Qabeenyawwan aadaafi duudhaalee Saba Sidaamaa keessaa

Agarsiisni turizimiifi keessummeessaa (hospitaaliitii) biyyaalessaa Fulbaana 29 irraa kaasee ji’a tokkoof Finfinnee, Godambaa Saayinsiitti adeemsifamaa torbee darbe goolabameera.

Akka ragaan Ministeera Turizimiirraa argame mul’isutti, agarsiisicharratti naannoleefi bulchiinsonni magaalaa Itoophiyaa hundi hambaalee, aadaa buleessa, haala teessuma lafaa miidhagaa, duudhaalee aadaafi qabeenya uumamaa hawwata turistii ta’an qabatanii dhiyaachuun namoota kuma 154fi 799 qaamaan, miliyoona sagalii ol ammoo karaa miidiyaalee idileefi hawaasummaa daaw’achiifataniiru.

Nutis bakkichatti argamnee naannolee tokko tokko keessumaa kanneen dhiyeenya hundaa’an carraa kanatti fayyadamuun maal qabatanii akka dhufanirratti xiyyeeffachuun maxxansa kanaan waan daaw’achiistuun Naannoo Sidaamaa, Qiddisti Ambaayee (Biiroo Aadaafi Turizimii Naannichaarraa) haala nama hawwatuun nutti himte isin dubbisiisna.

Dursee, ‘daa’ee bushu’, Sidaamiffaan ana haa dhufu jechuudha. Aadaan sabni Sidaamaa ittiin nagaa walgaafatuufi jaalala waliifi saboota kaaniif qaban ibsaniiniidha.

Sidaamaa/Hawaasaa

Sidaamaan naannoo qabeenyawwan uumamaa, seenaafi aadaa akkasumas iddoowwan hawwata turistii baay’ee qabaachuudhaan beekama. Magaalaa guddoon naannichaa, Hawaasaan Fifninneerraa kiiloo meetira 175 fagaattee argamti.

Imala Finfinneerraa gara Hawaasaatti taasifamuuf xiyyaara daqiiqaa 35 qofa balali’ee achiin nama gahu, akkasumas konkolaataadhaan hanga sa’aatii 3:30 qofa fudhatu fayyadamuun ni danda’ama.

Magaalattiin hoteelota adiladdunyaa sadarkaasaanii eeggataniifi rezoortiiwwaniin kan badhaateedha. Nama haroo Hawaasaarratti bashannanuu barbaaduuf ammoo tajaajilli bidiruu (boot trip) qopiidha. Keessumaa kun kan qalbii turistoota biyya keessaafi alaa bal’inaan hawwatuudha. Bakka Amooraa Gadal jedhamee beekamuttis gabaa qurxummii guddaatu argama. Qarqara Haroo Hawaasaatti qurxummii dheedhiin ni nyaatama. Kunis dhimma qalbii turistootaa daran hawwatuudha. Baay’onnis itti bashannanu. Waaddiin qurxummiis jira.

Wandoo

Oggaa Hawaasaadhaa baanus iddoowwan miidhaginaafi hawwattummaasaaniitiin laphee namaa booji’an baay’eetu jiru. Kanneenis bashannanaaf kan oolaniidha. Kolleejiin Bosonaa Wandoo umrii dheeraa qabus naannichatti argama. Kolleejicha keessa mukeen gara garaa, simbirroonni mimmiidhagoonis ni argamu. Masaraan Mootii Hayilasillaaseefi meeshaaleen isaan ittifayyadamaa turanis ni argamu. Riizoortiin achis jira. Muduraawwan adda addaas bal’inaan jiru.

Yirgaalamiifi naannawashii

Bakka kanatti loojiin Araggaash ni argama. Manneen loojichatti argaman hundi sheekkaa ykn shimalaan ijaaraman. Naannawichi daran magariisaafi bosonaawaadha. Naannawichatti omisha uumamaa (organic) ta’etu keessummootaaf dhiyaata. Bunni manduubeedhaa funaanameetu kan danfifamu. Bunni ibidda ho’ifachaa alatti waan danfifamuuf keessummoota bashannansiisuu keessatti iddoo guddaa qaba. Yeroo sanatti waraabessoonni bosona keessaa yaa’u. Bishaan ho’aanis jira.

