaa qulqulluu waliif dhiisanii waan walii kennuu qaban walii kennanii waliin nyaatanii dhuganii garaa walnyaatanii addaan galu. Sirni araaraa kun murtii kenname hojiirra oolchuus ni dabalata jedhu.

Akka Obbo Leeniin jedhanitti, Oromoo dabalatee saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa keessa jiran akkaataa nagaafi jaalalaan itti waliin jiraataniifi waldhabdee gidduusaaniitti uumame ittiin furatan qabu. Biyyattiitti waldhabdee warra baroota qalamaa baranneerra ofiin jedhanii ykn warra siyaasaan daldaalanitu jira malee waldhabdeen sabaa hinjiru. Saboonniifi sablammoonni biyyattii akka itti nagaafi jaalalaan itti waliin jiraatu, waliin oolee buluufi ittiin walkeessa jiraatu sirriitti beeka. Waldhabdee kamuu mariifi marabbaan furuun barbaachisaadha.

Mariifi marabbaan dhimmuma fedherrattuu waa tolcha. Namni mari’atu gara waliigaluutti, walhubachuu, walamanuufi araaraatti deema. Aadaa Oromoo keessatti xumurri mariifi jaarsummaa kamiiyyuu araara. Araarri ammoo waliif dhiisuu, walittifayyuufi tokkoomuu ofkeessaa qaba.

Aadaafi duudhaan mariifi araaraa keenya ganamaa marii biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhuuf raacitiidha. Aadaafi duudhaa jaarsummaafi araaraa kana gara marii biyyaalessaatti fidnee keessaa cuuphannee ykn ittifayyadamnee gaariidha jedhu.

Oromoon dubbiin akka lama qabdi jedha. Isaanis dubbii golaafi dubbii alaati. Dubbii golaa jechuun dubbii keessoo jechuudha. Fakkeenyaaf dubbii Oromoon akka Oromootti waliin qabu dubbii golaa jedhama. Dubbiin golaa saba biraatti gad hinba’u. Dubbiin golaa golumatti ykn keessootti xumuramuu qaba. Har’a garuu dubbii golaafi dubbii alaa walii wallaallee baay’ee rakkachaa jirra.

Oromoon dubbii keessoosaa golatti walgorfatee, waliin mari’atee, erga walitti araaramee booda marii biyyaalessaarratti hirmaachuu qaba. Dubbiin golaafi dubbiin alaa kaleessaa kaasee jira. Dubbii alaa jechuun dubbii saba tokkoofi saba biraa gidduu jiru jechuudha.

Oromoon dubbii golaafi alaa akkaataa itti ilaalu qaba. Dubbiin akkuma ciminaafi laafinasaatti tartiiba qaba. Akka aadaafi duudhaa Oromoo ganamaatti dubbiin kamiyyuu akka laafinaafi ciminisaatti karaa jaarsa qe’ee, jaarsa ollaa, jaarsa balbalaa, jaarsa gosaa ykn shanacha gosaa, jaarsa biyyaa, Yaa’a Gadaa ykn Abbaa Gadaatiin furama.

Jaarsa qe’eerraa eegalee hanga Abbaa Gadaatti laftiifi namni isaan bulchan walcaala. Dubbii jaarsa qe’ee malee jaarsi biraan hituqnetu jira. Dubbiin jaarsa balbalaa, jaarsa gosaa ykn shanacha gosaa jaarsa biyyaafi Abbaan Gadaa ilaalus jira. Dubbiin kamiyyuu haala kanaan jaarsummaa sadarkaa sadarkaan jiruun furama. Jaarsummaa keessatti dhimmi waldhabdeen irratti uumame sirriitti ilaalamee murtiin kennamee araarri akka bu’u taasifama.

Akka Oromoon dhugeeffatutti Waaqaafi lafti yoo waldhabe jaarsummaa deemuun nijira. Yoo ongeen dheerate ykn roobni humnaa olii roobe Oromoon Uumaafi uumamatu waldhabe jedha. Uumaafi uumamni yeroo waldhabu Oromoon kallacha, bokkuu, siinqeefi caaccuu qabatee ba’ee wanta dabetu jira jedhee faloo falatee Waaqa ofitti araarsa.

Oromoon jaarsummaa Uumaafi uumamaa akkasitti araarfata. Dubbii biraa ammoo jaarsolii sadarkaa sadarkaan jirantu araarsa. Akka aadaafi duudhaa Oromootti jaarsummaan namoota waldhaban gidduutti qofa utuu hintaane Uumaafi uumamni yoo waldhabes jaarsummaani adeemsifama.

