Wabii Kabbadaa Barkeessaa: Barreessaafi taatoo ijoo tiyaatira ‘Ganamee’

Dargaggoo Wabii Kabbadaa Barkeessaa Godina Wallagga Bahaa, Aannaa Diggaa, Magaalaa Arjoo Guddattuutti dhalatee guddate. Barootasaa sadarkaa tokkoffaa bakkuma dhalootasaatti, sadarkaa lammaffaafi qophaa’inaa akkasumas Kollejii ammoo Magaalaa Naqamteetti barate.

Inistiitiyuutii Aartii Oromiyaatti carraa barnootaa argatee tiyaatiraafi fiilmii barateera. Yeroo ammaa barsiisaafi taatoo ijoo tiyaatiraa ta’ee hojiilee guguddoo hojjechaa jira. Dargaggoon kun yeroo ammaa tiyaatira matadureensaa ‘Ganamee’ jedhu kan seenaa dhugaarratti xiyyeeffate barreessee, qajeelchee akkasumas taatota keessaa tokko ta’uun irratti hirmaatee eebbaaf qaqqabsiiseera.

Kana malees Seenaa Oromoorratti qorannoo adeemsisuudhaan kitaaba asoosamaa matadureensaa ‘Irbooricha’ jedhu barreesseera. Gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa dhimma Aartii Oromoorratti dargaggoo kana waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Hojiilee gama ogbarruutiin hanga ammaatti gumaachiteefi karoora kee egeree otoo nuu eertee?

Dargaggoo Wabii: Gama ogbarruutiin kitaaba asoosamaa matadureensaa ‘Irbooricha’ jedhu kan seenaa Oromoo jaarraa 16ffaarratti xiyyeefatu tokko barreesseera. Kitaabni kun bara 2014 Bishooftuutti eebbifamee harka hawaasaa gahe. Kitaabichi dubbistootaafi ogeessota ogbarruutiin jaalatamummaa guddaa argateera. Kitaabaa asoosamaa filatamaa jedhamuunis barana 2015 ‘Oda Award’n badhaafameera.

Namni ogbarruu yeroo hundaa ni barreessa, ni dubbisa, beekumsa uumamaan keessoosaa jiru guddifachuufis ni dhama’a. Kitaaba tokko qopheessuun yoo xiqqaate waggoota shanii ol waan namatti fudhatuuf baay’ee dubbisuufi of qopheessuu qaba.

Haaluma kanaan yeroo ammaa hojiiwwan hawaasa bira ga’uuf qophaa’an laman qaba. Isaanis Tiyaatira matadureensaa ‘Ganamee’ jedhamuufi fiilmii guddaa sadarkaasaa eeggate tokko.

Bariisaa: Tiyaatirriifi fiilmiin barreessiteefi irratti hirmaatte hagami?

Dargaggoo Wabii: Jalqaba taatummaadhaanin hojii tiyaatiraa jalqabe. Hojiin tiyaatiraa ulfaataa ta’uu ergan hojichatti seeneen hubadhe. Ergan ogummichatti seenee waggaa ja’a ta’eera. Tiyaatira matadureensaa ‘Dungoo Bilisummaa’ jedhu kan Fiqaaduu Daadhii barreesserratti taatoowwan ijoo ja’a keessaa Firoomsaa bakka bu’ee taphadheera.

Tiyaatirichi bu’aa ba’ii dargaggeessi Oromoo sirna kana dura ture dura dhaabbatee haqasaa falmachuun aarsaa kaffaleen dungoo nuu ibserratti kan xiyyeeffatu; tiyaatira seenaa dhugaarratti hundaa’eedha. Fiilmiiwwan gaggabaaboo barreessee dariktarummaafi taatummaan irratti hirmaadheera. Tiyaatira matadureensaa ‘Cancalli cite’ jedhamurrattis hirmaadheera.

Tiyaatira guddaa matadureensaa ‘Miila Bakar’ kan seenaa dhugaarratti hundaa’e barreessee akka taatoo ijoottis irratti hirmaadheera. Tiyaatira matadureensaa ‘Ganamee’ jedhamu kan Hagayya 14, bara 2015 waaree booda sa’aatii 7:00tti Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti eebbifamu barreessee, Daariktara gargaaraafi taatoo ijoo ta’ee irrattin hirmaadha.

