“Nageenyi waan daangaa hinqabneef hundi keenya dhimma ijaarsa nageenyaarratti qindoominaan hojjechuu qabna” – Luba Taagaay Taaddalaa

Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Barreessaa Olaanaa Gumii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa Luba Taagaay Taaddalaa yoo ta’an, gaafdeebiin torbee darbe hojiilee guguddoo gumichi dhimmoota ijaarsa nageenyaafi walitti bu’iinsota furuurratti raawwataa tureen bu’aalee galmaa’an irratti xiyyeeffachuun isaan waliin taasifne akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineera.

Bariisaa: Hojiilee ijoon gumichi raawwatu maal faadha?

Luba Taagaay: Gumichi ijaarsa nageenyaa, duudhaa nagaafi jaalalaan waliin jireenya ummataa gabbisuu, walitti bu’iinsotni karaa nagaafi mariitiin akka furamaniif haala mijeessurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Gumichi rakkooleen dhaabbilee amantii gidduutti akkasumas dhaabbilee amantiifi dhaabbilee mootummaa gidduutti mudatan mariidhaan akka furamaniif waltajjii marii qopheessuun haala ni mijeessa.

Gumichi waamicha nagaa ni taasisa, labsii nagaa ni labsa, qaamolee nageenya booressaniifi gocha farra nageenyaa raawwatan ammoo ni balaaleffata. Ummata gidduutti argamuudhaan waltajjii qaamoleen walitti bu’an irratti walarganii rakkoosaanii mariidhaan furachuun araaraman ni qopheessa. Gumichi hojii kana jaarsolii biyyaa, abbootii Gadaa, haadholii siinqee, abbootii amantiifi namoota dhiibbaa uumuu danda’an waliin hojjeta.

Biyyattiitti nageenyi akka mirkanaa’u taasisuun, duudhaa nagaafi jaalalaan waliin jireenyaa ummataa dagaagsuufi walitti bu’iinsota furuun araara buusuun hojiilee ijoo gumichi irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiruudha. Gumichi hojiilee kunneen siyaasarraa bilisa ta’ee hojjechaa jira.

Bariisaa: Bu’aawwan hojiilee gumichi raawwachaa tureen galmaa’an akkamitti ibsamu?

Luba Taagaay: Rakkooleen biyyattii keessa jiran hedduudha. Rakkoon tokko yeroo furamu rakkoo biraatu uumama. Mariin biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu rakkoolee hedduuf furmaata waaraa ta’a jennee abdanna. Gumichis walitti bu’iinsonni hedduun mariin furamanii nageenyiifi araarri akka bu’u taasiseera. Walitti bu’iinsaafi waraana dursee ittisuurratti hojii bal’aa hojjechaa jira.

Gumichi utuu waraanni kaabaa hinadeemsifamin dura abbootii amantii, jaarsolii biyyaafi dubartoota qindeessuun yeroo ja’aa ol Maqaleetti deddeebi’ee Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Tigraay yerosii Doktar Dabratsiyoon Gabramikaa’eliifi Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa yerosii Obbo Gadduu Andaargaachoo waltajjii tokkorratti walarganii akka mari’atan taasiseera.

Yeroo daandiin gara Maqaleetti geessu cufamee tures Maqaleefi Baahirdaaritti deddeebi’uudhaan daandiin cufame akka banamuuf gumichi hoggantoota mootummaa federaalaa, naannolee Tigraayiifi Amaaraa waliin haasa’uudhaan Finfinnee, Hoteela Sharaatan Addisitti walarganii akka mari’ataniif haala mijeesseera.

Dhimmoonni irratti mari’ataman qabatamaan hojiirra ooluu dhabuudhaan gara waraanaatti galameera. Waraanichaan lubbuu lammiilee hedduu dhabneerra; qabeenyi guddaanis barbadaa’eera. Waraanni walii waliinii kun Itoophiyaa kasaaraa guddaa keessa galcheera. Kanarraa barachuu dhabuudhaan ammayyuu naannolee Amaaraafi Oromiyaa keessa waraanni jira.

Waraanni miidhaa malee bu’aa kan hinqabne ta’uu waraana naannoo Tigraayitti adeemsifamerraa barachuu qabna. Waraanicha adeemsisuuf qabeenyi biyyaa guddaan dhangala’eera. Waraana booda naannoo Tigraayiin deebisanii ijaaruufis qarshiin ba’aa jirus qabeenyuma biyyaati.