Aanaa Abboo Wonshoo

Bakka kana ammoo sirna Sidaamaa ‘affinii’ jedhamutu jira. Affiniin bakka sirni jaarsummaa aadaa itti raawwatamuudha. Abbootiin Sidaamaa afarsaataa taa’anii sirna jaarsummaa kana raawwatu. Sirni kun har’umayyuu jira. Dhaddacha Dilbata Dilbata taa’amus qaba.

Kan haqa dhabeefi dheebote achi dhaqee dhimmasaa jaarsummaa aadaatiin ilaalchifata. Haqasaa akka argatus taasifama. Abbootii sirna kana raawwataniif waanti kaffalamu hinjiru. Toluma tajaajilu. Sidaamaan dhugaatti amana. Dhugaan ammoo Waaqa. Abbootiin durii Waaqaaf jecha murtii haqaqabeessa kennu.

Abbootiin oggaa sirna kana raawwatan waanti naqaashiin ykn ragaan haa dhiyaatu jedhamu hinjiru. Bakkichi iddoo daran kabajameedha. Inni miidhame dhiyaatee maaltu akka irra gahe abbootiitti himata. Bakka kanatti waan raawwatan haaluun hindanda’amu. Sammuutu murtii kenna.

Naqaashiin hinwaamamu. Bakka kana dhugaatu jira. Daba ykn hammeenya raawwatee yoo haale ykn gane abaarsa natti ta’a, sanyii kootu dhuma, anis nan bada jedhee waan yaaduuf namni haaluu hindanda’u.

Erga murtiin kennamee booda tarii kan wallolan hiriyoota ta’uu danda’u, maallaqa ykn waan fudhate sana deebisee qofa miti kan dhiifamu. Jireenyasaa duraatti akka deebi’u taasifama. Yoo hiriyoota ta’an deebi’ee akka ittifufu taasisanii araarsuuni kan gaggeessan.

Paarkii Biyyaalessaa Lookaa Abbayyaa

Naannichatti Paarkiin Biyyaalessaa Lookaa Abbayyaa jedhamus jira. paarkicha keessatti simbirroonni adda addaa ni argamu. Haalli ijaarsa mana godoo adda ta’es jira. Manneen godoo kan hojjetaman shimala qofarraayyi. Qinaaxxiinsaas shimalumarraa hojjetama. Manneen kunniin daran miidhagoofi hawwatoodha. Naannichi bonas gannas magariisa.

Sidaamaan omisha bunaatiinis kan beekameedha. Fiichee Cambalaalaan (jijjiirraan bara haaraa) Yuneskootti galmaa’es naannichatti argama. Ayyaanichi taphoota adda addaatiin waa’elchamee kan kabajamuudha. Taphichi Qeexaalaa jedhama. Ayyaanichi hurufa Guduumaalee jedhamutti sirna ho’aadhaan kabajama.

Dura bu’aan biyyaa, keessummaa guddaafi kabajamaan gara Naannoo Sidaamaa dhufe tapha Qeexaalaatiin simatama. Nyaanni aadaa jaalatamaafi ajaa’ibaa bursaamee jedhamuufi warqeerraa dhadhaadhaan sukkuumamee qophaa’us jira. Nyaatiwwan biroon warqeefi midhaanota akaakuuwwan adda addaarraa hojjetamanis jiru. Aannan qodaa elemtuu jedhamuun dhiyaatus jira.

Faayiwwan dubartoonni Sidaamaa ittiin of miidhagsan gara garaas jiru. Kanneen keessaas bitawoon, gumeen, faayi mormatti keewwatamu muraasa. Faachi oggaa dirree waraanaa deemamee gootummaan deebi’amu kennamus jira.