Jaarsummaa keessatti qaamni dhimmi ilaallatu keessaa hinhafu. Gaaddisnis jaarsummaa taa’uu dura qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi dhufeeraa? jedhee gaafata. Qaamni muffii qabu hundi gaaddisa jaarsummaarratti argamuu qaba. Akka aadaa Oromootti “Qaamni muffii qabu erga hirmaachuu didee dhiisaa jedhanii jaarsummaa taa’uun hinjiru. Oromoon jaarsummaa keessatti sagal obsee, sagal gorsee, sagal dhoksee gara araaraatti fida” jedhu

Yeroo jaarsummaan taa’amu kora mataafi miilaatu jira. Korri mataafi miilaa walwaamee gaaddisa jaarsummaarratti huuruu kennata. Huuruu kennachuu jechuun sagalee dhageessifachuu ykn komii (waan garaa isa nyaate) dhiyeeffachuu (himachuu) jechuudha.

Sirna jaarsummaarratti utuu hindhiyaatiin komii dhageessifachuun ykn himachuun waan hindanda’amneef qaamoleen waldhaban jaarsummaarratti argamuun huuruu kennatu ykn sagalee dhageessifatu. Erga korri mataafi miilaa huuruu kennatee ykn sagalee dhageessifatee booda waan wayyabni (namni baay’een) irratti waliigalerratti hundaa’uun gara murtiitti deemama.

Murtii kennuudhaan dura guungumatu jira. Guunguma jechuun yeroo abbaan murtii murtii kennuuf deemutti namni murtiin itti deemamaa jiru waan garaa isa nyaatu dubbatee baafachuu jechuudha. Namni guunguma qabu “Sitti gungungume! Dhimma kana seera aadaa kamiin ilaalte?” jedhee yoo waanti dabe ykn ifa isaaf hintaane jiraate ni gunguma. Yoo gungumni sun sirrii ta’e irraa fuudhanii dubbiin sun yoo buluu qaba ta’es bulchanii ilaalanii guunguma sana sirreessanii murtii kennu ykn murteessu. Yoo hanqina hubannoo ta’e ammoo achumatti ibsaniifiitu murtii kennu.

Gunguma kana nama qofa utuu hintaane Waaqnillee ni gunguma. Namni irratti waliigalanii, abbaan murtii alangee dhukaasee utuu murtii kennuu yoo waanti hin eegamiin tokko isatti dhufe fakkeenyaaf yoo haxxiffate, yoo qufa’e, yoo fe’ame, yoo oldeebise, yoo arrabnisaa jecha jedhuuf ka’e dhiisee jecha biraa jedhe Waaqatu natti gungume jedhee achumatti alangeesaa lafa kaa’ee dubbicha irra deebi’ee ilaalee murtii kenna. Kun Oromoon murtii haqaa kennuuf hangam akka ofeeggatu agarsiisa.

Gaaddisa jaarsummaarratti erga murtiin kennamee booda araaratu jira. Araarri murtii kenname hojiirra oolchuu dabalata. Sirna araaraa kanarratti qaamoleen waldhabanii turan lamaan walhammatanii garaa qulqulluu waliif dhiisanii waan waliif kennuu qaban waliif kennanii waliin nyaatanii dhuganii garaa walnyaatanii addaan galu.

Murtiin jaarsaa murtii Waaqaati waan ta’eef tokko araaramnaan keessa deebi’uun hinjiru. Qaama murtii jaarsi kenne cabsetti namnis Waaqnis itti rifata; sanyiinsaas ni bada. Qaama murtii jaarsaa cabse ummannis ni mufeessa ykn qoqqobbii irra kaa’a. Ollaan mana nama murtii jaarsaa cabsee hindhaqu; innis mana ollaasaa hindhaqu. Oromoon nama murtii jaarsaa cabse gabaa kiyya hindhaqiin, karaa kiyya hinba’iin, malkaa kiyya hinbu’iin, jechuun qoqqobbii irra kaa’a.