Kan ijaarre waraanaan diignee deebisnee ijaaruun waldhaggeeffachuu dhabuurraa madda. Gumichis rakkoo waldhaggeeffachuu dhabuun dhufu furuuf yeroo gara garaa waamicha nageenyaafi marii taasisaa jira.

Itoophiyaatti akka nageenyi bu’uuf qaamni abbootii amantii Gumii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa caalaa carraaquufi dhama’u hinjiru. Kun dhugaa qabatamaan mul’atuufi mootummaanis beekuudha. Sagaleen abbootii amantii akka dhaga’amuuf mootummaanis gargaaruu qaba. Ummannis sagalee abbootii amantii dhaggeeffachuu qaba. Gumichi siyaasarraa bilisa waan ta’eef mootummaafi ummata gidduu ta’ee qaama dogoggore gorsee deebisa.

Araara buusuufis qaamni gumii kanaa olitti hojjetu hinjiru. Abbootiin amantii, jaarsoliin biyyaa, Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqeefi namoota dhageettii guddaa qaban hedduu utuu qabnuu qaamni alaa akka nu araarsuuf biyyoota alaarraa kanneen akka ‘Olusegun Obasanjo’ waamuun sirrii hinturre. Obaasaanjoon Paatiriyaarkii, Haajii Muftii, Kaardinaalii olitti nu araarsuuf dhageettii hinqaban. Duudhaan araaraa qabnu gama kamiinuu harka keenyaa ba’uu hinqabu.

Rakkoo keenya ofumaan furachuu danda’uu qabna. Yoo rakkinichi humna keenyaa ol ta’e biyyoota ollaarraa dhufanii akka nugargaaranii araara buusaniif waamicha taasisuu kan qabu gumicha. Abbootiin amantii keenya bakka rakkoon nageenyaa uumametti qaamaan argamanii araaraa buusuun gamatti amantoota waliin ta’uun waa’ee nageenya biyyaaf Waaqa kadhachaa jiru.

Hojiilee gumichi nageenya mirkaneessuufi araara buusuuf raawwataa tureen biyyattiin akka Ruwaandaafi Sooriyaa baduurraa baraaramteetti. Walitti bu’iinsa Ruwaandaatti saba ‘Hutu’fi ‘Tutsi’ gidduutti mudatee tureen ji’oota sadii keessatti lubbuun lammiilee miliyoona tokkoo darbeera. Dhaabbileen amantii Itoophiyaa ummata biyyattii %99 ta’u barsiisa amantiitiin qabuudhaan ijaarsa nageenyaarratti hojii bal’aa hojjechaa jiru. Gumichis abbootii amantiifi amantoota waliin ta’uun walittibu’iinsa amantiifi saba dahoo godhachuun bakkeewwan gara garaatti uumaman ittisuuf hojjechaa jira.

Bariisaa: Hojii gumichi nageenyaafi araara buusuuf raawwachaa tureen bu’aan argame akkamitti ibsama?

Luba Taagaay: Gumichi walittibu’iinsa Shaashamanneetti mudatee ture araaraan furuuf yeroo torbaa ol bakkichatti deddeebi’uun araarriifi nageenyi akka bu’u taasiseera. Gumichi Koree Abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee of keessatti qabate hundeessuudhaan ammaan booda nageenya magaalattii akka eeganiif itti kennineerra. Magaalattiin walitti bu’iinsichaan booda mallattoo araaraafi nageenyaa taatee jirti.

Gumichi walitti bu’iinsa Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Silxeetti mudatee ture furuufis hojii gudddaa hojjeteera. Hojii gumichi irra deddeebiin araaraafi nageenya buusuuf raawwataa tureen yeroo ammaa namoonni qe’eesaaniirraa buqqa’anii turan gara qe’eesaaniitti deebi’aniiru. Manni amantii gubates deebi’ee ijaaramee araarri bu’eera. Gumichi hariiroo nagaafi jaalalaan waliin jireenya uummataa gabbisuufis hojii bal’aa hojjeteera.

Walittibu’iinsa Naannoo Amaaraa Magaalaa Gondariifi Mooxaatti mudatee tureenis masjiidonni gubataniiru. Gumichi bakkeewwan walittibu’iinsonni itti mudatanii turanitti deddeebi’uun ummata mariisisuudhaan nagaafi araarri akka bu’u taasiseera.