Bariisaa: Tiyaatira ‘Ganamee’ qopheessuun yeroo hangamii sitti fudhate? Taatota meeqa hirmaachisa? Qabiyyeen tiyaatirichaa hoo maalirratti xiyyeeffata?

Dargaggoo Wabii: ‘Ganameen’ taatota fiilmii, tiyaatiraafi diraamaarratti muuxannoo waggaa dheeraa qaban 52n erga shaakalamuu jalqabee waggaa tokko caaleera. Tiyaatirichi seenaa dhugaa intala Oromoo Maccaa ‘Ganamee’ jedhamtu tan waggoota 185 dura Maccaa keessaa Awurooppaatti gurguramterratti xiyyeeffata.

Intalli tun Ganamee Yaa’ii Shaaseedaa Odaa jedhamti. Tiyaatirichi bu’aa ba’ii warrishee bara sana baasii itti murame baasuu dadhabanii intallisaanii gurguramterratti xiyyeeffata. Ganameen butamtee harka warra garba gurguruutii buutee Gondar, achii ammoo gara Misir geeffamte.

Erga Misiritti maqaanshee Faaxumaatti jijjiirame. Faransaayitti ammoo maqaanshii ‘Pool Faatimaa’ jedhamte. Tiyaatirichis seenaa intala kanaarratti xiyyeeffata.

Tiyaatiricharratti aarsaa ilmi mootii tokko jaalalaaf kaffaluufi garaagarummaa bara sana Sirna Gadaa Oromoo keessatti uumamuu jalqabeen sirnichi laafee sirni mootii ijaaramuu jalqabuun Maccatti Sirna Gadaarratti kufaatii guddaa fideera. Akkuma sirni Gadaa laafee sirni mootii iddoo qabachaa dhufeen Macca keessa warra gara Ilmaan Daadhii, gara warra Noolee, Jimmaa, Iluufi Leeqaatti sirnichi guutummaatti diigamaa dhufe. Bu’aa ba’iin yeroo sana warra sirna Gadaa ijaaruufi diiguu fedhan gidduu ture tiyaatiricharratti ni agarsiifama.

Tiyaatirichi falaasamni Oromoo maal akka fakkaatu, yeroo rakkatuufi waa dhabu akkamitti akka yeedaleefi ilaalcha sirnoota Gadaafi Mootii gidduu ture ifatti kan mul’isuudha. Tiyaatira sadarkaa tiyaatirri Oromoo irra gahe agarsiisu kana magaalota guguddaa Oromiyaatti ni agarsiifna.

Bariisaa: Aartiin Oromoo yeroo ammaa sadarkaa akkamiirratti argama?

Dargaggoo Wabii: Bara 1960moota keessa Maammoo Mazammir tiyaatira matadureensaa ‘Barumsa’ jedhu, Doktar Hayilee Fidaa ammoo tiyaatira ‘Bara Birraan Bari’e’ jedhu barreessaniiru. Qabiyyeen tiyaatiroota lamaanii seenaafi dhugaa hawaasa Oromoo keessa jiranirratti xiyyeeffatu. Tiyaatirri ‘Dungoo Bilisummaa’ jedhamus dhugaa hawaasa Oromoo keessa jirurratti kan xiyyeeffatu ture.

Tiyaatirri ‘Miila Bakar’ jedhamus seenaa dhugaafi bu’aa ba’ii gootonni Waraana Calanqoorratti diinaan kokkee walqabuun dabarsanirratti kan xiyyeeffatu ture. Tiyaatirri kun seeneffama dharaa ifatti baasuudhaan seenaafi falaasamni hawaasi Oromoo waggoota 135 dura qabu maal akka fakkaaturratti ibsuurratti kan xiyyyeeffateedha.

Tiyaatirri baattuu seenaafi duudhaa sabaaati. Tiyaatiroonni kunniin ilaalchi Oromoon Uumaafi uumamaaf qabu maal akka fakkaatuufi seenaafi duudhaan Oromoo kaleessa dabarseefi amma maal keessa akka jiru mul’isu.