Oromoon yoo namni murtii jaarsaa cabse dhukkubsate hingaafatu; yoo du’es hinawwaalu. Oromoon nama murtii jaarsaa cabsu qoqqobbii irra kaa’uurra darbee ulee gosaatiin dhaana, dhumarratti ammoo sidii itti mura. Sidii itti muruu jechuun diinomsuu (Oromummaa irraa mulqanii ari’uu) jechuudha. Sidii jechuun diina keessaa diina hamaa jechuudha. Oromoon dhimma hundumaa eebbaan jalqabee eebbaan xumura. Yeroo jaarsummaa taa’us eebbaan jalqabee eebbaan xumura. Eebbi qabbana waan hundaati. Itoophiyaa keessa waldhabdeen sabaa hinjiru. Saboonniifi sablammoonni biyyattii keessa jiran dur utuu Itoophiyaan boca har’a qabdu hinqabaatiniyyuu ollaa walii turan. Saboonni biyyattii keessa jiran akkaataa itti nagaafi jaalalaan itti waliin jiraatan beeku.

Akkaataa waldhabdee isaan gidduutti mudate ittiin furatanis qabu. Itoophiyaa keessa kan jiru waldhabdee sabaa utuu hintaane waldhabdee warra barnoota qalamaa baranne jedhan (warra siyaasaan nagadan) gidduu jiruudha. Biyyattii keessa waldhabdee nagada siyaasaa malee waldhabdeen sabaa hinjiru. Sabni akka nagaafi jaalalaan itti waliin jiraatu, waliin oolee buluufi ittiin walkeessa jiraatu sirriitti beeka.

Oromoon saba biraa sagalee barooda sangaasaa dhaga’uun ollaadha jedha. Saboonni daangaa Oromiyaa jiran hundi waggoota kuma hedduuf karaa Michuu, Gurraachaa, Gondooroofi Wadoo nagaan Oromoo waliin jiraachaa turan. Gurraachi dhaabbata Oromoofi saboota kaan ja’aa ol walitti hidhee nagaa, tokkummaafi jaalalaan akka waliin jiraatan taasisa.

Warri marii biyyaalessaa adeemsisaa jiranis saboonniifi sablammoonni biyyattii kaleessa akkamitti nagaan waliin jiraachaa ture jedhanii duuba deebi’anii ilaaluu qabu. Warri baranne jennuufi warri siyaasaas aadaafi duudhaa keenya ganamaa duubatti deebinee ilaaluu qabna. Oromoon saba kamuu ta’i namoomatti amana. Yoo aadaa, duudhaafi safuu Oromoo fudhatte Oromoon saba kamuu yoo taate anaa dhufu jedhee ofitti qabee si bulcha malee sintuqu.

Oromoon waraanaa dura sagal farda itti ergee kadhatee yoo dide kurnaffaarratti ittiduula. Nama waraanarratti booji’ellee hinmiidhu. Kanaafuu aadaafi duudhaa ganamaa kana gara marii biyyaalessaatti fidanii ittifayyadamuun akka marichi fiixaan ba’u taasisuufi rakkoo amma keessa jirru keessaa akka baanu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Sochii mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa deebisuuf taasisaa jiru bareeda. Aadaafi duudhaa ganamaatti haadeebinuun afaaniin qofa hinta’u. Kanaafuu mootummaan waggaa waggaan dhimmoota Oromummaa jabeessan labsiidhaan deggereera.

Akkasumas inistiitiyuutiiwwan dhimmoota aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa deebisuurratti xiyyeeffatan kanneen akka inistiitiyuutii keenyaa hundeessee hojii bal’aan hojjetaa jira. Inistiitiyuutiin keenya aadaafi duudhaan Oromoo ganamaa nageenya waaraa buusuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf Ministeera Nageenyaafi Ministeera Aadaafi Ispoortii waliin dhimma nageenya biyyaalessaarratti hojjechaa jira.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaas ta’e Ministirri Muummee Itoophiyaa aadaafi duudhaa ganamaa deebisuurratti ejjennoo cimaan irratti hojjechaa jiru. Kun akka hawaasni aadaafi duudhaasaa ganamaatti deebi’u taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Utuu aadaafi duudhaa keenya ganamaatti deebinee rakkoolee qabnu hunda furachuu dandeenya. Hojii aadaafi duudhaa keenya ganamaatti deebi’uuf raawwatamaa jiruun jijjiiramni ajaa’ibaa mul’achaa jira.

Manni murtii aadaa hundaa’es mana murtii idilee caalaatti ummata tajaajilaa jira. Manni murtii aadaa dubbii waggoota dheeraaf lafarra harkifateefi ragaan itti dhabameef furmaata kennaa jira. Manni murtii idilee ragaarratti hundaa’uun murteessadha. Manni Murtii aadaa ammoo dhugaafi haqa baasuurratti xiyyeeeffatee hojjeta. Aadaa keenyatti deebi’uun isa kana jedhu Obbo Leeniin.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016

Recommended For You