Gumichi walittibu’iinsota Godina Jimmaa, Bashaashaatti, Naannoo Kibbaa, Gurraa Fardaatti akkasumas Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti saba Masqaafi Maaraqoo gidduutti mudatee ture hawaasa mariisisuun nageenyiifi araarri akka bu’u taasiseera. Gumichi walittibu’iinsota amantii dahoo godhachuun uumaman karaa ittifufiinsa qabuun ittisuuf maanuwaalii ijaarsa nageenyaa qopheessuudhaan ummataaf leenjii kennaa jira.

Gumichi mootummaarraa deggersa bajataa utuu argatee dhimma nageenyaafi araaraarratti kana caalaa hojjechuun hanqinoota mootummaa hedduu guutuu danda’a. Kana jechuun mootummaan dhimma amantii, amantiin dhimma mootummaa keessa galuu jechuu miti. Bajata waraanaaf qabamu ijaarsa nageenyaaf oolchuun bu’aa guddaa qaba. Nageenyi daangaa waan hinqabneef hunduu dhimma ijaarsa nageenyaarratti qindoominaan hojjechuu qaba.

Bariisaa: Waraana Naannoo Tigraayitti adeemsifameen booda walitti dhufeenyi Gumii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaafi naannicha gidduu jiru maal fakkaata?

Luba Taagaay: Gumii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaafi Gumii Dhaabbilee Amantii Naannoo Tigraay gidduu hariiroon idilee jiraachuu baatus yeroo yeroon waliif bilbillee nagaa walgaafachaa jirra. Gumiiwwan lamaan gidduutti hariiroo dhaabbatummaa uumuuf qaamaan walarganii mari’achuun barbaachisaadha.

Hariiroon dhaabbata amantii Ortodoksii Itoophiyaafi naannoo Tigraay gidduu jiru bakka duraaniitti deebinaan hariiroon gumiiwwan lamaan gidduu jirus bakka duraaniitti nideebi’a.

Hariiroo dhaabbata amantii Ortodoksii federaalaafi naannoo Tigraay gidduutti laafee bakka duraatti deebisuuf dhaabbanni amantichaa rakkoo keessoosaa furachuu qaba. Dhaabbanni amantii Islaamaa naannoo Tigraayiifi federaalaa rakkoo keessoosaa furateera. Majiliisni amantii Islaamaa federaalaafi naannichaa dhiifama walii taasisani hariiroo addaan citee ture ittifufsiisaniiru. Dhaabbileen amantii federaalaafi naannichaa biroonis rakkoo keessoosaanii furatanii hariiroosaanii addaan citee ture ittifufsiisuu qabu.

Bariisaa: Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa jiru haala kamiin furamuu qaba jettu?

Luba Taagaay: Yaadama ‘Waraanni gaariifi nageenyi gadheen hinjiru’ jedhurraa ka’uun barbaada. Waraanaaf utuu hintaane nageenyaaf looguu qabna. Yaadonni, gaaffiiwwaniifi fedhiiwwan gara gara jiraachuu danda’u. Gaaffiiwwan waraanaan utuu hintaane mariidhaan deebi’uu qabu. Rakkoo waraanaan furuuf yaaluun gatii lubbuu kaffalchiisa. Kun rakkoo naannoo Oromiyaatti mul’achaa jiruudha.

Gaaffiilee Oromoon baroota dheeraaf kaasaa ture baay’een yeroo ammaa deebi’aniiru, kanneen hindeebines jiru. Gaaffiileen hindeebine akka deebi’aniif mootummaarratti dhiibbaa taasisuu malee waraanaan deebisuuf yaaluun sirrii miti. Gaaffiileen hafan battalatti deebii argachuu dhiisuu waan malaniif obsaan eeggachuun barbaachisaadha.

Naannoo Amaaraattis gaaffiilee sabni Amaaraa kaasu hundi deebii argataniiru jechuun hindanda’amu. Gaaffiin ummataa misoomaafi nageenya yoo ta’u, kan hoggantoota siyaasaa ammoo aangoofi faayidaa argachuudha. Gaaffii ummataafi gaaffii hoggantoota siyaasaa adda baafnee beekuu qabna.

Gaaffiin aangoo qabachuus taanaan karaa filannoofi olaantummaa yaadaatiin deebii argachuu qaba. Paartiin siyaasaa yaada mo’ataa qabu yaadasaa ummatatti gurgurachuudhaan ummata amansiisee sagalee argateen sagalee dhukaasaa tokko utuu hindhaga’amiin, lubbuun nama tokkoo utuu hindarbin aangoo qabachuu qaba.