Boodarra Dhaabaa Wayyeessaa Tiyaatira ‘Dukkanaan Duuba’ jedhamu barreesseera. Obbo Dimaa Asaffaa, Mootummaa Asaffaa, Hinseenee Makuriyaafa’is tiyaatiroota Afaan Oromootti hiikuufi ofii barreessuun guddina tiyaatira Oromoo keessatti gumaacha guddaa taasisaniiru. Tiyaatirri ‘Ganamee’ jedhu tiyaatirri Oromoo sadarkaa akkamiirra akka gahe ifatti kan agarsiisuudha.

Bariisaa: Fiilmiin kanaan dura irratti hirmaattee hojjette yoo jiraate?

Dargaggoo Wabii: Fiilmii yeroo dhiyootti eebbifamu tokkorratti hirmaachaan jira. Diraamaa matadureensaa ‘Simboo’ jedhamuufi dhiyeenyatti televizyiniidhaan tamsa’uuf jedhurrattis hirmaachaan jira. Daarektara fiilmiiwwan adda addaa ta’ees hojjechaa jira.

Bariisaa: Garaagarummaan tiyaatiraafi fiilmii gidduu jiru maali?

Dargaggoo Wabii: Tiyaatiraafi fiilmii gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Fiilmiirratti hawaasni waan kaameeraadhaan waraabame daawwata. Fakkeenyaaf namni tokko fiilmii tokkorratti iyyaa jira yoo ta’e, yeroo namichi iyyu sana kaameeraan afaansaa ykn imimmaan ijasaa keessaa ba’u ykn ammoo nama namichi itti iyyaa jiru waraabe taanaan kan daawwannu kan kaameeraadhaan waraabameedha.

Kana jechuun fiilmiirratti miirota dhugaa utuu hintaane, miirota kaameeraan nutti agarsiise daawwanna. Taatummaarrattillee fiilmiirratti kaameeraadhaaf hojjetta. Kana jechuun yeroo kaameraan si dhaabsisu dhaabbachaa, yeroo si hojjechiisu hojjetta jechuudha.

Taatonni tiyaatiraa yeroo hunda kallattiidhaan hojiisaanii waltajjiirratti waan dhiyeessaniif fiilmiifi diraamaarraa adda. Tiyaatirarratti dhugaafi seenaan hawaasichaa yoomiifi eessatti akka ta’e guutummaatti waltajjiirraa argita. Fiilmiinis yoomessota qabaatus miira taatichaa guutummaatti argachuu dhiisuu dandeessa. Fiilmiirratti bakka kaameraan waraabe qofatu ija seena.

Taatonni tiyaatiraa qaama guutuudhaan waltajjiirratti argama. Utuu ergaa addaan hinkutin kallattiidhaan ergaa hawaasaaf dabarsa waan ta’eefis fiilmiifi diraamaarra adda.

Bariisaa: Rakkooleen aartii Oromoorratti mul’ataniifi furmaata barbaadan yoo jiraatan?

Dargaggoo Wabii: Akka waliigalaatti aartiin Oromoo sadarkaa abdachiisaarra jira. Waggoota shanii as artii Oromoorratti waan guddaa argaa jirra. Sirboonni Oromoo sadarkaa Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaarra darbanii sadarkaa Afrikaatti badhaasaaf kaadhimamanii injifataa jiru. Sirba Guutuu Abarraa ‘Deemi’ jedhu sadarkaa Afrikaatti

badhaafame akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya.

Aartiin Oromoo ogeessota muuxannoo artii qaban qofaan utuu hintaane ogeessota ogummaa artii barataniifi qabaniin deggeramee hojjetamaa jira. Aartiin Oromoo yeroo ammaa daarektaroota tiyaatiraafi fiilmii yunivarsitoota adda addaarraa eebbifamaniifi taatotaafi wellistoota ciccimoodhaan hojjetamaa waan jiruuf sadarkaa gaariirratti argama. Yoon kana jedhu aartiin Oromoo rakkoo hinqabu jechuu miti.