Akka barsiifata duriitti kennaan nama adamoo dhaqee mirgaan galu kennamus jira. Goonni qeerransaafi leencafaa ajjeeses waan ittiin faayamu qaba. Gaachanni gogaa roobiirraa hojjetames meeshaalee aadaa sabichaa keessatti eeramu.

Akka waliigalaatti, agarsiisichaan sirriitti of beeksisneerra, kan warra kaaniis barreerra kan jettu Qiddisti, agarsiisichi keessumaa naannolee dhiyeenya hundaa’aniif carraa gaarii ta’uu eerteetti.

“Sidaamaan naannoo haaraa waan ta’eef carraan akkanaa uumamuun caalaatti akka of beeksisnuuf nu fayyadeera. Oggaa of beeksisnu namoonni tokko tokko Sidaamaa keessa waanti akkanaa jiraa, naannichatti waanti akkanaa ni raawwatamaa jedhu. Namoonni Fiichee Cambalaalaan maal akka ta’e hinbeeknes, nyaanni aadaa Sidaamaa kanaa jedhan nu mudataniiru.

“Dhugaa dubbachuuf turtii ji’a tokkootiin sirriitti of beeksisneerra. Kanas duubdeebii nuu kennamerraa, fedhii daaw’attoonni oggaan waa’ee naannichaarratti ibsa kennu agarsiisaniifi kkf irraa hubadheera.

“Naannoleefi qaamolee kaan agarsiisicharratti hirmaatan wajjin sirriitti walbarreerra, walittihidhamiinsa uummanneerra, hambaaleefi duudhaaleen naannolee kaan ibsan maal akka fakkaatan ilaaleera. Kanarraa ka’ees qabeenyi aadaa kun kan ebeluuti, kun ammoo kan isa kanaati akkan jedhu na taasiseera.

“Kana malees gareen naannoo tokkoo kan isa kaanii naannofnee daaw’anneerra; bilbilas waljijjiirreerra. Qabeenya aadaa qaban, mi’oota aadaa ittifayyadaman, sirriitti beekneerra. Hariiroon keenya kan yeroo hundaa ta’uu qaba jennee teessoo waljijjiirreerra. Garee telegiraamiis uummanneerra. Walumaagalatti yeroo gaarii dabarsine.

“Qophiin akkanaa wayitiisaa eeggatee ittifufiinsaan otoo adeemsifamee gaariidha. Namni Hawaasaa ilaaluu hindandeenyellee fakkiiwwan viidiyoo qopheessine ilaaluufi ibsa kenninuun xiqqaatus waa’ee Sidaamaa beeksisuu dandeenya.

“Waanti qabannee dhufne hanga tokko nu ibsu. Otoo sirratee kaniin jedhu oggaa agarsiisonni akkanaa qophaa’an namni dhufee akka daaw’atuudha. Oggaa ji’a tokko as turretti guyyaa tokkollee miirri dadhabbii nutti dhaga’amee hinbeeku. Ganama sa’aatii 2:00tti nama lama taanee dhufnee galgala sa’aatii 12:00tti baana. Simannaan namaas gaarii waan ta’eef duubdeebii waan argannuuf dadhabbiin nutti hindhaga’amne. Kana boodas waggaa eegee otoo hintaane yeroo sanaa gadiitti waltajjiin akkanaa itti of beeksisnuufi gurgurru dhaabbiidhaan jiraachuu qaba.

“Agarsiisa kaka’umsa Ministira Muummeefi Ministeera Turizimiitiin qophaa’e kanaan akkuma irranatti ibsuuf yaale sirriitti of beeksisneerra. Aanaaleefi godinaaleen darbees naannoleen waltajjii akkanaa otoo nuu qopheessanii jennee dudubbachaa jirra” jetteetti.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Qabeenyawwan aadaafi duudhaalee Saba Sidaamaa keessaa”

  1. Pingback: สล็oต PG
  2. Pingback: 789BET

Comments are closed.