Gaaffii misoomaa ummanni kaasu deebisuuf nageenyi jiraachuu qaba. Biyyattiin rakkoo nageenyaa keessa utuu jirtuu hojiileen misoomaa gaaffii ummataa deebisaniifi ittifayadamummaasaa mirkaneessan hedduun hojjetamaniiru; hojjetamaas jiru. Ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa yeroo waraanni kaabaa adeemsifamaa turellee addaan hincinne. Pirojektota jalqabsiisanii xumursiisuudhaan mootummaan kun galateeffamuu qaba.

Mootummaan gaaffiilee hindeebine akka deebisuuf dhiibbaa taasisuurraa kan hafe waraanaan deebii akka argatuuf yaaluun sirrii miti. Qaamni hidhatee Oromiyaa keessa socho’u ABO Shaneefi kan hidhatee naannoo Amaaraa keessa socho’u Faannoon qabsoo hidhannoorraa gara qabsoo karaa nagaan adeemsifamuutti akka deebi’aniif waamicha abbummaa taasifnaaf.

Walittibu’iinsiifi waraanni deggarsa uummataa hinqabu. Waraanni ummata buqqisuu, rakkisuufi gidirsuurraa kan hafe faayidaa tokkollee hinqabu. Kanaafuu hundumtuu nageenyaaf tumsuu qaba.

Bariisaa: Marii Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dhiyeenya kana abbootii amantiifi hordoftoota amantii gara garaa waliin taassisan akkamitti ilaaltu?

Luba Taagaay: Marii Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dhiyeenya kana qofa qofaatti dhaabbilee abbootii amantii afur waliin mari’achuun gaaffiilee abbootiin amantii kaasaniif deebii kennaniiru. Koreen tekinikii gaaffiilee sadarkaa naannootti deebi’uu qaban hordofus hundaa’eera. Korichi gaaffiilee dhaabbilee amantii adda baasee tarreessuun akka deebii argatan taassisuurratti xiyyeeffatee hojjeta.

Marichi mootummaan abbootii amantii waliin mari’achuun gaaffiilee dhaabbilee amantii akka deebisuuf carraa gaarii uuma. Marichi gaaffiilee dhaabbileen amantii kaasan yeroo gabaabaa keessatti deebii akka argatan waan taasisuuf waggaa waggaan adeemsifamuu qaba.

Qaamoleen amantii dahoo godhachuun walittibu’iinsa uumuun faayidaa dhuunfaa argachuuf socho’an waan jiraniif mootummaan yeroo yeroon dhaabbilee amantii sakatta’uu qaba. Qaamoleen uffata abbootii amantii uffatanii dhaabbilee amantii walitti buusuuf socho’anis gocha akkasiirra of deebisuu qabu. Amantii gegeeddarachuun mirga. Uffannaa dhaabbata amantii tokkoo uffatanii dhaabbata amantii biraa arrabsuun garuu mirga miti. Gochi dhaabbilee amantii arrabsuufi walittibuusu kamuu dhaabbachuu qaba.

Bariisaa: Gumiin Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa hariiroo dhaabbilee amantii biyyattii cimsuu keessatti gahee akkamii qaba?

Luba Taagaay: Gumichi dhaabbilee amantii torbaan hundaa’e. Abbootiin amantii dhaabbilee amantii kunneenii waliin mari’atanii waliin murteessu. Abbootiin amantii dhaabbilee amantii torbanii waliin hojjechuun hariiroo dhaabbilee amantii cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Gumichi yeroo gadibu’u dhaabbbilee amantii miseensa gumichaa hintaane waliinis hojjechaa jira. Dhaabbanni amantii tokko dhaabbata amantii biraa kabajuufi akkuma kan ofiisaatti ilaaluu qaba.

Gumichi nageenya ijaaruu, walitti bu’iinsota furuu, duudhaa jaalalaafi tokkummaan waliin jireenya ummataa gabbisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Gumichi walittibu’iinsota bakkeewwan gara garaatti mudatan hedduun karaa nagaan akka furaman taasisuun nageenya mirkaneessuufi araara buusuu keessatti gumaacha olaanas taasiseera; taasisaas jira.

Hariiroo dhaabbilee amantii gidduu jiru caalaatti cimsuuf duudhaa keenya ganamaatti deebi’uu qabna. Dur lafa kiristaanotaarratti masjiida ijaaruun, lafa musliimootaarratti ammoo bataskaana ijaaruun tureera. Dhaabbileen amantii Kiristaanaafi Islaamaa meeshaalee ijaarsaaf barbaachisaniinis waldeggaraa turan. Bakki itti Islaamonni bataskaana ijaaranii Kiristaanaaf kennan Kiristaanonnis masjiida ijaaranii Musliimotaaf kennan tureera. Duudhaan kun gidduutti waan laafee tureef deebifnee jabeessuu qabna.

