Qaala’inniifi hanqinni omishaa akka hinmudanneef…

Qaala’insa gatiif wantootni sababa ta’an hedduun jiraatanis hanga barbaadamuu ol maalaqni dinagdee biyyaa keessa kan nanaanna’u yoo ta’e qaala’insi jireenyaa haalaan hammeessa jedhanii; qarshii gabaatti gadi lakkifamuu hir’isuun qaala’insa jireenyaa mul’achaa jiru xiqqeessuuf tarkaanfiin garagaraa fudhatamaa jiru.

Akka hayyoonni dinagdee jedhanitti, Itoophiyaatti imaammatni maallaqaa kanaan dura ture qaawwa bal’aa qabaachuun qaala’insa gatiif sababa tokko. Biyyattiitti walitti bu’insi iddoowwan garagaraatti uumamu, hanqinni galteewwan qonnaafi seektara indastiriiwwanii mudachaa jiru, alseerummaan adeemsa daldalaa keessatti mul’atuufi malaammaltummaan qaala’insa gatiif sababoota ijoodha. Garaagarummaan galii namoota dhuunfaa gidduu jirus wantoota biyyattii keessatti qaala’insi gatii akka dabalu taasisan keessaa isa biraadha.

Rakkoo qaala’insa jireenyaa hundeerraa furuuf omishaafi omishtummaa dabaluun, daldaltoota seeraan ala omisharratti gatii dabalanirratti tarkaanfii fudhachuun, hojiilee manifakcharingii cimsuuf bajata guddaa ramaduun mootummaan xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabuudha hayyoonni kan eeran.

Kun otoo kanaan jiruuti egaa ayyaanota adda addaa kabajuuf kan jirru. Ayyaanonni akka jijjiirraa bara haaraafi Masqalaa, yeroo manneen barnootaa ittibanaman ta’uun walqabatee ummatoonni biyya keenyaa qaala’ina gatiifi jireenyaaf daran saaxilamu.

Qaala’ina gatii jijjiirraa bara haaraatiin mudachuu malu hanga tokkos ta’u hir’isuuf mootummaan erga tarkaanfiilee adda addaa fudhachuu eegalee bubbuleera. Keessumaa gama kanaan hanga tokko fuulduratti tarkaanfachuun hawaasa magaalaa aaragalfachiisuufi gabaa tasgabbeessuuf tattaafachaa kan jiran Oromiyaafi Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee addadurummaan eeramu.

Biiroon Daldalaa Oromiyaa ibsa tibbana kenneen, fuuldura keenya ayyaanonni gurguddoo jiraachuusaanitiin walqabatee hanqina dhiyeessii omishaalee garagaraa mudachuu malu furuuf gamanumaa karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eereera.

Biirichi ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hanqinni dhiyeessii akka hinuumamne qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuudha hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Tasfaayee Gashoo kan dubbatan.

Haala dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa, midhaan, kuduraafi muduraa, bu’aawwan indastirii, beelladaafi bu’aawwan beelladaa dhiyeessuun danda’amurratti karoorri waloo qophaa’ee hojiitti galamaa jiraachuunis eerameera. Kunis sektaroota qooda fudhatan waliin qindoominaan kan raawwatamu ta’a akka ibsasaaniitti.

Ayyaanota kanneeniif godinaaleefi magaalota Oromiyaa hundatti midhaan akaakuuwwan garagaraa, meeshaalee bu’uuraa zayitiifi sukkaara, kuduraafi muduraa, bu’aawwan indastirii, beelladaafi bu’aawwan beelladaa dhiyeessuuf sosochiin kan eegalame ta’uus dubbataniiru.

Bu’uuruma kanaan garbuu kuntaala kuma 15fi 156, qamadii kuntaala kuma 15fi 89, boqqolloo kuntaala kuma 41fi 288, xaafii kuntaala kuma 29fi 856 waliigalaan midhaan kuntaala kuma 101fi 389 dhiyeessuun walitti hidhaminsa gabaa uumuuf karoorfameera. Akkasumas, kuduraafi muduraa toonii kuma 380fi 962 dhiyeessuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf hojjetamaa jira.

Dhiyeessii meeshaalee bu’uuraan walqabatee ayyaana bara haaraa sababeeffachuun zayitii nyaataa liitira miliyoona sagal, kuma 389fi 896 akkkasumas sukkaara kuntaala kuma 26fi 139 mootummaadhaan dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Dabalataanis zayitii nyaataa liitira miliyoona tokko, kuma 558fi 834 akkasumas daakuu qamadii kuntaala kuma 28fi 987 irratti walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf hojjetamaa jiraachuudha Obbo Tasfaayeen kan eeran. Horii gaanfaa kuma 119fi 912, hoolota kuma 85fi 88, re’oota kuma 124fi 99, walumaagalatti kuma 329fi99 irratti magaalotaafi godinaalee Oromiyaa hunda keessatti walitti hidhaminsa gabaa uumuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Daakuu qamadii walitti hidhaminsi gabaa ayyaana bara haaraa sababeeffachuun uumamu kunis hanqinni dhiyeessii akka hin uumamneefi gabaan ayyaanaa akka tasgabbaa’uuf shoora olaanaa qabu. Yuuniyenonni, waldaalee hojii gamtaafi daldaltoonni dhuunfaa karoora qabame milkeessuuf ittigaafatamummaaasaanii sirnaan bahachuu qabu.

Hawaasni ammoo burjaajii, gowwoomsa qarshii forjiidiitiin walqabatee yeroo ayyaana kanatti uumamurraa of eegaa shaqaxoota ykn bu’aalee qonnaa iddoowwan gabaa, baazaariiwwaniifi gabaawwan Dilbataatii gatii madaalawaan bitachuu qabaan dhaamsa keenya.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015

Recommended For You