Guyyoonni jahan baatii Qaam’ee bara 2015 haala adda ta’eeni kabajamee kan darbe. Guyyoota kanneeniif moggaasawwan adda addaa kennamuun ergaawwan ciccimoo akka haphee namatti qabachuu malaniin waa’elchamanii kabajamaniiru.
Haaluma kanaan, Qaam’een 1 guyyaa Tajaajilaa, 2 Wareegamaa, 3 Tola Ooltummaa, 4 Omishtummaa, 5 Dhalootaa fi Qaam’een 6 Guyyaa Tokkummaa jedhamaniiti kan kabajaman.
Itoophiyaa tajaajiluu
Biyyaafi ummata tajaajiluun carraafi ittigaafatamummaa guddaa bara jireenyaati. Namni hundi hanga dhalatee dachee kanarra jiraatutti biyyaafi hawaasasaa tajaajiluuf ittigaafatamummaa namoomaa qaba.
Garuu hunduu tajaajiluuf carraa walqixa argachuu dhiisuu mala. Kanneen tajaajilaaf carrooman muraasota Waan ta’eef tajaajilummaan ayyaanta’uudha. Tajaajilummaan ayyaanta’uu akka ta’e hubannee bakka irratti bobbaanetti ummataafi biyya sirnaan tajaajiluudhaan jireenya hiika qabu jiraachuun gamatti qaama seenaa biyya tokkoo ta’uuf murteessuun hunda keenyarraa eegama. Guyyichi mataduree Itoophiyaa haa tajaajillu jedhuuni kan kabajame.
Biyya wareegamummaan cichitu, Itoophiyaa
Itoophiyaan mana wajjummaa keenya dhaloonni dhufaa darbaan aarsaa boonsaadhaan cimseedha. Mana wajjummaa keenya tana har’a fudhachuu kan dandeenyeef wareegama gootonni biyya keenyaa kanfalaniini.
Aarsaan baroota adda addaatti walabummaafi kabaja biyya keenya Itoophiyaaf kanfalame muuxannoo ijaarsa mootummaa akka gabbifattu ishee gargaareera. Tokkummaa sabdaneessummaanshii akka cimuufis bu’uura buuseera.
Aarsaawwan tokkummaa Itoophiyaatiif, ijaarsa sirna dimokraasiifi federaalizimii dhugaadhaaf kanfalamanis har’a firiiwwan daran baay’ee godhataniiru.
Ammaan tanas nageenya Itoophiyaa mirkaneessuuf, tokkummaa biyyaa ittifufsiisuuf akkasumas badhaadhinaa hundagaleessa dhugoomsuuf aarsaan kanfalamaa jira. keessumaa, gaachana ummataafi biyyaa kan ta’e Raayyaan Ittisa Biyyaa keenya dahannoo wareegamummaadhaan tokkummaa biyyaa cimsaa jira. Poolisiin Federaalaa, humnoonni nageenyaaf tikaas guutummaatti Itoophiyaa cimsuuf guyyaa guyyaadhaa aarsaa kanfalaa jiru.
Biyyaafi ummata gara badhaadhina olaanaatti ceessisuufi faayidaa biyyaalessaa kabachiisanii tursiisuun kan danda’amu aarsaa biyyaaf kanfalamuuni. Aarsaa kanaaf beekamtii kennuu barbaachisa.
Gaarummaan biyyaaf
Tola ooltummaan kennaa boqonnaa sammuu irraa argannu, gammachuu itti uumnu, biyyi ittiin misoomtu, kan qaama keenyaan badhaafamneedha. Gaarummaan waan qabeenya irraa hafaa qabnuuf kan raawwannu otoo hintaane humna kuufamaa namni kamuu gonfateedha.
Oggaa kennaa kana gara gochaatti jijjiirru jireenya namoota kaanii kan jijjiiru, imimmaan namoota rakkina keessa jiranii kan qoorsuudha. Kun ammoo madda gammachuuti.
Tola ooltummaan Itoophiyaanotaaf riqicha wajjummaa, funyoo ykn wadaroo walitti hidhamiinsaa ta’ee duudhaa guddaa kaleessaa hanga har’aatti haalota gidirsoo danuu ceessiseedha. Tola ooltummaa kanaan manneen diigaman hedduun haareffamaniiru. Kanneen kan isaan yaadatu hinqabne mana argataniiru, imimmaan baay’otaas haqameera.
Bitattummaarraa gara omishtummaatti
Itoophiyaan biyya ijoollee omishtoota qaxaleeti. Itoophiyaan omishtootaafi kaffaltoota gibiraa galateeffamoo biyya ceessisuuf hojjetan horachuu eegalteetti.
Biyyi keenya waggoota shanan darbanitti qormaatawwan danuu keessa dabartus qonnaafi horsiisee butoota ciccimoo waan qabduuf omishni midhaaniifi loonii daran guddateera.
Itoophiyaa, biyya ida’ama dhalootawwanii
Dhalataan har’aa dhaalaa kaleessaati. Egere ammoo ashaaraa har’aatiin ijaarama. Waanti gaariifi yaraan kaleessaa akkuma isa har’aatiif waa kaa’e, hojiin har’aas carraa egeree sirriitti murteessa. Kun dhugaa hinjijjiiramneedha.
Akkuma waantonni gaariin kaleessaa har’aaf duudhaa ta’anii tajaajilan taateewwan gadheen kaleessaas madda walitti bu’iinsaafi yaadamawwan boodatti hafoo dhaloota har’aa ta’anii akka ittihinfufneef xiyyeeffannaan hojjechuu barbaachisa.
Wajjummaa
Waa’ee wajjummaa irradeddeebiidhaan dubbachuu kan barbaachiseef waan ittifufuu keenyaaf wabii nuu ta’uufi. Oggaa wajjummaa Itoophiyummaa jennu gamtaa uumanii biyya keenya yaaddoo kamirraayyuu eeguufi kan badhaate gochuudhaan gama hundaan fayyadamummaa haqaqabeessa mirkaneessuufi yeroo qormaataas wajjummaan dhaabachuudhaan faayidaa biyyaalessaa keenya mirkaneessuudha jedha ibsi Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa RFDI guyyoota kanneen ilaalchisuun kennaa ture.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
7 Comments to “ Ergaawwan guyyoota Qaam’ee nu wajjin fulla’uu qaban”
Comments are closed.