Omisha qamadii Oromiyaa: Abdii wabii nyaataafi sharafa biyya alaa

Warraaqsa siyaasaa mootummaa humnaan biyya bulchaa ture hundeedhaa diiguuf akka biyyaatti keessumattuu Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa tureen dinagdeen, qabeenyifi hariiroon hawaasaa gama daldalaa, omishaafi omishtummaa laamsha’ee ture.

Mootummaan jijjiiramaa yeroo ammaa aangoorra jiru, bu’aa dhiigaafi lafee ilmaan Oromoo ta’e dinagdee hawaasaa warraaqsa siyaasaan laamsha’ee ture bayyanachiisuuf warraaqsa dinagdee eegalameen makaanaayizeeshinii qonnaa teknolojiin deggarame babal’isuu hojiisaa godhatee hojjetaa tureera.

Adeemsa kanaan mul’ataafi manii qabame milkeessuuf duula eegalameen jijjiiramoonni gurguddaa galmaa’aa kan jiran yoo ta’u, keessumattuu dhiyeessii tiraaktaraa, paampiifi galteewwan qonnaa gara biraan qonnaan bulaa cinaa dhaabachuun imala omishaafi omishtummaa guddisuun hiyyummaa seenaa gochuun qonnaan bulaan akka humnaa’u taasisaniiru.

Olaantummaan siyaasaan argame dinagdeen yoo deggaramuudhaa baate eessayyuu ga’uun akka hindanda’amne kan amane mootummaan naannoo Oromiyaa qamadii eeguurra qamadii erguun seenaa Oromoo, Oromiyaafi kan Itoophiyaa jijjiiruu danda’eera.

Qorannoo bara kana akka naannoo Oromiyaatti taasifamaa tureen bara hojii 2015/16 lafa hektaara kuma 836 qonna gannaan uwwifamuudha Pirezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa yaa’ii Caffee tibbana taa’amerratti kan dubbatan.

Akkasaan jedhanitti, bara omishaa 2015/16 lafa hektaara miliyoona 2.2 omisha qamadii gannatiin uwwisuuf karoorfamee hanga ammaatti hektaarri kumni 836 ol kan faca’e yoo ta’u, sochii wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbamee sharafa alaa argamsiisuuf taasifamu dhugoomsuu keessatti bakka olaanaa qabaata. Bara omishaa 2015 keessa omishaaleen qamadii xiyyeeffannoo argatanii makaanaayizeeshinii qonna ammayyaan deggaramanii omishaman kan eegameen olitti jijjiirama argamsiisuun gabaa alergiif dhiyaataniiru.

Kun seenaa Oromoo jijjiiruun alatti Itoophiyaan wabii midhaan nyaataan of dandeessee gabaa alergiif dhiyeessuu danda’uunshee rakkoo ilaalchaa kanaan dura ture maqaa golgaa hiyyummaa biyyattiitti moggaafamee ture tarsaasuun miira nidanda’amaa nama keessatti horu, imalli badhaadhinaa qabatamee ka’es daandii sirriirra jiraachuu agarsiistuu ta’uus ni kaasu. Hojiin misooma qonnaan hojjetamaa jiru bu’aa guddaa kan galmeessise waan ta’eef ammallee xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jiraachuus ni eeru.

Karoora bara omisha 2016 midhaaniin uwwisuuf qabame hektaara miliyoona 2.2 keessaa hektaarri kumni 836 kan uwwifame yoo ta’u, kan bara omisha 2014/15 wajjin walbira qabamee yoo madaalamu garagarummaa hektaara kuma 500n caalmaa qaba jedhu.

Wabii midhaan nyaataan of danda’anii gabaa alergiif dhiyeessuun waan guddaa ta’uu kaasanii, sanuu dhibee koronaa, walwaransaafi hongee keessa ta’amee bu’aan galmaa’e kun jijjirama guddaa abdii namatti horu ta’u himu. Bu’aa galmaa’e kanaan kabajaafi ulfinni kan maluuf qonnaan bulaa dadhabe , mudhuke osoo hinjedhiin bona aduu, ganna qorraafi rooba danda’ee isa milkaa’ina kanaan ga’e utubuufi humneessuun barbachisaa waan ta’eef dhiyeessiin teknolojii qonna ammayyaa dabalaa akka deemus Obbo Shimallis kaasaniiru.

Bu’an amma gama omishaafi omishtummaa qamadiin galmaa’e kun kan jalqabaa ta’us guutuu Oromiyaatti warraaqsicha si’eessuun seenaa addaa hojjechuun hiyyummaa seenaa gochuuf kutannaan jiru olaanaa ta’uu ibsanii, hudhaalee damee qonnaa booddeetti harkisaa jiran keessaa inni duraa dhiyeessiiwwan qonnaa hanqina godhachuu, keessumaa xaa’oon alarraa fe’amaa jiru biyya keessa erga galee guyyaa tokko osoo hinbuliin qonnaan bulaaf akka qaqqabu hojjetamaa turuu ibsu.