Yeroo dhiyoo as hordoftoonni amantii Islaamaa Kiristaanota Ayyaana Cuuphaarratti Kiristaanota taabota gaggeessaniif bishaan dhiyeessuun akkasumas daandii qulqulleessuun duudhaa waloomaa laafee ture jabeessaa jiru. Barana akka fakkeenyaatti Finfinneetti dargaggoonni bataskaana Ortodoksii Raagu’eel masjiida Anuwaar qulqulleessaniiru.

Hordoftoonni amantii Islaamaas Halaabaa, Dirre Dhawaafi Jigjigaatti Ayyaana Cuuphaarratti bakka ayyaanichi itti kabajamuufi daandii taabotni irra darbu qulqulleessuudhaan ayyaanicha Kiristaanota waliin kabajaniiru.

Kiristaanonnis bakka ayyaanni ‘Iidii’ itti kabajamu deemuudhaan hanga masjiida qulqulleessuutti ayyaanicha hordoftoota amantii Islaamaa waliin kabajaniiru. Duudhaan walkabajuufi waldanda’uu dhaabbilee amantii qabatamaan lafarratti mul’achaa jiru kun gara fuulduraattis cimee ittifufuu qaba. Waan nurratti akka hinraawwatamne barbaadnu nama biraarratti raawwachuurraa of eeguu qaba.

Duudhaa keenya ganamaatti deebi’uuf hunda keenyarraa kan eegamu dhugaadhaan hojjechuudha. Abbootiin amantii siyaasarraa bilisa ta’anii waa’ee nagaa, jaalalaafi tokkummaa lallabuu qabu.

Hoggantoonni siyaasaa aangoorra jiranis haqaafi dhugaadhaan ummata tajaajiluu qabu. Biyyi keenya nagaa kan taatu aangoo irratti muudamnerratti haqaafi dhugaadhaan yoo hojjenne qofa. Siyaasaafi amantii waliin makuun sirrii miti.

Bariisaa: Walitti bu’iinsota amantiifi sabummaa dahoo godhachuun darbanii darbanii mul’atan haala kamiin furuu dandeenya?

Luba Taagaay: Gumichi nageenya biyyattii mirkaneessuufi walitti bu’iinsota mariin furuufi ittisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Walii walii keenya walitti buusuun akka Sooriyaafi Sudaan akka diigamnuufi badnuuf shirri adda addaa keessaafi alaan xaxamaa turaniiru.

Misir hidha Abbayyaa akka hinijaarreef irra deddeebiin nutti himaa waan turteef baandaa biyya keessaatti fayyadamuudhaan shirawwan gara garaa xaxaa turteetti. Shiroonni xaxamaa turan amantiifi sabummaa dahoo godhachuudhaan adeemsifamaa turan. Gumichi ummanni biyyattii amantiifi sabummaan akka adda hinbaane taasisuurratti hojii bal’aa hojjechaa tureen biyyattiin diigamuufi baduurraa baraaramteetti.

Mootummaanis rakkooleefi gaaffiileen siyaasaa kamuu karaa nagaafi mariitiin akka furamaniif marii biyyaalessaaf haala mijeessaa jira. Rakkoon alaabaan walqabatee mul’atus maricharratti furmaata argachuu danda’a.

Gumiin Dhaabbilee Amantii Itoophiyaas mariin biyyaalessaa adeemsifamuuf jiru akka milkaa’uuf gamasaan deggersa irraa eegamu taasisaa jira. Mootummaan akka mootummaatti olaantummaa seeraa kabachiisuu qaba.

Nutis olaantummaan seeraa akka kabajamuuf deggersa nurraa eegamu taasisuu qabna. Walittibu’iinsota darbanii darbanii mudatan keessaa ba’uufi nageenya biyyattii mirkaneessuuf hundi keenya qindoominaan hojjechuu qabna.

Bariisaa: Ayyaana Faasikaa bor kabajamu ilaalchisuun ergaa yoo qabaattan?

Luba Taagaay: Hordoftoonni amantii Kiristaanaa marti baga Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos geessan jechuun barbaada. Ayyaanicha tokkummaan waliin kabajuun akkasuma namoota harkaqal’eeyyii gargaaruun duudhaa walooma keenyaa qabatamaan mul’isuu qabna.

Ayyaana Gaarii!

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You