Aartiin Oromoo keessumaa gama tiyaatiraafi fiilmiitiin hanqina guddaa qaba. Tiyaatirriifi aartiin hojii namootni heddu irratti hirmaatan waan ta’eef maallaqaa guddaa gaafatu. Oggaa tiyaatirri dhiyaatu taatota keessaa tokko yoo hafe rakkoo guddaa uuma.

Yoo hudhaalee aartii sakaalan furaa deemne fiilmiifi tiyaatirri keenya yeroo dhiyootti sadarkaa ummaticha madaalurra gaha jedheen yaada.

Bakka shaakalaa dhabuun, namoota fedhii aartii qaban jajjabeessuu dhabuun, hanqinoota artii guutuu dhabuun, leenjistoota artii mindeessuu dhabuun hanqinoota artii Oromoorratti mul’ataniidha. Aartii Oromoo guddisuuf rakkoolee damicha mudatan furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Hoggantoonni Aadaafi Turizimii Oromiyaafi qaamolee biroon deggarsa barbaachisu otoo taasisanii gaariidha.

Artiin dinagdee keenya jijjiiruu, seenaa, aadaafi duudhaa saba keenyaa beeksisuufi guddisuu keessatti gahee guddaa qaba jedheen amana. Warri ‘Holy Wood’ eenyummaa, siyaasaafi seenaa saba keessaa bahanii maal akka fakkaatu addunyaatti agarsiisaa jiru. Siyaasni, dinagdeen, bareedinni magaalaasaanii maal akka fakkaatu fiilmiisaaniitiin agarsiisaa jiru.

Bariisaa: Aartiin hawaasa bashannansiisaa barsiisuu keessatti gahee akkamii qaba?

Dargaggoo Wabii: Waan aartiidhaan dhabne artiidhaan deebisnee ijaaruu dandeenya. Seenaa dharaa artiidhaan nurratti barreeffame artiidhumaan dhugaasaa baafnee barreessuu qabna. Aartii guddisuun dirqama artistootaa qofa utuu hintaane kan lammii hundaati. Aartii kan guddatu qindoomina ogummaa, maallaqaa, beekumsaafi kkfni.

Aartiin meeshaa humna guddaa qabuudha. Aartiin ergaa mi’aawaa namni salphaatti irraa baratuudha. Aartiin haala salphaan hawaasaaf ergaa dabarsuufi dammaqsuurrattis humna guddaa qaba. Humna guddaa kana sirriitti dhimma itti ba’uuf hunduu gama gamasaatiin tumsuu qaba.

Hojii aartii itti dhama’amee hojjettee daawwataafi dubbisaan hinjiru taanaan gatii hinqabu. Kanaaf, daawwataafi dubbisaan artii jajjabeessuudhaan, qeequufi yaada ittikennuudhaan qoodasaa bahachuu qaba.

Bariisaa: Xumurarratti yaadaafi ergaa dabalataa yoo qabaatte?

Dargaggoo Wabii: Ergaan koo xumuraa taatotaafi. Artistoonni keenya hangafoonni utuu jireenya qananii jiraachuu qabanii otoo hinguutiiniif darbaniiru. Artistoonni keenya har’aas nama isaan jajjabeessu dhabuudhaan abdii kutachuu danda’u. Waan itti dhama’anii hojjechaa jiraniin garuu siidaa seenaa ijaaraa jiru. Siidicha maallaqa itti argachuufi ittiin beekamuuf utuu hintaane, afaan, aadaa, duudhaafi seenaa hawaasichaa guddisuuf gatii kaffaluu qabu.

Artistoonni Oromoo hundi yeroo hundumaa waliyyaafachuufi hamilee waliif kennuu, walbarbaaduufi walgorsuun tokkummaan aartii sabichaa guddisuurratti xiyyeeffachuu qabu. Artistoonni Oromoo, waljajjabeessuu, walijaaruu, hamilee cimaa qabaachuu, walkabajuufi walbarbaaduu qabu. Inni daandii qabate isa duubaan dhufu jajjabeessuu qaba ergaa jedhun dabarsaaf.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ Wabii Kabbadaa Barkeessaa: Barreessaafi taatoo ijoo tiyaatira ‘Ganamee’”

Comments are closed.