Kun ta’us akkaataa barbaadameen waliin gahuurratti hanqinni jiraachuu eeranii, bakka humnaa ol ta’etti itti fayyadama kompoostii fooyyessuun lafti hagabuu akka hinbulle hojjetamuu akka qabu kallattii kaa’aniiru. Milkaa’iinni gama maraan ilaalamu kamiyyuu hundeensaa qonna akka ta’ellee kaasanii omishaafi omishtummaan dachaan akka dabaluuf warraaqsi dinagdee eegalame ammallee cimee kan itti fufu ta’uu yaadachiisaniiru.

Hudhaan biraa damee qonnaa qoraa jiru rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessatti mudachaa jiru yoo ta’u, kun mariin akka furamuuf kutannoo mootummaan agarsiisaa jiru olaanaa ta’uu ibsanii, kanaafis mariin barbaachisu akka taasifamuuf balballi mootummaa banaa ta’uufi obboleeyyan qabsoo waraanaa taasisaa jiran ilaalchasanii gara mariitti jijjiruun Oromiyaa waliin ijaaruun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Waraanni dinagdee huba; kanamalees hawaasa deggarsa barbaaduuf deggarsa biraan ga’uurratti rakkoo uuma kan jedhan Obbo Shimallis, akka fakkeenyaatti dhiyeessiin xaa’oo alaa galu hanqina akka godhatuuf walwaraansi Raashiyaafi Yuukireen sababa ta’uu kaasu.

“Qaawwa nuti walitti bannu diina keenyaaf karra saaquu waan danda’uuf waldhabdee keenya ilaafi ilaameen furree ummata Oromoo guddaa kana dinagdeen guddisuun dirqama hundaa keenyaati. Naannoon keenya dachee magariituu, dinagdeen badhaate ofirra dabartee Itoophiyaa maqaa waamsistu akka taatuuf halkanii guyyaa hojjechuun hunda keenyarraa eegama. Dhaloota nu duuba jiru hiyyummaa dhaalchisuu hinqabnu. Isa kanaafis warraaqsi dinagdee qamadii omishuun wabii midhaan nyaataan of danda’uufi gabaa alergiif dhiyeessuu akka milkaa’uuf of kennanii hojjechuun murteessaadha” jedhu.

Warraaqsa dinagdee wabii midhaan nyaataan of danda’uu hanga gabaa alergiif dhiyeessuu mirkaneessuun alatti duulli ashaaraa magariisaa qubachiisuu eegalames cimuunsaa jijjiirama guddaa galmeessisaa jiraachuu himanii, Oromiyaa ashaaraa magariisaan uwwisuun balaa hongee darbee darbee qormaata ta’aa jiru ofirraa ittisuun aadaa waggaatti lama omishuu akka horatamu taasisaa jiraachuus ni ibsu.

Akka ibsa Obbo Shimallisitti, dhaabbii biqiltuu waggaa waggaan gaggeeffamaa jiruun jijjiirama haala qilleensaan hongee mudateen gaaga’ama dinagdee qaqqabaa ture akka hir’atuf bu’uura kan buusudha. Aadaan bishan cimmisuu, jallisiin fayyadamuu gabbachuun hirkattummaan roobaa akka hafu kan taasisu yoo ta’u, waggatti lama omishuun omishaafi omishtummaan dachaan akka dabalu gochaa jira.

“Dhaloota hiyyummaa hindhaalchisnu jennee erga kaanee warraaqsa dinagdee omisha qamadiifi kanneen biroorratti eegalame finiinsuun dirqama waan ta’eef karoora bara oomisha 2015/16 lafa hektaara miliyoona 2.2 omishan uwwisuuf qabame keessaa lafti hektaarri kuma 836 ammaantana milkaa’uunsaa jajjabeessaadha. Kanamalees karooraa ol hojjechuuf ammallee yeroon akka jiru kan agarsiisu waan ta’eef haalota gara garaan osoo hindaanga’iin bakkeewwan dhiyeessiin qonnaa hanqina godhatetti kompoostii omishuun manii qabame galmaan ga’uuf duulichi itti fufuu qaba” jedhu.

Gama biraan makanaayizeeshinii qonna ammayyaa babal’isuuf dhiyeessiin tiraaktaraafi paampii jallisii kanaan dura taasifamaa ture bara itti aanuttis jechuunis bara omishaa 2016 keessa dabalataan qonnaan bulaaf akka kennamu hojjetamaa jiraachu ibsu.

Walumaagalatti Oromiyaan omishaafi omishtummaashee dachaan dabaluun wabii midhaan nyaataan of danda’uurra dabartee Itoophiyaaf sharafa alaa argamsiisuun maqaa hiyyummaa biyyattiitti moggaafame irraa kaasuun biyya badhaate ijaaruuf naannoo dursaa jirtu waan taateef utubuufi deggaruun dirqama lammiilee hundaati.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “Omisha qamadii Oromiyaa: Abdii wabii nyaataafi sharafa biyya alaa”

  1. Pingback: phuket diving

Comments are closed.